< 1 Saamuʼeel 24 >

1 Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan.
Baada ya Sauli kurudi kuwafuatia Wafilisti, akaambiwa kwamba, “Daudi yuko katika Jangwa la En-Gedi.”
2 Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe.
Basi Sauli akachukua watu hodari 3,000 kutoka Israeli yote kwenda kumsaka Daudi na watu wake karibu na Majabali ya Mbuzi-Mwitu.
3 Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan.
Akaja mpaka kwenye mazizi ya kondoo kando ya njia, hapo palikuwa na pango, na Sauli akaingia ndani kujipumzisha. Daudi na watu wake walikuwa wamo mle pangoni kwa ndani zaidi.
4 Namoonni Daawitis, “Guyyaan Waaqayyo, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute.
Watu wa Daudi wakasema, “Hii ndiyo siku aliyonena Bwana akikuambia, ‘Nitamtia adui yako mikononi mwako ili wewe umtendee utakavyo.’” Basi Daudi akanyemelea bila kuonekana na kukata upindo wa joho la Sauli.
5 Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe.
Baada ya hilo, dhamiri ya Daudi ikataabika kwa kukata upindo wa joho la Sauli.
6 Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan Waaqayyo dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa Waaqayyo na haa oolchu; inni dibamaa Waaqayyootii” jedhe.
Akawaambia watu wake, “Bwana na apishie mbali nisije nikafanya jambo kama hilo kwa bwana wangu, yeye ambaye ni mpakwa mafuta wa Bwana, au kuinua mkono wangu dhidi yake; kwani yeye ni mpakwa mafuta wa Bwana.”
7 Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele.
Kwa maneno haya Daudi akawaonya watu wake na hakuwaruhusu wamshambulie Sauli. Naye Sauli akaondoka pangoni na kwenda zake.
8 Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade.
Ndipo Daudi naye akatoka pangoni na kumwita Sauli akisema, “Mfalme, bwana wangu!” Sauli alipotazama nyuma, Daudi akainama na kusujudu uso wake mpaka nchi.
9 Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa?
Akamwambia Sauli, “Kwa nini unasikiliza wakati watu wanapokuambia, ‘Daudi amenuia kukudhuru’?
10 Akka Waaqayyo holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa Waaqayyoo taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe.
Leo umeona kwa macho yako mwenyewe jinsi Bwana alivyokutia mikononi mwangu huko pangoni. Watu wengine walisisitiza nikuue, lakini nilikuacha, nikisema, ‘Sitainua mkono wangu dhidi ya bwana wangu, kwa sababu yeye ni mpakwa mafuta wa Bwana.’
11 Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta.
Tazama, baba yangu, ona kipande hiki cha joho lako mkononi mwangu! Nilikata upindo wa joho lako lakini sikukuua. Basi ujue na kutambua kuwa sina hatia ya kutenda mabaya wala ya kuasi. Wewe sijakukosea, lakini wewe unaniwinda mimi ili kuuondoa uhai wangu.
12 Waaqayyo siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette Waaqayyo haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu.
Bwana na ahukumu kati yangu na wewe. Naye Bwana alipize mabaya unayonitendea, lakini mkono wangu hautakugusa.
13 Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu.
Kama msemo wa kale usemavyo, ‘Kutoka kwa watenda maovu hutoka matendo maovu,’ kwa hiyo mkono wangu hautakugusa wewe.
14 “Mootiin Israaʼel eenyun adamsuuf gad baʼee? Ati eenyuun ariʼaa jirta? Saree duutee? Tafkiidhaa?
“Je, mfalme wa Israeli ametoka dhidi ya nani? Ni nani unayemfuatia? Je, ni mbwa mfu? Ni kiroboto?
15 Waaqayyo abbaa murtii nuuf taʼee gidduu keenyatti haa murteessu. Inni dubbii koo ilaalee naaf haa falmu; harka kee jalaas na haa baasu.”
Bwana na awe mwamuzi wetu, yeye na aamue kati yetu. Yeye na anitetee shauri langu; anihesabie haki kwa kuniokoa mkononi mwako.”
16 Yeroo Daawit waan kana dubbatee xumuretti Saaʼol, “Daawit yaa ilma ko, kun sagalee keetii?” jedhee gaafate; sagalee ol fudhatees booʼe.
Daudi alipomaliza kusema haya, Sauli akamuuliza, “Je, hiyo ni sauti yako, Daudi mwanangu?” Ndipo Sauli akalia kwa sauti kuu, akisema,
17 Innis akkana jedhe; “Ati na caalaa nama qajeelaa dha; yeroo ani waan hamaa sitti yaadetti ati immoo waan gaarii naa goote.
“Wewe ni mwenye haki kuliko mimi; umenitendea mema, lakini mimi nimekutendea mabaya.
18 Ati waan gaarii naaf goote amma natti himteerta; Waaqayyo dabarsee harka keetti na kennee ture; ati garuu na hin ajjeefne.
Sasa umeniambia juu ya mema uliyonitendea. Bwana alinitia mikononi mwako, lakini wewe hukuniua.
19 Namni tokko yeroo diina isaa argutti utuu hin miidhin gad dhiisaa? Waan ati harʼa naa goote kanaaf Waaqayyo gatii siif haa kennu.
Je, mtu ampatapo adui yake, humwacha aende zake bila kumdhuru? Bwana na akulipe mema kwa jinsi ulivyonitenda leo.
20 Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka.
Ninajua kwamba hakika utakuwa mfalme na ya kwamba ufalme wa Israeli utakuwa imara mikononi mwako.
21 Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa Waaqayyootiin naaf kakadhu.”
Sasa niapie kwa Bwana kwamba hutakatilia mbali uzao wangu wala kulifuta jina langu kutoka jamaa ya baba yangu.”
22 Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan.
Basi Daudi akamwapia Sauli. Kisha Sauli akarudi zake nyumbani, lakini Daudi na watu wake wakapanda kwenda ngomeni.

< 1 Saamuʼeel 24 >