< 1 Saamuʼeel 14 >

1 Gaafa tokko Yoonaataan ilmi Saaʼol dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata Filisxeemotaa kan gama kaaniin jiru sanaatti ceenaa” jedhe. Inni garuu abbaa isaatti hin himne.
Et il arriva qu’un jour Jonathan, fils de Saül, dit au jeune homme qui portait ses armes: Viens, et passons jusqu’au poste des Philistins qui est là, de l’autre côté; mais il n’en avertit pas son père.
2 Saaʼolis Migroon keessa daarii Gibeʼaa muka Roomaanii jala taaʼaa ture. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba jaʼaa ti;
Et Saül se tenait à l’extrémité de Guibha, sous un grenadier qui était à Migron; et le peuple qui était avec lui était d’environ 600 hommes.
3 Ahiiyaan inni dirata uffatus isaan keessaa tokko ture. Innis ilma Ahiixuub obboleessa Iikaabood, ilma Fiinehaas ilma Eelii kan Shiiloo keessatti luba Waaqayyoo ture sanaa ti. Akka Yoonaataan deemes namni tokko iyyuu quba hin qabu ture.
Et Akhija, fils d’Akhitub, frère d’I-Cabod, fils de Phinées, fils d’Éli, sacrificateur de l’Éternel à Silo, portait l’éphod. Et le peuple ne savait pas que Jonathan s’en était allé.
4 Malkaan ittiin Yoonaataan gara qubata waraana Filisxeemotaatti ceʼuu barbaade sun bitaa fi mirgaan kattaawwan qara qaban lama qaba ture; inni tokko Bozeezi, kaan immoo Seenee jedhama.
Et entre les passages par lesquels Jonathan cherchait à passer vers le poste des Philistins, il y avait une dent de rocher d’un côté, et une dent de rocher de l’autre côté: et le nom de l’une était Botsets, et le nom de l’autre Séné;
5 Kattaan tokko karaa kaabaa fuullee Mikmaasiin, kaan immoo karaa kibbaa fuullee Gibeʼaa dhaabata ture.
l’une des dents se dressait à pic du côté du nord, vis-à-vis de Micmash, et l’autre, du côté du midi, vis-à-vis de Guéba.
6 Yoonaataanis dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata warra dhagna hin qabatin sanaatti ceenaa. Maaltu beeka Waaqayyo nu gargaara taʼaatii. Baayʼeedhaanis taʼu xinnoodhaan wanni fayyisuu irraa Waaqayyoon dhowwu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
Et Jonathan dit au jeune homme qui portait ses armes: Viens, et passons jusqu’au poste de ces incirconcis; peut-être que l’Éternel opérera pour nous, car rien n’empêche l’Éternel de sauver, avec beaucoup ou avec peu [de gens].
7 Dargaggeessichi miʼa lolaa isaaf baatu sunis, “Waan qalbiitti yaadde hunda godhi; duubattis hin deebiʼin; anis akkuma yaada keetiitti si wajjinan jira” jedhe.
Et celui qui portait ses armes lui dit: Fais tout ce qui est dans ton cœur; va où tu voudras, voici, je suis avec toi selon ton cœur.
8 Yoonaataanis akkana jedhe; “Egaa kottu gara isaaniitti ceenaa; isaan nu hin argan.
Et Jonathan dit: Voici, nous allons passer vers ces hommes et nous nous montrerons à eux.
9 Yoo isaan, ‘Hamma nu gara keessan dhufnuttu nu eegaa’ jedhan, asumatti isaan eegna; garuu isaanitti ol hin baanu.
S’ils nous disent ainsi: Tenez-vous là jusqu’à ce que nous vous joignions, alors nous nous tiendrons à notre place, et nous ne monterons pas vers eux;
10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol kottaa’ jedhan garuu kun akka Waaqayyo dabarsee harka keenyatti isaan kenne mallattoo waan nuu taʼuuf itti ol baana.”
et s’ils disent ainsi: Montez vers nous, alors nous monterons, car l’Éternel les aura livrés en notre main; et ce sera pour nous le signe.
