< 1 Saamuʼeel 25 >

1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
When Samuel died, all Israel gathered to mourn for him; and they buried him at his home in Ramah. Then David set out and went down to the Wilderness of Paran.
2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture.
Now there was a man in Maon whose business was in Carmel. He was a very wealthy man with a thousand goats and three thousand sheep, which he was shearing in Carmel.
3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb.
His name was Nabal, and his wife’s name was Abigail. She was an intelligent and beautiful woman, but her husband, a Calebite, was harsh and evil in his dealings.
4 Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe.
While David was in the wilderness, he heard that Nabal was shearing sheep.
5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa.
So David sent ten young men and instructed them, “Go up to Nabal at Carmel. Greet him in my name
6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
and say to him, ‘Long life to you, and peace to you and your house and to all that belongs to you.
7 “‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne.
Now I hear that it is time for shearing. When your shepherds were with us, we did not harass them, and nothing of theirs was missing the whole time they were in Carmel.
8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’”
Ask your young men, and they will tell you. So let my young men find favor with you, for we have come on the day of a feast. Please give whatever you can afford to your servants and to your son David.’”
9 Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.
When David’s young men arrived, they relayed all these words to Nabal on behalf of David. Then they waited.
10 Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru.
But Nabal asked them, “Who is David? Who is this son of Jesse? Many servants these days are breaking away from their masters.
11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?”
Why should I take my bread and water and the meat I have slaughtered for my shearers, and give them to these men whose origin I do not know?”
12 Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan.
So David’s men turned around and went back, and they relayed to him all these words.
13 Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.
And David said to his men, “Strap on your swords!” So David and all his men put on their swords, and about four hundred men followed David, while two hundred stayed with the supplies.
14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse.
Meanwhile, one of Nabal’s young men informed Nabal’s wife Abigail, “Look, David sent messengers from the wilderness to greet our master, but he scolded them.
15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne.
Yet these men were very good to us. When we were in the field, we were not harassed, and nothing of ours went missing the whole time we lived among them.
16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan.
They were a wall around us, both day and night, the whole time we were herding our sheep near them.
17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.”
Now consider carefully what you must do, because disaster looms over our master and all his household. For he is such a scoundrel that nobody can speak to him!”
18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte.
Then Abigail hurried and took two hundred loaves of bread, two skins of wine, five butchered sheep, five seahs of roasted grain, a hundred clusters of raisins, and two hundred cakes of figs. She loaded them on donkeys
19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.
and said to her young men, “Go ahead of me. I will be right behind you.” But she did not tell her husband Nabal.
20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte.
As Abigail came riding her donkey into a mountain ravine, she saw David and his men coming down toward her, and she met them.
21 Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera.
Now David had just finished saying, “In vain I have protected all that belonged to this man in the wilderness. Nothing that belongs to him has gone missing, yet he has paid me back evil for good.
22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!”
May God punish David, and ever so severely, if I let one of Nabal’s men survive until morning.”
23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde.
When Abigail saw David, she quickly got off the donkey, fell facedown, and bowed before him.
24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi.
She fell at his feet and said, “My lord, may the blame be on me alone, but please let your servant speak to you; hear the words of your servant.
25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine.
My lord should pay no attention to this scoundrel Nabal, for he lives up to his name: His name means Fool, and folly accompanies him. I, your servant, did not see my lord’s young men whom you sent.
26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne Waaqayyo si eegeera; dhugaa Waaqayyo jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan.
Now, my lord, as surely as the LORD lives and you yourself live, the LORD has held you back from coming to bloodshed and avenging yourself with your own hand. May your enemies and those who seek harm for my lord be like Nabal.
27 Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu.
Now let this gift your servant has brought to my lord be given to the young men who follow you.
28 “Waan gooftaan koo lola Waaqayyoo loluuf Waaqayyo gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin.
Please forgive your servant’s offense, for the LORD will surely make a lasting dynasty for my lord, because he fights the LORD’s battles. May no evil be found in you as long as you live.
29 Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti Waaqayyo Waaqa keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata.
And should someone pursue you and seek your life, then the life of my lord will be bound securely by the LORD your God in the bundle of the living. But He shall fling away the lives of your enemies like stones from a sling.
30 Yeroo Waaqayyo akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti,
When the LORD has done for my lord all the good He promised, and when He has appointed you ruler over Israel,
31 gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo Waaqayyo Waaqni kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu.”
then my lord will have no remorse or guilt of conscience over needless bloodshed and revenge. And when the LORD has dealt well with my lord, may you remember your maidservant.”
32 Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu.
Then David said to Abigail, “Blessed be the LORD, the God of Israel, who sent you to meet me this day!
33 Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami.
Blessed is your discernment, and blessed are you, because today you kept me from bloodshed and from avenging myself by my own hand.
34 Dhugaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture.”
Otherwise, as surely as the LORD, the God of Israel, lives, who has restrained me from harming you, if you had not come quickly to meet me, then surely no male belonging to Nabal would have been left alive by morning light.”
35 Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe.
Then David accepted from her hand what she had brought him, and he said to her, “Go home in peace. See, I have heeded your voice and granted your request.”
36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne.
When Abigail returned to Nabal, there he was in the house, holding a feast fit for a king, in high spirits and very drunk. So she told him nothing until morning light.
37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe.
In the morning when Nabal was sober, his wife told him about these events, and his heart failed within him and he became like a stone.
38 Bultii kudhan booddee Waaqayyo Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe.
About ten days later, the LORD struck Nabal dead.
39 Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “Waaqayyo isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii” jedhe. Daawitis akka isheen niitii isaaf taatu gaafachuuf Abiigayiilitti ergaa erge.
On hearing that Nabal was dead, David said, “Blessed be the LORD, who has upheld my cause against the reproach of Nabal and has restrained His servant from evil. For the LORD has brought the wickedness of Nabal down upon his own head.” Then David sent word to Abigail, asking for her in marriage.
40 Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, “Daawit akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge” jedhan.
When his servants came to Abigail at Carmel, they said, “David has sent us to take you as his wife.”
41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette.
She arose, then bowed facedown and said, “Here is your maidservant, ready to serve and to wash the feet of my lord’s servants.”
42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate.
So Abigail hurried and got on a donkey, and attended by five of her maidens, she followed David’s messengers and became his wife.
43 Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif.
David had also married Ahinoam of Jezreel. So she and Abigail were both his wives.
44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.
But Saul had given his daughter Michal, David’s wife, to Palti son of Laish, who was from Gallim.

< 1 Saamuʼeel 25 >