< 1 Saamuʼeel 23 >

1 Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti,
Now it was reported to David, “Look, the Philistines are fighting against Keilah and looting the threshing floors.”
2 “Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar” jedhee deebiseef.
So David inquired of the LORD, “Should I go and attack these Philistines?” And the LORD said to David, “Go and attack the Philistines and save Keilah.”
3 Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin.
But David’s men said to him, “Look, we are afraid here in Judah; how much more if we go to Keilah against the armies of the Philistines?”
4 Daawit ammas deebiʼee Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos, “Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
Once again, David inquired of the LORD, and the LORD answered him: “Go at once to Keilah, for I will deliver the Philistines into your hand.”
5 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawitis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare.
Then David and his men went to Keilah, fought against the Philistines, and carried off their livestock, striking them with a mighty blow. So David saved the people of Keilah.
6 Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawititti baqatetti dirata fudhatee dhufe.
(Now Abiathar son of Ahimelech had brought the ephod with him when he fled to David at Keilah.)
7 Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe.
When Saul was told that David had gone to Keilah, he said, “God has delivered him into my hand, for he has trapped himself by entering a town with gates and bars.”
8 Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate.
Then Saul summoned all his troops to go to war at Keilah and besiege David and his men.
9 Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe.
When David learned that Saul was plotting evil against him, he said to Abiathar the priest, “Bring the ephod.”
10 Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera.
And David said, “O LORD, God of Israel, Your servant has heard that Saul intends to come to Keilah and destroy the city on my account.
11 Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel mee garbicha keetti himi.” Waaqayyos, “Eeyyee inni ni dhufa” jedhe.
Will the citizens of Keilah surrender me into his hand? Will Saul come down, as Your servant has heard? O LORD, God of Israel, please tell Your servant.” “He will,” said the LORD.
12 Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Eeyyee isin kennu” jedhe.
So David asked, “Will the citizens of Keilah surrender me and my men into the hand of Saul?” “They will,” said the LORD.
13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne.
Then David and his men, about six hundred strong, set out and departed from Keilah, moving from place to place. When Saul was told that David had escaped from Keilah, he declined to go forth.
14 Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine.
And David stayed in the wilderness strongholds and in the hill country of the Wilderness of Ziph. Day after day Saul searched for him, but God would not deliver David into his hand.
15 Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke.
While David was in Horesh in the Wilderness of Ziph, he saw that Saul had come out to take his life.
16 Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse.
And Saul’s son Jonathan came to David in Horesh and strengthened his hand in God,
17 Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen.
saying, “Do not be afraid, for my father Saul will never lay a hand on you. And you will be king over Israel, and I will be your second-in-command. Even my father Saul knows this is true.”
18 Isaan lamaanuu fuula Waaqayyoo duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawit immoo Hooreshaatti hafe.
So the two of them made a covenant before the LORD. And David remained in Horesh, while Jonathan went home.
19 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii?
Then the Ziphites came up to Saul at Gibeah and said, “Is not David hiding among us in the strongholds at Horesh, on the hill of Hachilah south of Jeshimon?
20 Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.”
Now, O king, come down whenever your soul desires, and we will be responsible for delivering him into your hand.”
21 Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
“May you be blessed by the LORD,” replied Saul, “for you have had compassion on me.
22 Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawit yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru.
Please go and prepare further. Investigate and watch carefully where he goes and who has seen him there, for I am told that he is extremely cunning.
23 Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga.”
Observe and find out all the places where he hides. Then come back to me with certainty, and I will go with you. If he is in the land, I will search him out among all the clans of Judah.”
24 Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan.
So they set out and went to Ziph ahead of Saul. Now David and his men were in the Wilderness of Maon in the Arabah south of Jeshimon,
25 Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene.
and Saul and his men went to seek him. When David was told about it, he went down to the rock and stayed in the Wilderness of Maon. And when Saul heard of this, he pursued David there.
26 Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti,
Saul was proceeding along one side of the mountain, and David and his men along the other side. Even though David was hurrying to get away, Saul and his men were closing in on David and his men to capture them.
27 ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe.
Then a messenger came to Saul, saying, “Come quickly, for the Philistines have raided the land!”
28 Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame.
So Saul broke off his pursuit of David and went to meet the Philistines. That is why that place is called Sela-hammahlekoth.
29 Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.
And David went up from there and lived in the strongholds of En-gedi.

< 1 Saamuʼeel 23 >