< 1 Saamuʼeel 18 >

1 Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate.
It happened, when he had made an end of speaking to Saul, that the soul of Jonathan was knit with the soul of David, and Jonathan loved him as his own soul.
2 Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef.
Saul took him that day, and would let him go no more home to his father's house.
3 Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene.
Then Jonathan and David made a covenant, because he loved him as his own soul.
4 Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.
Jonathan stripped himself of the robe that was on him, and gave it to David, and his armor, and even his sword and his bow and his belt.
5 Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.
Then Saul set him over the men of war, and David went out, succeeding wherever Saul sent him. And it was good in the sight of all the people, and also in the sight of Saul's servants.
6 Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan.
It happened as they came, when David returned from the slaughter of the Philistine, that the women came out of all the cities of Israel, singing and dancing, to meet king Saul, with tambourines, with joy, and with instruments of music.
7 Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii: “Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan.
The women sang one to another as they played, and said, "Saul has slain his thousands, David his ten thousands."
8 Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade.
Saul was very angry, and this saying displeased him; and he said, "They have ascribed to David ten thousands, and to me they have ascribed but thousands. What can he have more but the kingdom?"
9 Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture.
Saul viewed David with suspicion from that day and forward.
10 Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture;
It happened on the next day, that a harmful spirit from God came mightily on Saul, and he prophesied in the midst of the house. David played with his hand, as he did day by day. Saul had his spear in his hand;
11 innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe.
and Saul threw the spear; for he said, "I will pin David even to the wall." David escaped from his presence twice.
12 Saaʼolis Daawitin sodaate; Waaqayyo Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii.
Saul was afraid of David, because the LORD was with him, and had departed from Saul.
13 Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture.
Therefore Saul removed him from him, and made him his captain over a thousand; and he went out and came in before the people.
14 Sababii Waaqayyo isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture.
David behaved himself wisely in all his ways; and the LORD was with him.
15 Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate.
When Saul saw that he behaved himself very wisely, he stood in awe of him.
16 Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.
But all Israel and Judah loved David; for he went out and came in before them.
17 Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Waaqayyoo loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii.
Saul said to David, "Look, my elder daughter Merob, I will give her to you as wife. Only be valiant for me, and fight the LORD's battles." For Saul said, "Do not let my hand be on him, but let the hand of the Philistines be on him."
18 Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe.
David said to Saul, "Who am I, and what is my life, or my father's family in Israel, that I should be son-in-law to the king?"
19 Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.
But it happened at the time when Merob, Saul's daughter, should have been given to David, that she was given to Adriel the Meholathite as wife.
20 Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade.
Mikal, Saul's daughter, loved David; and they told Saul, and the thing pleased him.
21 Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe.
And Saul thought, "I will give her to him, that she may be a snare to him, and that the hand of the Philistines may be against him." Therefore Saul said to David, "You shall this day be my son-in-law a second time."
22 Ergasiis Saaʼol, “‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
Then Saul commanded his servants, "Talk with David secretly, and say, 'Look, the king has delight in you, and all his servants love you. So now therefore be the king's son-in-law.'"
23 Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe.
Saul's servants spoke those words in the ears of David. David said, "Does it seems to you a little thing to be the king's son-in-law, since I am a poor man, and insignificant?"
24 Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan;
The servants of Saul told him, saying, "David spoke like this."
25 Saaʼol immoo, “‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture.
Saul said, "You shall tell David, 'The king desires no dowry except one hundred foreskins of the Philistines, to be avenged of the king's enemies.'" Now Saul thought to make David fall by the hand of the Philistines.
26 Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin,
When his servants told David these words, it pleased David well to be the king's son-in-law. The days were not expired;
27 Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.
and David arose and went, he and his men, and killed of the Philistines one hundred men; and David brought their foreskins, and they gave them in full number to the king, that he might be the king's son-in-law. Then Saul gave him Mikal his daughter as wife.
28 Saaʼol yommuu akka Waaqayyo Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti,
When Saul saw and knew that the LORD was with David, and that all Israel loved him,
29 ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.
then he was even more afraid of David. So Saul was David's enemy continually.
30 Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.
Then the leaders of the Philistines went forth: and it happened, as often as they went forth, that David behaved himself more wisely than all the servants of Saul; so that his name was highly esteemed.

< 1 Saamuʼeel 18 >