< 1 Saamuʼeel 31 >

1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
Now the Philistines were fighting against Israel: and the men of Israel went in flight before the Philistines, falling down wounded in Mount Gilboa.
2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
And the Philistines overtook Saul and his sons; and they put to death Jonathan and Abinadab and Malchi-shua, the sons of Saul.
3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan.
And the fight was going badly for Saul, and the archers came across him, and he was wounded by the archers.
4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
Then Saul said to the servant who had the care of his arms, Take out your sword and put it through me, before these men without circumcision come and make sport of me. But his servant, full of fear, would not do so. Then Saul took out his sword, and falling on it, put an end to himself.
5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe.
And when his servant saw that Saul was dead, he did the same, and was united with him in death.
6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman.
So death overtook Saul and his three sons and his servant on the same day.
7 Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
And when the men of Israel across the valley and on the other side of Jordan saw that the army of Israel was in flight and that Saul and his sons were dead, they came out of their towns and went in flight; and the Philistines came and took them for themselves.
8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
Now on the day after, when the Philistines came to take their goods from the dead, they saw Saul and his three sons dead on the earth in Mount Gilboa.
9 Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan.
And cutting off his head and taking away his war-dress, they sent word into the land of the Philistines round about, to take the news to their gods and to the people.
10 Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan.
His war-dress they put in the house of Astarte; and his body was fixed on the wall of Beth-shan.
11 Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
And when the people of Jabesh-gilead had news of what the Philistines had done to Saul,
12 namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban.
All the fighting men got up and, travelling all night, took Saul's body and the bodies of his sons from the wall of Beth-shan; and they came to Jabesh and had them burned there.
13 Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.
And their bones they put in the earth under a tree in Jabesh; and for seven days they took no food.

< 1 Saamuʼeel 31 >