< 1 Saamuʼeel 21 >

1 Daawit gara magaalaa Noob Abiimelek lubicha bira dhaqe. Ahiimelekis yeroo isa argetti hollatee, “Ati maaliif kophaa kee deemta? Maaliif namni tokko illee si wajjin hin jirru?” jedhee gaafate.
다윗이 놉에 가서 제사장 아히멜렉에게 이르니 아히멜렉이 떨며 다윗을 영접하며 그에게 이르되 `어찌하여 네가 홀로 있고 함께 하는 자가 아무도 없느냐?'
2 Daawitis Ahiimelek lubichaan akkana jedhe; “Mootichi, ‘Namni tokko iyyuu waaʼee ergama keetiitii fi qajeelfama keetii beekuu hin qabu’ jedhee na ajajeera. Namoota koo immoo akka isaan iddoo tokkotti na eegan itti himeera.
다윗이 제사장 아히멜렉에게 이르되 `왕이 내게 일을 명하고 이르시기를 내가 너를 보내는 바와 네게 명한 바 일의 아무 것이라도 사람에게 알게 하지 말라 하시기로 내가 나의 소년들을 여차여차한 곳으로 약정하였나이다
3 Egaa isin maal of harkaa qabdu? Buddeena shan yookaan waanuma argachuu dandeessan naa kennaa.”
이제 당신의 수중에 무엇이 있나이까? 떡 다섯 덩이나 무엇이든지 있는대로 내 손에 주소서'
4 Lubichi garuu Daawitiin, “Ani buddeena namni kam iyyuu nyaachuu dandaʼu asii hin qabu; taʼus buddeenni qulqullaaʼaan namoonni dubartii bira hin gaʼin qofti nyaachuu dandaʼan as jira” jedhe.
제사장이 다윗에게 대답하여 가로되 `항용 떡은 내 수중에 없으나 거룩한 떡은 있나니 그 소년들이 부녀를 가까이만 아니하였으면 주리라'
5 Daawitis, “Dhugumaan akkuma yeroo ani baʼu hunda taʼaa ture sana dubartoonni nurraa dhowwamaniiru. Ergama qulqulluu hin taʼin irratti iyyuu miʼi dargaggootaa qulqulluu dha. Harʼa immoo hammam caalaatti haa qulqullaaʼuu ree!” jedhee deebise.
다윗이 제사장에게 대답하여 가로되 `우리가 참으로 삼일 동안이나 부녀를 가까이 하지 아니하였나이다 나의 떠난 길이 보통 여행이라도 소년들의 그릇이 성결하겠거든 하물며 오늘날 그들의 그릇이 성결치 아니하겠나이까?' 하매
6 Kanaafuu lubichi buddeena qulqulleeffame sana isaaf kenne; buddeena ilaalchaa kan gaafas buddeena hoʼaadhaan iddoo buufamuuf fuula Waaqayyoo duraa fuudhame sana malee buddeenni biraa achi hin turreetii.
제사장이 그 거룩한 떡을 주었으니 거기는 진설병 곧 여호와 앞에서 물려 낸 떡밖에 없음이라 이 떡은 더운 떡을 드리는 날에 물려낸 것이더라
7 Gaafasis tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko akka fuula Waaqayyoo dura turu dirqisiifamee ture; innis Dooʼeeg namicha Edoom, itti gaafatamaa tiksee Saaʼol ture.
그 날에 사울의 신하 한 사람이 여호와 앞에 머물러 있었는데 그는 도엑이라 이름하는 에돔 사람이요 사울의 목자장이었더라
8 Daawitis, “Ati eeboo yookaan goraadee asii hin qabduu? Ani sababii hojiin mootichaa ariifachiisaa taʼeef goraadee yookaan miʼa lolaa tokko illee hin fidannee?” jedhee Ahiimelekin gaafate.
다윗이 아히멜렉에게 이르되 `여기 당신의 수중에 창이나 칼이 없나이까? 왕의 일이 급하므로 내가 내 칼과 병기를 가지지 못하였나이다'
9 Lubichis deebisee akkana jedhe; “Goraadeen Gooliyaad Filisxeemichaa kan ati Sulula Eelaa keessatti ajjeefte sanaa as jira; innis huccuudhaan maramee dirataan duuba jira. Yoo barbaadde fudhadhu; isa malee goraadeen biraa as hin jiru” jedheen. Daawitis, “Kan akka isaa hin jiruutii naa kenni” jedhe.
제사장이 가로되 `네가 엘라 골짜기에서 죽인 블레셋 사람 골리앗의 칼이 보자기에 싸여 에봇 뒤에 있으니 네가 그것을 가지려거든 가지라 여기는 그 밖에 다른 것이 없느니라' 다윗이 가로되 `그 같은 것이 또 없나니 내게 주소서'
10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe.
그 날에 다윗이 사울을 두려워하여 일어나 도망하여 가드 왕 아기스에게로 가니
11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, “Daawit kun mooticha biyyattii mitii?” Inni kan isaan: “‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?”
아기스의 신하들이 아기스에게 고하되 `이는 그 땅의 왕 다윗이 아니니이까? 무리가 춤추며 이 사람의 일을 창화하여 가로되 사울의 죽인 자는 천천이요, 다윗은 만만이로다 하지 아니하였나이까?' 한지라
12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate.
다윗이 이 말을 그 마음에 두고 가드 왕 아기스를 심히 두려워하여
13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.
그들의 앞에서 그 행동을 변하여 미친 체 하고 대문짝에 그적거리며 침을 수염에 흘리매
14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; “Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan?
아기스가 그 신하에게 이르되 `너희도 보거니와 이 사람이 미치광이로다 어찌하여 그를 내게로 데려왔느냐?
15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?”
내게 미치광이가 부족하여서 너희가 이 자를 데려다가 내 앞에서 미친 짓을 하게 하느냐? 이 자가 어찌 내 집에 들어오겠느냐?' 하니라

< 1 Saamuʼeel 21 >