< 1 Saamuʼeel 26 >

1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan.
西弗人到基比亚见扫罗,说:“大卫不是在旷野前的哈基拉山藏着吗?”
2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe.
扫罗就起身,带领以色列人中挑选的三千精兵下到西弗的旷野,要在那里寻索大卫。
3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti,
扫罗在旷野前的哈基拉山,在道路上安营。大卫住在旷野,听说扫罗到旷野来追寻他,
4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.
就打发人去探听,便知道扫罗果然来到。
5 Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.
大卫起来,到扫罗安营的地方,看见扫罗和他的元帅尼珥的儿子押尼珥睡卧之处;扫罗睡在辎重营里,百姓安营在他周围。
6 Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate. Abiishaayis, “Anatu si wajjin seena” jedhe.
大卫对赫人亚希米勒和洗鲁雅的儿子约押的兄弟亚比筛说:“谁同我下到扫罗营里去?”亚比筛说:“我同你下去。”
7 Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.
于是大卫和亚比筛夜间到了百姓那里,见扫罗睡在辎重营里;他的枪在头旁,插在地上。押尼珥和百姓睡在他周围。
8 Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe.
亚比筛对大卫说:“现在 神将你的仇敌交在你手里,求你容我拿枪将他刺透在地,一刺就成,不用再刺。”
9 Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama Waaqayyo dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa?
大卫对亚比筛说:“不可害死他。有谁伸手害耶和华的受膏者而无罪呢?”
10 Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa.
大卫又说:“我指着永生的耶和华起誓,他或被耶和华击打,或是死期到了,或是出战阵亡;
11 Garuu akka ani dibamaa Waaqayyootti harka koo ol hin kaafanne Waaqayyo na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.”
我在耶和华面前,万不敢伸手害耶和华的受膏者。现在你可以将他头旁的枪和水瓶拿来,我们就走。”
12 Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii Waaqayyo hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.
大卫从扫罗的头旁拿了枪和水瓶,二人就走了,没有人看见,没有人知道,也没有人醒起,都睡着了,因为耶和华使他们沉沉地睡了。
13 Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture.
大卫过到那边去,远远地站在山顶上,与他们相离甚远。
14 Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe. Abneeris deebisee, “Ati kan mootiitti iyyitu eenyu?” jedhe.
大卫呼叫百姓和尼珥的儿子押尼珥说:“押尼珥啊,你为何不答应呢?”押尼珥说:“你是谁?竟敢呼叫王呢?”
15 Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii.
大卫对押尼珥说:“你不是个勇士吗?以色列中谁能比你呢?民中有人进来要害死王—你的主,你为何没有保护王—你的主呢?
16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa Waaqayyoo sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?”
你这样是不好的!我指着永生的耶和华起誓,你们都是该死的;因为没有保护你们的主,就是耶和华的受膏者。现在你看看王头旁的枪和水瓶在哪里。”
17 Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe. Daawitis, “Eeyyee; sagalee koo ti; yaa gooftaa koo mootii” jedhee deebise.
扫罗听出是大卫的声音,就说:“我儿大卫,这是你的声音吗?”大卫说:“主—我的王啊,是我的声音”;
18 Itti fufees akkana jedhe; “Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba?
又说:“我做了什么?我手里有什么恶事?我主竟追赶仆人呢?
19 Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo Waaqayyo natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula Waaqayyoo duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala Waaqayyoo keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqota biraa tajaajili’ jedhan.
求我主我王听仆人的话:若是耶和华激发你攻击我,愿耶和华收纳祭物;若是人激发你,愿他在耶和华面前受咒诅;因为他现今赶逐我,不容我在耶和华的产业上有分,说:‘你去事奉别神吧!’
20 Dhiigni koo fuula Waaqayyoo duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera.”
现在求王不要使我的血流在离耶和华远的地方。以色列王出来是寻找一个虼蚤,如同人在山上猎取一个鹧鸪一般。”
21 Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.”
扫罗说:“我有罪了!我儿大卫,你可以回来,因你今日看我的性命为宝贵;我必不再加害于你。我是糊涂人,大大错了。”
22 Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu.
大卫说:“王的枪在这里,可以吩咐一个仆人过来拿去。
23 Waaqayyo nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. Waaqayyo harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa Waaqayyootti harka ol hin fudhadhu.
今日耶和华将王交在我手里,我却不肯伸手害耶和华的受膏者。耶和华必照各人的公义诚实报应他。
24 Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, Waaqayyos lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu.”
我今日重看你的性命,愿耶和华也重看我的性命,并且拯救我脱离一切患难。”
25 Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe. Kanaafuu Daawit karaa isaa itti fufe; Saaʼolis gara manaatti deebiʼe.
扫罗对大卫说:“我儿大卫,愿你得福!你必做大事,也必得胜。”于是大卫起行,扫罗回他的本处去了。

< 1 Saamuʼeel 26 >