< 1 Saamuʼeel 28 >

1 Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
Naquela época, os filisteus reuniam seus exércitos para a guerra, para lutar com Israel. Achish disse a David: “Saiba com certeza que você vai sair comigo no exército, você e seus homens”.
2 Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe. Aakiish deebisee, “Baayʼee gaarii dha; ani bara jireenya koo guutuu waardiyyaa koo sin godhadha” jedhe.
David disse para Achish: “Portanto, você saberá o que seu servo pode fazer”. Achish disse a David: “Portanto, farei de você meu guarda-costas para sempre”.
3 Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
Now Samuel estava morto, e todo Israel tinha chorado por ele e o enterrou em Ramah, mesmo em sua própria cidade. Saul havia expulsado da terra aqueles que tinham espíritos familiares e os feiticeiros.
4 Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate.
Os filisteus se reuniram, e vieram e acamparam em Shunem; e Saul reuniu todo o Israel, e eles acamparam em Gilboa.
5 Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame.
Quando Saul viu o exército dos filisteus, ficou com medo, e seu coração tremeu muito.
6 Innis Waaqayyoon gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef.
Quando Saulo perguntou a Javé, Javé não lhe respondeu por sonhos, por Urim, ou por profetas.
7 Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe. Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan.
Então Saul disse a seus servos: “Busquem para mim uma mulher que tenha um espírito familiar, para que eu possa ir até ela e inquirir dela”. Seus servos lhe disseram: “Eis que há uma mulher que tem um espírito familiar em Endor”.
8 Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
Saul se disfarçou e vestiu outras roupas, e foi, ele e dois homens com ele, e eles chegaram à mulher à noite. Então ele disse: “Por favor, consultem-me pelo espírito familiar, e me levantem quem quer que eu vos nomeie”.
9 Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
A mulher lhe disse: “Eis que você sabe o que Saul fez, como cortou da terra os que têm espíritos familiares e os feiticeiros”. Por que, então, você coloca uma armadilha para minha vida, para me causar a morte”?
10 Saaʼolis maqaa Waaqayyootiin isheef kakatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe.
Saul jurou-lhe por Javé, dizendo: “Como Javé vive, nenhuma punição lhe acontecerá por esta coisa”.
11 Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte. Innis, “Saamuʼeelin ol naaf baasi” jedhe.
Então a mulher disse: “Quem devo criar para você?”. Ele disse: “Tragam o Samuel para mim”.
12 Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
Quando a mulher viu Samuel, chorou em voz alta; e a mulher falou com Saul, dizendo: “Por que você me enganou? Porque você é Saul”!
13 Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe. Dubartiin sunis, “Ani hafuura lafa keessaa ol baʼaa jiru tokko nan arga” jette.
O rei disse a ela: “Não tenha medo! O que você vê?” A mulher disse a Saul: “Vejo um deus saindo da terra”.
14 Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate. Isheenis, “Jaarsi wayyaa dheeraa uffate tokko ol baʼaa jira” jette. Saaʼolis akka namni sun Saamuʼeel taʼe beeke; gad jedhees addaan lafatti gombifamee sagade.
Ele lhe disse: “Como ele se parece?” Ela disse: “Um homem velho vem à tona. Ele está coberto com um roupão”. Saul percebeu que era Samuel, e curvou-se com o rosto no chão, e mostrou respeito.
15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe. Saaʼolis akkana jedheen, “Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Waaqnis narraa garagaleera. Inni raajotaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe.”
Samuel disse a Saul: “Por que você me incomodou, para me educar?” Saul respondeu: “Estou muito angustiado, pois os filisteus fazem guerra contra mim, e Deus se afastou de mim, e não me responde mais, por profetas, ou por sonhos. Por isso eu vos chamei, para que me façais saber o que devo fazer”.
16 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga Waaqayyo sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta?
Samuel disse: “Por que então você me pergunta, já que Javé se afastou de você e se tornou seu adversário?
17 Waaqayyo waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. Waaqayyo mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera.
Yahweh fez com você enquanto ele falava por mim. Javé arrancou o reino de sua mão e o deu a seu vizinho, até mesmo a David.
18 Sababii ati Waaqayyoof hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif Waaqayyo harʼa waan kana sitti fideera.
Porque você não obedeceu à voz de Javé, e não executou sua ira feroz contra Amalek, portanto Javé fez isso com você hoje.
19 Israaʼelii fi siʼi illee Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. Waaqayyos loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.”
Além disso, Javé entregará Israel também com você na mão dos filisteus; e amanhã você e seus filhos estarão comigo. Iavé entregará o exército de Israel também na mão dos filisteus”.
20 Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
Então Saul caiu imediatamente sobre a terra, e ficou aterrorizado, por causa das palavras de Samuel. Não havia força nele, pois ele não tinha comido pão o dia todo ou a noite toda.
21 Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera.
A mulher veio a Saul e viu que ele estava muito perturbado, e lhe disse: “Eis que seu servo escutou sua voz, e eu pus minha vida em minhas mãos, e escutei suas palavras que você me dirigiu.
22 Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
Agora, portanto, por favor, escute também a voz de seu servo, e deixe-me colocar um pedaço de pão diante de você. Coma, para que você possa ter forças quando seguir seu caminho”.
23 Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide. Taʼus namoonni isaa dubartittii wajjin isa jajjabeessinaan inni isaan dhagaʼe. Lafaa kaʼees siree irra taaʼe.
Mas ele recusou, e disse: “Não vou comer”. Mas seus criados, juntamente com a mulher, o constrangeram; e ele ouviu a voz deles. Então ele se levantou da terra e sentou-se na cama.
24 Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite.
A mulher tinha um bezerro engordado em casa. Ela se apressou e o matou; pegou farinha e o amassou, e cozeu dele pão ázimo.
25 Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.
Ela a trouxe diante de Saul e de seus criados, e eles comeram. Então eles se levantaram e foram embora naquela noite.

< 1 Saamuʼeel 28 >