< 1 Saamuʼeel 31 >

1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
Basi Wafilisti wakapigana dhidi ya Waisraeli. Waisraeli wakakimbia mbele ya Wafilisti na wakaanguka chini wakafa katika mlima wa Gilboa.
2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
Wafilisti wakamwandama Sauli na wanawe kwa karibu. Wakawaua wanawe Yonathani, Abinadabu, and Malkishua.
3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan.
Vita vikamwelemea Sauli, na wapiga upinde wakampata. Akapata maumivu makali kwa sababu yao.
4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
Kisha Sauli akamwambia mbeba silaha wake, “Chomoa upanga wako unichome nao. Vinginevyo, hawa wasiotahiriwa watakuja na kuninyanyasa.” Lakini mbeba silaha wake hakukubali, kwa kuwa aliogopa sana. Hivyo Sauli alichukua upanga wake mwenyewe na kuuangukia.
5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe.
Yule mbeba silaha akaona kwamba Sauli amekufa, yeye naye vivyo hivyo akauangukia upanga wake akafa pamoja naye.
6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman.
Kwa hiyo Sauli alikufa, wanawe watatu, na mbeba silaha wake - watu hawa wote walikufa pamoja siku iyo hiyo.
7 Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
Watu wa Israeli waliokuwa upande mwingine wa bonde, na hao waliokuwa ng'ambo ya Yordani, walipoona kwamba Waisraeli wamekimbia, na kwamba Sauli na wanawe wamekufa, waliiacha miji yao na kukimbia, nao Wafilisti wakaja na kukaa humo.
8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
IKawa katika siku iliyofuata, Wafilisti wakafika kuchukua nyara za waliokufa, ndipo wakamuona Sauli na wanawe watatu wameanguka juu ya mlima wa Gilboa.
9 Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan.
Nao wakakata kichwa chake na kuondoa silaha zake, na wakawatuma wajumbe kwenda pande zote katika nchi ya Wafilisti kutangaza habari hizo katika mahekalu yao ya sanamu na kwa watu.
10 Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan.
Wakaziweka silaha zake katika hekalu la Ashtorethi, nao wakakitundika kiwiliwili chake kwenye ukuta wa mji wa Bethi Shani.
11 Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
Na wenyeji wa Yabeshi Gileadi waliposikia kile Wafilisti walichomfanyia Sauli,
12 namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban.
wapiganaji wote wakainuka na kwenda usiku wote na wakauondoa mwili wa Sauli na miili ya wanawe kutoka ukuta wa Bethi Shani. Nao wakaenda Yabeshi na wakaichoma moto hiyo miili huko.
13 Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.
Kisha wakachukua mifupa yao na kuizika chini ya mti wa mkwaju huko Yabeshi, na wakafunga siku saba.

< 1 Saamuʼeel 31 >