11 Lamaan isaanii iyyuu qubata loltoota Filisxeemotaatti of argisiisan. Filisxeemonnis, “Kunoo! Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.
Et ils se montrèrent les deux au poste des Philistins; et les Philistins dirent: Voici les Hébreux qui sortent des trous où ils se sont cachés.
12 Namoonni qubata Filisxeemotaa keessa jiranis, “Ol kottaa; waan tokko isinitti argisiisnaa!” jedhanii Yoonaataanii fi dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatu sanatti iyyan. Kanaaf Yoonaataan dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Waaqayyo harka Israaʼelootaatti dabarsee isaan kenneeraatii na faana kottu” jedhe.
Et les hommes du poste répondirent à Jonathan et à celui qui portait ses armes, et dirent: Montez vers nous, et nous vous ferons savoir quelque chose. Et Jonathan dit à celui qui portait ses armes: Monte après moi, car l’Éternel les a livrés en la main d’Israël.
13 Yoonaataan harkaa fi miilla isaatiin daaʼimee ol baʼe; dargaggeessi miʼa lolaa isaaf baatus isa faana ol baʼe. Filisxeemonnis harka Yoonaataaniitiin barbadeeffaman; dargaggeessichi Yoonaataan wajjin tures isa duukaa buʼee isaan fixe.
Et Jonathan monta avec ses mains et ses pieds, et celui qui portait ses armes après lui. Et ils tombèrent devant Jonathan, et celui qui portait ses armes les tuait après lui.
14 Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun rukuttaa jalqabaa sana keessatti lafa qotiyyoo cimdii tokko oolchuu irratti Filisxeemota gara digdamaa taʼan ajjeesan.
Et ce premier coup que frappèrent Jonathan et celui qui portait ses armes, mit [par terre] une vingtaine d’hommes, sur la moitié environ du sillon d’un arpent de terre.
15 Qubata keessatti, lafa qotiisaa keessattii fi saba gidduutti naasuutu taʼe; loltoonni qubata keessa turanii fi warri balaa buusan ni hollatan; laftis ni raafamte. Naasuun sunis naasuu Waaqa biraa ergame ture.
Et l’épouvante fut dans le camp, dans la campagne et parmi tout le peuple; le poste et les ravageurs, eux aussi, furent saisis d’épouvante; et le pays trembla, et ce fut une frayeur de Dieu.
16 Yeroo sana waardiyyoonni Saaʼol kanneen biyya Beniyaam keessa Gibeʼaa turan utuu loltoonni sun karaa hundaan bittinnaaʼanii ni argan.
Et les sentinelles de Saül, qui étaient à Guibha de Benjamin, regardèrent, et voici, la multitude s’écoulait, et s’en allait, et ils s’entre-tuaient.
17 Saaʼol namoota isa wajjin turaniin, “Mee loltoota lakkaaʼaatii nama nu keessaa deeme ilaalaa” jedhe. Yommuu lakkaaʼanittis Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun achi hin turre.
Et Saül dit au peuple qui était avec lui: Faites donc l’appel, et voyez qui s’en est allé d’avec nous. Et ils firent l’appel; et voici, Jonathan n’y était pas, ni celui qui portait ses armes.
18 Saaʼolis Ahiiyaadhaan, “Mee taabota Waaqaa as fidi” jedhe. Yeroo sana taabonni sun Israaʼeloota harka ture.
Et Saül dit à Akhija: Fais approcher l’arche de Dieu (car l’arche de Dieu était en ce jour-là avec les fils d’Israël).
19 Utuu Saaʼol lubatti dubbachaa jiruu qubata Filisxeemotaa keessatti wacni guddachaa dhufe. Kanaafuu Saaʼol lubichaan, “Harka kee gad deebifadhu” jedhe.
