< 1 Saamuʼeel 20 >

1 Daawitis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, “Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?” jedhee gaafate.
Then David fled from Naioth in Ramah. He came to Jonathan and asked, “What have I done? What is my iniquity? How have I sinned against your father, that he wants to take my life?”
2 Yoonaataanis deebisee, “Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!” jedhe.
“Far from it!” Jonathan replied. “You will not die. Indeed, my father does nothing, great or small, without telling me. So why would he hide this matter from me? This cannot be true!”
3 Daawit garuu akkana jedhee kakate; “Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira.”
But David again vowed, “Your father knows very well that I have found favor in your eyes, and he has said, ‘Jonathan must not know of this, or he will be grieved.’ As surely as the LORD lives and as you yourself live, there is but a step between me and death.”
4 Yoonaataanis Daawitiin, “Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha” jedhe.
Then Jonathan said to David, “Whatever you desire, I will do for you.”
5 Kanaafuu Daawit akkana jedhe; “Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami.
So David told him, “Look, tomorrow is the New Moon, and I am supposed to dine with the king. Instead, let me go and hide in the field until the third evening from now.
6 Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawit waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin.
If your father misses me at all, tell him, ‘David urgently requested my permission to hurry to Bethlehem, his hometown, because there is an annual sacrifice for his whole clan.’
7 Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa.
If he says, ‘Good,’ then your servant is safe, but if he is enraged, you will know he has evil intentions.
8 Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula Waaqayyoo duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”
Therefore deal faithfully with your servant, for you have brought me into a covenant with you before the LORD. If there is iniquity in me, then kill me yourself; why should you bring me to your father?”
9 Yoonaataanis, “Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?” jedhe.
“Never!” Jonathan replied. “If I ever found out that my father had evil intentions against you, would I not tell you?”
10 Daawitis, “Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?” jedhee gaafate.
Then David asked Jonathan, “Who will tell me if your father answers you harshly?”
11 Yoonaataan, “Kottu alatti baanaa” jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman.
“Come,” he replied, “let us go out to the field.” So the two of them went out into the field,
12 Kana irratti Yoonaataan Daawitiin akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa.
and Jonathan said, “By the LORD, the God of Israel, I will sound out my father by this time tomorrow or the next day. If he is favorable toward you, will I not send for you and tell you?
13 Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, Waaqayyo Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. Waaqayyo akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu.
But if my father intends to bring evil on you, then may the LORD punish me, and ever so severely, if I do not tell you and send you on your way in safety. May the LORD be with you, just as He has been with my father.
14 Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina Waaqayyoo sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi.
And as long as I live, treat me with the LORD’s loving devotion, that I may not die,
15 Yeroo Waaqayyo diinota Daawit lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin.”
and do not ever cut off your loving devotion from my household—not even when the LORD cuts off every one of David’s enemies from the face of the earth.”
16 Kanaafuu Yoonaataan, “Waaqayyo diinota Daawit itti gaafatamtoota haa godhu” jedhee mana Daawit wajjin kakuu seene.
So Jonathan made a covenant with the house of David, saying, “May the LORD hold David’s enemies accountable.”
17 Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawitin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.
And Jonathan had David reaffirm his vow out of love for him, for Jonathan loved David as he loved himself.
18 Yoonaataanis Daawitiin akkana jedhe: “Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama.
Then Jonathan said to David, “Tomorrow is the New Moon, and you will be missed if your seat is empty.
19 Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi.
When you have stayed three days, hurry down to the place you hid on the day this trouble began, and remain beside the stone Ezel.
20 Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha.
I will shoot three arrows to the side of it, as if I were aiming at a target.
21 Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru.
Then I will send a boy and say, ‘Go, find the arrows!’ Now, if I expressly say to him, ‘Look, the arrows are on this side of you; bring them,’ then come, because as surely as the LORD lives, it is safe for you and there is no danger.
22 Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan Waaqayyo akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda.
But if I say to the young man, ‘Look, the arrows are beyond you,’ then you must go, for the LORD has sent you away.
23 Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka Waaqayyo bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu.”
And as for the matter you and I have discussed, the LORD is a witness between you and me forever.”
24 Kanaafuu Daawit ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe.
So David hid in the field, and when the New Moon had come, the king sat down to eat.
25 Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawit garuu duwwaa ture.
He sat in his usual place by the wall, opposite Jonathan and beside Abner, but David’s place was empty.
26 Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, “Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawititti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha” jedhee yaadaa tureetii.
Saul said nothing that day because he thought, “Something has happened to David to make him ceremonially unclean—surely he is unclean.”
27 Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, “Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?” jedhe.
But on the day after the New Moon, the second day, David’s place was still empty, and Saul asked his son Jonathan, “Why hasn’t the son of Jesse come to the meal either yesterday or today?”
28 Yoonaataanis akkana jedhee deebise; “Daawit gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate.
Jonathan answered, “David urgently requested my permission to go to Bethlehem,
29 Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma.”
saying, ‘Please let me go, because our clan is holding a sacrifice in the city, and my brother has told me to be there. So now, if I have found favor in your eyes, please let me go and see my brothers.’ That is why he did not come to the king’s table.”
30 Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; “Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu?
Then Saul’s anger burned against Jonathan, and he said to him, “You son of a perverse and rebellious woman! Do I not know that you have chosen the son of Jesse to your own shame and to the disgrace of the mother who bore you?
31 Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!”
For as long as the son of Jesse lives on this earth, neither you nor your kingship shall be established. Now send for him and bring him to me, for he must surely die!”
32 Yoonaataanis, “Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?” jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate.
“Why must he be put to death?” Jonathan replied. “What has he done?”
33 Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf kutate beeke.
Then Saul hurled his spear at Jonathan to kill him; so Jonathan knew that his father was determined to kill David.
34 Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawititti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne.
Jonathan got up from the table in fierce anger and did not eat any food that second day of the month, for he was grieved by his father’s shameful treatment of David.
35 Yoonaataan ganama barii Daawitin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture.
In the morning Jonathan went out to the field for the appointment with David, and a small boy was with him.
36 Innis gurbaa sanaan, “Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi” jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate.
He said to the boy, “Run and find the arrows I shoot.” And as the boy ran, Jonathan shot an arrow beyond him.
37 Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, “Xiyyi siin achi jira mitii?” jedhe.
When the boy reached the place where Jonathan’s arrow had fallen, Jonathan called to him, “Isn’t the arrow beyond you?”
38 Ergasiis, “Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!” jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe.
Then Jonathan cried out, “Hurry! Make haste! Do not delay!” So the boy picked up the arrow and returned to his master.
39 Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawit qofatu beeka ture.
But the boy did not know anything; only Jonathan and David knew the arrangement.
40 Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, “Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi” jedheen.
Then Jonathan gave his equipment to the boy and said, “Go, take it back to the city.”
41 Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe.
When the young man had gone, David got up from the south side of the stone, fell facedown, and bowed three times. Then he and Jonathan kissed each other and wept together—though David wept more.
42 Yoonaataanis Daawitiin, “‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Waaqayyo bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Waaqayyootiin walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.
And Jonathan said to David, “Go in peace, for the two of us have sworn in the name of the LORD, saying, ‘May the LORD be a witness between you and me, and between your descendants and mine forever.’” Then David got up and departed, and Jonathan went back into the city.

< 1 Saamuʼeel 20 >