< 1 Saamuʼeel 15 >

1 Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf Waaqayyo na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi.
Samuel sprach zu Saul: "Mich hat der Herr gesandt, dich zum König über sein Volk Israel zu salben. Nun höre auf die Stimme der Worte des Herrn!
2 Waaqayyo Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba.
So spricht der Herr der Heerscharen: 'Ich ahnde, was Amalek an Israel getan, dem es feindlich den Weg vertreten hat, als es aus Ägypten zog.
3 Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’”
Nun geh und schlage Amalek! Bannt es und alles, was ihm eigen ist! Du sollst es nicht schonen! Töte Männer samt Weibern, Kinder samt Säuglingen, Rinder, Schafe, Esel und Kamele!'"
4 Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan.
Da bot Saul das Volk auf und musterte es zu Telaim, 200.000 Mann Fußvolk und 10.000 Judäer.
5 Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe.
Dann zog Saul gegen die Amalekiterstadt und stieg in das Bachtal hinab.
6 Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan.
Und Saul sprach zu den Kenitern: "Auf! Zieht euch zurück und geht aus Amaleks Mitte weg, daß ich euch nicht mit ihm wegraffe! Ihr habt Liebe allen Israeliten auf ihrem Herweg aus Ägypten erwiesen." Da zog sich der Keniter aus Amaleks Mitte zurück.
7 Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe.
Saul schlug nun Amalek von Chawila bis gegen Sur, östlich von Ägypten.
8 Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe.
Er fing auch Amalek lebendig. Das ganze übrige Volk aber bannte er zwar mit des Schwertes Schärfe,
9 Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
doch schonten Saul und das Volk den Agag sowie das Beste der Schafe und Rinder, die vom zweiten Wurfe, und die Lämmer, überhaupt alles Wertvolle. Sie mochten sie eben nicht bannen. Nur, was gering und wertlos war, bannten sie.
10 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe;
Da erging des Herrn Wort an Samuel also:
11 “Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu Waaqayyotti booʼaa bule.
"Mich reut, daß ich Saul zum König gemacht habe. Denn er hat sich von mir abgewandt und meine Worte nicht vollzogen." Dies verdroß Samuel, und er schrie zum Herrn die ganze Nacht.
12 Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame.
Frühmorgens nun ging Samuel Saul entgegen. Da wurde Samuel gemeldet: "Saul ist in den Garten gegangen und hat dort einen Posten aufgestellt." Da wandte er sich, zog weiter und stieg ins Gilgal hinab.
13 Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani ajaja Waaqayyoo eegeera” jedhe.
Als Samuel schließlich zu Saul kam, sprach Saul zu ihm: "Sei gesegnet von dem Herrn! Ich habe das Wort des Herrn vollstreckt."
14 Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe.
Da sprach Samuel: "Aber was bedeutet dieses Schafeblöken in meinen Ohren? Und das Rindergebrüll, das ich höre?"
15 Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise.
Da sprach Saul: "Das haben sie von den Amalekitern heimgebracht, weil das Volk die besten Schafe und Rinder geschont hat, um sie dem Herrn, deinem Gott, zu opfern. Das übrige haben wir gebannt."
16 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan Waaqayyo eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe. Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe.
Da sprach Samuel zu Saul: "Halt ein, daß ich dir künde, was der Herr zu mir in dieser Nacht gesprochen!" Da sagte er zu ihm: "Sprich!"
17 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? Waaqayyos Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.
Da sprach Samuel: "Mochtest du auch klein sein in deinen Augen, du wurdest doch das Haupt der Stimme Israels. Und der Herr salbte dich zum König über Israel.
18 Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture.
Nun sandte dich der Herr und sprach: 'Auf! Banne die Schuldigen, Amalek, und kämpfe gegen sie, bis sie vernichtet sind!'
19 Ati maaliif Waaqayyoof hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjette?”
Warum hast du nicht auf des Herrn Stimme gehört? Du stürztest dich vielmehr auf die Beute und tatest, was dem Herrn mißfiel."
20 Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani Waaqayyoof ajajameera; gara Waaqayyo itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera.
Da sprach Saul zu Samuel: "Ich habe ja der Stimme des Herrn gehorcht; zog ich doch auf dem Wege, den mich der Herr gesandt hat. Ich brachte den Amalekiterkönig Agag mit und bannte Amalek.
21 Loltoonni garuu Gilgaalitti Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.”
Das Volk aber nahm aus der Beute Schafe und Rinder, den ersten Abhub des Banngutes, um es dem Herrn, deinem Gott, im Gilgal zu opfern."
22 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
Da sprach Samuel: "Hat der Herr an Brand- und Schlachtopfern gleiches Gefallen wie am Gehorsam gegen des Herrn Befehl? Gehorsam ist besser als Opfer, Hören besser als Widderfett.
23 Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
Ja, Widerstreben ist ebenso Sünde wie Wahrsagerei, Eigenmächtigkeit soviel wie Missetat und Götzendienst. Weil du des Herrn Wort verworfen, verwirft er dich auch als König."
24 Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja Waaqayyootii fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera.
Da sprach Saul zu Samuel: "Ich habe gesündigt; ich habe ja des Herrn Befehl übertreten und deine Worte. Ich fürchtete eben das Volk und hörte auf seine Stimme.
25 Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani Waaqayyoof sagaduuf na wajjin deebiʼi.”
Aber jetzt vergib doch meine Sünde und kehre mit mir um, daß ich den Herrn anbete!"
26 Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii Waaqayyoo tuffatteerta; Waaqayyos saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
Da sprach Samuel zu Saul: "Ich kehre nicht mit dir um. Weil du des Herrn Wort verworfen, so verwirft auch dich der Herr, daß du nimmer König seiest über Israel."
27 Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe.
Dann wandte sich Samuel zum Gehen. Da packte jener den Zipfel seines Mantels, und dieser riß ab.
28 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Waaqayyo harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera.
Da sprach Samuel zu ihm: "Heute reißt der Herr das Königtum Israels von dir weg und gibt es deinem Freunde, der besser ist als du.
29 Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.”
Gott ist immerdar gerade. Er lügt nicht und bereut nicht; denn er ist kein Mensch, daß er bereuen müßte."
30 Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani Waaqayyo Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe.
Da sprach er: "Ich habe gesündigt. Aber gib mir wenigstens jetzt die Ehre vor den Ältesten meines Volkes und vor Israel und kehre mit mir um, daß ich den Herrn, deinen Gott, anbete!"
31 Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis Waaqayyoof sagade.
Da begleitete Samuel den Saul. Dann betete Saul den Herrn an.
32 Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe. Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe.
Samuel aber sprach: "Bringt mir den Amalekiterkönig Agag!" Da ging Agag freudig auf ihn zu. Und Agag sprach: "So ist also des Todes Bitterkeit gewichen."
33 Saamuʼeel garuu, “Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana, haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti” jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula Waaqayyoo duratti Agaagin ciccire.
Da sprach Samuel: "Wie dein Schwert Weiber kinderlos gemacht, so werde unter den Weibern auch deine Mutter kinderlos!" Und Samuel hieb Agag in Stücke vor dem Herrn im Gilgal.
34 Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele.
Dann ging Samuel auf die Rama. Saul aber ging in sein Haus nach Gibea Sauls hinauf.
35 Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. Waaqayyos Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe.
Samuel aber sah Saul nicht mehr bis zu seinem Todestag. Doch trauerte Samuel um Saul. Aber den Herrn hatte es gereut, daß er Saul zum König über Israel gesetzt hatte.

< 1 Saamuʼeel 15 >