< 1 Saamuʼeel 19 >

1 Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture;
Saul talte til Jonatan, sin sønn, og til alle sine tjenere om å drepe David; men Jonatan, Sauls sønn, hadde David meget kjær.
2 akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi.
Og Jonatan fortalte det til David og sa: Saul, min far, søker å drepe dig; ta dig nu i vare imorgen tidlig og bli i skjul og hold dig gjemt!
3 Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.”
Så vil jeg gå ut og stå ved siden av min far på marken hvor du er, og jeg vil tale om dig til min far, og merker jeg noget, så skal jeg si dig det.
4 Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera.
Og Jonatan talte vel om David til Saul, sin far, og sa til ham: Kongen skulde ikke gjøre urett mot sin tjener David! For han har ikke syndet mot dig, og det han har gjort, har vært til stor nytte for dig;
5 Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Waaqayyos Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?”
han satte sitt liv på spill og slo filisteren, og Herren lot hele Israel vinne en stor seier; du så det selv og gledet dig; hvorfor vil du da gjøre synd mot uskyldig blod og drepe David uten grunn?
6 Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate.
Saul hørte på Jonatans ord, og Saul svor: Så sant Herren lever: Han skal ikke drepes!
7 Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
Da kalte Jonatan på David og fortalte ham alt dette; og Jonatan førte David til Saul, og han var hos ham som før.
8 Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
Men krigen varte ved; og David drog ut og stred mot filistrene og påførte dem et stort mannefall, og de flyktet for ham.
9 Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Waaqayyo biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
Og en ond ånd fra Herren kom over Saul mens han satt i sitt hus med sitt spyd i hånden, og David spilte på harpen.
10 Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
Da søkte Saul å støte spydet gjennem David og inn i veggen; men han vek til side for Saul, så han støtte spydet i veggen. Samme natt flyktet David og slapp bort.
11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte.
Og Saul sendte bud til Davids hus for å vokte på ham og drepe ham om morgenen; men Mikal, Davids hustru, varslet ham om det og sa: Berger du ikke ditt liv inatt, så blir du drept imorgen.
12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe.
Og Mikal firte David ned gjennem vinduet, og han flyktet sin vei og slapp bort.
13 Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
Så tok Mikal husguden og la den i sengen, og hun la et teppe av gjetehår ved dens hode og dekket den til med et klæde;
14 Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette.
og da Saul sendte bud for å hente David, sa hun: Han er syk.
15 Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe.
Så sendte Saul budene avsted for å få se David og sa: Bær ham hit til mig i sengen, forat han kan bli drept!
16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
Men da budene kom inn, fikk de se at det var husguden som lå i sengen med gjetehårsteppet ved hodet.
17 Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe. Miikaalis, “Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe” jetteen.
Da sa Saul til Mikal: Hvorfor har du narret mig således og latt min fiende slippe bort, så han er kommet unda? Mikal svarte Saul: Han sa til mig: La mig slippe bort, ellers slår jeg dig ihjel.
18 Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.
Da David var flyktet og hadde sloppet bort, kom han til Samuel i Rama og fortalte ham alt hvad Saul hadde gjort mot ham, og han og Samuel tok avsted til Nevajot og bodde der.
19 Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan.
Da Saul fikk spurt at David var i Nevajot ved Rama,
20 Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan.
sendte han nogen menn for å hente David, og da de fikk se profetenes skare, som var i profetisk henrykkelse, og Samuel stående der som deres fører, da kom Guds Ånd over Sauls sendebud, så de og blev grepet av profetisk henrykkelse.
21 Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan.
Da Saul fikk vite dette, sendte han andre bud; men de blev og grepet av profetisk henrykkelse. Så sendte Saul bud igjen for tredje gang; men også de blev grepet av profetisk henrykkelse.
22 Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. Namni tokkos, “Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru” jedheen.
Da gikk han selv til Rama, og da han kom til den store brønn i Seku, spurte han: Hvor er Samuel og David? De svarte: De er i Nevajot ved Rama.
23 Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme.
Da han så gikk dit, til Nevajot ved Rama, kom Guds Ånd også over ham, så at han hele veien gikk i profetisk henrykkelse til han kom til Nevajot ved Rama.
24 Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma.
Da rev han og klærne av sig; også han var i profetisk henrykkelse mens han stod foran Samuel, og han falt ned og lå der naken hele den dag og hele natten; derfor sier folk: Er også Saul blandt profetene?

< 1 Saamuʼeel 19 >