< 1 Saamuʼeel 30 >

1 Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban;
And it came to pass, when David and his men came to Ziklag on the third day, that the Amalekites had made a raid upon the south, and upon Ziklag, and smitten Ziklag and burned it with fire;
2 dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.
and had taken the women captives that were in it; both great and small: they had put none to death, but had carried them off, and went on their way.
3 Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan.
And David and his men came to the city, and behold, it was burnt with fire; and their wives, and their sons, and their daughters were taken captives.
4 Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan.
Then David and the people that were with him lifted up their voice and wept, until they had no more power to weep.
5 Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan.
And David's two wives were taken captives, Ahinoam the Jizreelitess, and Abigail the wife of Nabal the Carmelite.
6 Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu Waaqayyo Waaqa isaatiin jabina argate.
And David was greatly distressed; for the people spoke of stoning him; for the soul of all the people was embittered, every man because of his sons and because of his daughters; but David strengthened himself in Jehovah his God.
7 Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef;
And David said to Abiathar the priest, Ahimelech's son, Bring near to me, I pray thee, the ephod. And Abiathar brought the ephod near to David.
8 Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen.
And David inquired of Jehovah, saying, Shall I pursue after this troop? shall I overtake them? And he said to him, Pursue; for thou shalt assuredly overtake [them] and shalt certainly recover.
9 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan.
So David went, he and the six hundred men that were with him, and they came to the torrent Besor; and those that were left stayed behind.
10 Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.
And David pursued, he and four hundred men; for two hundred stayed behind, who were too exhausted to go over the torrent Besor.
11 Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif.
And they found an Egyptian in the field, and brought him to David, and gave him bread, and he ate; and they gave him water to drink,
12 Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
and gave him a piece of fig-cake and two raisin-cakes, and he ate, and his spirit came again to him; for he had eaten no bread, nor drunk any water, for three days and three nights.
13 Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme.
And David said to him, To whom belongest thou? and whence art thou? And he said, I am a young man of Egypt, servant of an Amalekite; and my master left me, because three days ago I fell sick.
14 Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.”
We made a raid against the south of the Cherethites, and against what [belongs] to Judah, and against the south of Caleb; and we burned Ziklag with fire.
15 Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen. Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe.
And David said to him, Canst thou bring me down to this troop? And he said, Swear to me by God, that thou wilt neither put me to death nor deliver me up into the hand of my master, and I will bring thee down to this troop.
16 Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan.
And he brought him down, and behold, they were spread over the whole land, eating and drinking, and dancing, because of all the great spoil that they had taken out of the land of the Philistines, and out of the land of Judah.
17 Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne.
And David smote them from the twilight even to the evening of the next day; and there escaped not a man of them, save four hundred young men, who rode upon camels, and fled.
18 Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate.
And David recovered all that the Amalekites had taken: and David recovered his two wives.
19 Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide.
And there was nothing missed by them, neither small nor great, neither sons nor daughters, neither spoil nor anything that they had taken: David brought all back.
20 Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.
And David took all the flocks and the herds, [which] they drove before the other cattle, and said, This is David's spoil.
21 Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate.
And David came to the two hundred men who had been too exhausted to follow David, and whom they had left behind at the torrent Besor; and they went forth to meet David, and to meet the people that were with him; and David drew near to the people and saluted them.
22 Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan.
And all the wicked men, and [men] of Belial, of those that had gone with David, answered and said, Because they went not with us, we will not give them [aught] of the spoil that we have recovered, save to every man his wife and his children, that they may lead [them] away and depart.
23 Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Waaqayyo nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera.
Then said David, Ye shall not do so, my brethren, with that which Jehovah has given us, who has preserved us, and given the troop that came against us into our hand.
24 Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.”
And who will hearken to you in this matter? For as his share is that goes down to the battle, so shall his share be that abides by the baggage: they shall share alike.
25 Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.
And it was [so] from that day forward; and he made it a statute and an ordinance for Israel to this day.
26 Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota Waaqayyoo keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.
And David came to Ziklag, and he sent of the spoil to the elders of Judah, to his friends, saying, Behold a present for you of the spoil of the enemies of Jehovah:
27 Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif,
to those in Bethel, and to those in south Ramoth, and to those in Jattir,
28 warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa,
and to those in Aroer, and to those in Siphmoth, and to those in Eshtemoa,
29 warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif,
and to those in Rachal, and to those in the cities of the Jerahmeelites, and to those in the cities of the Kenites,
30 warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak,
and to those in Hormah, and to those in Chor-ashan, and to those in Athach,
31 warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.
and to those in Hebron, and to all the places where David himself and his men went about.

< 1 Saamuʼeel 30 >