< 1 Saamuʼeel 24 >
1 Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan.
Now when Saul came back from fighting the Philistines, news was given him that David was in the waste land of En-gedi.
2 Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe.
Then Saul took three thousand of the best men out of all Israel, and went in search of David and his men on the rocks of the mountain goats.
3 Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan.
And on the way he came to a place where sheep were kept, where there was a hollow in the rock; and Saul went in for a private purpose. Now David and his men were in the deepest part of the hollow.
4 Namoonni Daawitis, “Guyyaan Waaqayyo, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute.
And David's men said to him, Now is the time when the Lord says to you, I will give up your hater into your hands to do with him whatever seems good to you. Then David, getting up, took the skirt of Saul's robe in his hand, cutting off the end of it without his knowledge.
5 Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe.
And later, David was full of regret for cutting off Saul's skirt.
6 Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan Waaqayyo dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa Waaqayyo na haa oolchu; inni dibamaa Waaqayyootii” jedhe.
And David said to his men, Before the Lord, never let it be said that my hand was lifted up against my lord, the man of the Lord's selection, for the Lord's holy oil has been put on him.
7 Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele.
So with these words David kept his servants back, and did not let them make an attack on Saul. And Saul got up and went on his way.
8 Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade.
And after that David came out of the hollow rock, and crying after Saul said, My lord the king. And when Saul gave a look back, David went down on his face and gave him honour.
9 Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa?
And David said to Saul, Why do you give any attention to those who say that it is my desire to do you wrong?
10 Akka Waaqayyo holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa Waaqayyoo taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe.
Look! you have seen today how the Lord gave you up into my hands even now in the hollow of the rocks: and some would have had me put you to death, but I had pity on you: for I said, Never will my hand be lifted up against my lord, who has been marked with the holy oil.
11 Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta.
And see, my father, see the skirt of your robe in my hand: for the fact that I took off the skirt of your robe and did not put you to death is witness that I have no evil purpose, and I have done you no wrong, though you are waiting for my life to take it.
12 Waaqayyo siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette Waaqayyo haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu.
May the Lord be judge between me and you, and may the Lord give me my rights against you, but my hand will never be lifted up against you.
13 Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu.
There is an old saying, From the evil-doer comes evil: but my hand will never be lifted up against you.
14 “Mootiin Israaʼel eenyun adamsuuf gad baʼee? Ati eenyuun ariʼaa jirta? Saree duutee? Tafkiidhaa?
After whom has the king of Israel come out? for whom are you searching? for a dead dog, an insect.
15 Waaqayyo abbaa murtii nuuf taʼee gidduu keenyatti haa murteessu. Inni dubbii koo ilaalee naaf haa falmu; harka kee jalaas na haa baasu.”
So let the Lord be judge, and give a decision between me and you, and see and give support to my cause, and keep me from falling into your hands.
16 Yeroo Daawit waan kana dubbatee xumuretti Saaʼol, “Daawit yaa ilma ko, kun sagalee keetii?” jedhee gaafate; sagalee ol fudhatees booʼe.
Now when David had said these words to Saul, Saul said, Is this your voice, David, my son? And Saul was overcome with weeping.
17 Innis akkana jedhe; “Ati na caalaa nama qajeelaa dha; yeroo ani waan hamaa sitti yaadetti ati immoo waan gaarii naa goote.
And he said to David, You are right and I am wrong: for you have given me back good, but I have given you evil.
18 Ati waan gaarii naaf goote amma natti himteerta; Waaqayyo dabarsee harka keetti na kennee ture; ati garuu na hin ajjeefne.
And you have made clear to me how good you have been to me today: because, when the Lord gave me up into your hands, you did not put me to death.
19 Namni tokko yeroo diina isaa argutti utuu hin miidhin gad dhiisaa? Waan ati harʼa naa goote kanaaf Waaqayyo gatii siif haa kennu.
If a man comes across his hater, will he let him get away safe? so may you be rewarded by the Lord for what you have done for me today.
20 Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka.
And now I am certain that you will be king, and that the kingdom of Israel will be made strong under your authority.
21 Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa Waaqayyootiin naaf kakadhu.”
So give me your oath by the Lord, that you will not put an end to my seed after me or let my name be cut off from my father's family.
22 Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan.
And David gave Saul his oath. And Saul went back to his house; but David and his men went up to their safe place.