< 1 Saamuʼeel 4 >

1 Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe. Israaʼeloonni Filisxeemota waraanuudhaaf baʼan. Israaʼeloonnis Ebeenezer bira, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa qubatan.
I słowo Samuela dotarło do całego Izraela. W tym czasie Izrael wyruszył przeciwko Filistynom do walki i rozbili obóz koło Ebenezer. Filistyni zaś rozbili obóz w Afek.
2 Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman.
Wtedy Filistyni ustawili się w szyku bojowym przeciwko Izraelowi. Gdy walka rozgorzała, Izrael został pobity przez Filistynów, którzy zabili na polu bitwy około czterech tysięcy ludzi.
3 Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa Waaqayyo maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan.
I kiedy lud wrócił do obozu, starsi Izraela powiedzieli: Dlaczego PAN pobił nas dziś przed Filistynami? Sprowadźmy do siebie z Szilo arkę przymierza PANA, by weszła między nas i wybawiła nas z rąk naszych wrogów.
4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan.
Posłał więc lud do Szilo, by sprowadzić stamtąd arkę przymierza PANA zastępów, który zasiada między cherubinami. Byli tam też z arką przymierza Boga dwaj synowie Helego, Chofni i Pinchas.
5 Yommuu taabonni kakuu Waaqayyoo gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan.
A gdy arka przymierza PANA przybyła do obozu, cały Izrael zawołał wielkim głosem, że aż ziemia zadrżała.
6 Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan. Yommuu akka taabonni kakuu Waaqayyoo achi gale hubatanittis,
Kiedy Filistyni usłyszeli ten okrzyk, pytali: Cóż to za wielki okrzyk w obozie Hebrajczyków? I dowiedzieli się, że arka PANA przybyła do obozu.
7 Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku.
I Filistyni zlękli się, gdyż mówiono: Bóg przybył do ich obozu. I mówili: Biada nam, bo czegoś takiego nigdy przedtem nie było.
8 Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha.
Biada nam! Któż nas wybawi z rąk tych potężnych bogów? To są ci bogowie, którzy porazili Egipt wszelką plagą na pustyni.
9 Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!”
Umacniajcie się i bądźcie mężni, o Filistyni, abyście nie służyli Hebrajczykom, tak jak [oni] wam służyli. Bądźcie więc mężni i walczcie!
10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde.
Wtedy Filistyni walczyli, a Izrael został pokonany i każdy uciekał do swego namiotu. Była to wielka klęska, gdyż poległo trzydzieści tysięcy z piechoty Izraela.
11 Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
I arka Boga została zabrana, a dwaj synowie Heliego, Chofni i Pinchas, polegli.
12 Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe.
A pewien Beniaminita uciekł z bitwy i przyszedł do Szilo tego samego dnia w podartej szacie i z prochem na swojej głowie.
13 Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan.
Kiedy przyszedł, oto Heli siedział na krześle przy drodze i wyczekiwał, bo jego serce drżało o arkę Boga. Gdy ten człowiek przyszedł do miasta i opowiedział o tym, całe miasto podniosło krzyk.
14 Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate. Namichi sunis dafee dhufee Eeliitti hime;
I kiedy Heli usłyszał ten krzyk, powiedział: Cóż to za zgiełk? A ten człowiek śpiesznie przyszedł i oznajmił o tym Heliemu.
15 yeroo kana Eeliin nama waggaa sagaltamii saddeet waan tureef iji isaa arguu dadhabee ture.
A Heli miał już dziewięćdziesiąt osiem lat i jego oczy tak zasłabły, że nie mógł [nic] widzieć.
16 Namichis, “Ani ammuma adda waraanaatii dhufuu koo ti; waraana keessaa miliqee baʼuun koos harʼuma” jedhee Eeliitti hime. Eeliinis, “Yaa ilma ko, maaltu taʼe ree?” jedhee gaafate.
Człowiek ten powiedział do Heliego: Przychodzę z bitwy, bo dziś z niej uciekłem. On zaś zapytał: Cóż [tam] się stało, mój synu?
17 Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen.
Posłaniec odpowiedział: Izrael uciekł przed Filistynami i lud poniósł wielką klęskę. Zginęli także twoi dwaj synowie, Chofni i Pinchas, a arka Boga została zabrana.
18 Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture.
A gdy wspomniał o arce Boga, [Heli] spadł z krzesła na wznak obok bramy, złamał sobie kark i umarł. [Był] bowiem człowiekiem starym i ociężałym, a sądził Izraela przez czterdzieści lat.
19 Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse.
Jego synowa, żona Pinchasa, była brzemienna i bliska porodu, a gdy usłyszała wieści o zabraniu arki Bożej i o śmierci jej teścia i męża, skuliła się i urodziła. Dosięgły ją bowiem bóle [porodowe].
20 Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne.
Gdy umierała, [kobiety], które były przy niej, powiedziały: Nie bój się, bo urodziłaś syna. Lecz ona nic nie odpowiedziała ani nie zwróciła [na to] uwagi.
21 Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte.
I nazwała dziecko Ikabod, mówiąc: Odeszła chwała od Izraela – z powodu zabrania arki Boga i z powodu jej teścia i męża.
22 Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette.
Dlatego powiedziała: Odeszła chwała od Izraela, gdyż arka Boga została zabrana.

< 1 Saamuʼeel 4 >