Et il arriva que, pendant que Saül parlait au sacrificateur, le tumulte qui était dans le camp des Philistins allait toujours croissant; et Saül dit au sacrificateur: Retire ta main.
20 Saaʼolii fi namoonni isaa wal gaʼanii gara waraanaa deeman. Isaanis utuu Filisxeemonni burjaajaʼanii goraadee ofii isaaniitiin wal cicciranuu argan.
Et Saül et tout le peuple qui était avec lui furent assemblés à grands cris, et vinrent à la bataille; et voici, l’épée de chacun était contre l’autre: ce fut une confusion terrible.
21 Ibroonni duraan Filisxeemota wajjin turanii fi isaan wajjin gara qubata isaaniitti ol baʼan sun gara Israaʼeloota warra Saaʼolii fi Yoonaataan wajjin turaniitti deebiʼan.
Et il y avait, comme auparavant, des Hébreux parmi les Philistins, lesquels étaient montés avec eux dans le camp, [de tout] alentour, et eux aussi [se tournèrent] pour être avec Israël qui était avec Saül et Jonathan.
22 Israaʼeloonni biyya gaaraa Efreem keessatti dhokatanii turan yommuu akka Filisxeemonni baqachaa jiran dhagaʼanitti, lolatti makamanii isaan ariʼan.
Et tous les hommes d’Israël qui s’étaient cachés dans la montagne d’Éphraïm, entendirent que les Philistins fuyaient, et ils s’attachèrent, eux aussi, à leur poursuite dans la bataille.
23 Gaafas Waaqayyo Israaʼelin ni baraare; lolli sunis Beet Aawwen darbee itti fufe.
Et l’Éternel sauva Israël ce jour-là. Et la bataille s’étendit au-delà de Beth-Aven.
24 Saaʼol, “Hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baafadhutti namni waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!” jedhee waan saba kakachiisee tureef gaafas namoonni Israaʼel akka malee dhiphatanii turan. Kanaafuu loltoota keessaa namni tokko iyyuu waa afaaniin hin qabne.
Et les hommes d’Israël furent accablés ce jour-là. Or Saül avait adjuré le peuple, disant: Maudit soit l’homme qui mangera du pain, jusqu’au soir, et [jusqu’à ce] que je me sois vengé de mes ennemis; et, entre tout le peuple, nul ne goûta de pain.
25 Hoomaan waraanaa hundi bosona seene; dammis lafa ture.
Et tout le [peuple du] pays vint dans une forêt; et il y avait du miel sur le dessus des champs.
26 Isaanis yeroo bosona seenanitti damma yaaʼu argan; taʼus isaan waan kakaa sana sodaataniif namni tokko iyyuu harka isaa afaanitti hin geeffanne.
Et le peuple entra dans la forêt; et voici du miel qui coulait; mais nul ne porta sa main à sa bouche, car le peuple avait peur du serment.
27 Yoonaataan garuu akka abbaan isaa namoota kakaadhaan qabe hin dhageenye ture; kanaafuu inni fiixee ulee qabatee ture sanaatiin dhaaba dammaa waraanee afaaniin muuxate; iji isaas ni ifeef.
Et Jonathan n’avait pas entendu, lorsque son père avait fait jurer le peuple, et il étendit le bout du bâton qu’il avait à la main et le trempa dans un rayon de miel et ramena sa main à sa bouche, et ses yeux furent éclaircis.
28 Ergasiis loltoota keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!’ jedhee cimsee hoomaa waraanaa kakaadhaan qabeera; namoonnis kanaaf gaggaban” jedhee isatti hime.
Et quelqu’un du peuple répondit et dit: Ton père a fait expressément jurer le peuple, en disant: Maudit soit l’homme qui mangera du pain aujourd’hui! et le peuple était fatigué.
29 Yoonaataan immoo akkana jedhe; “Abbaan koo biyyatti rakkina uumeera. Yommuu ani damma kana irraa xinnoo afaaniin qabetti iji koo akkamitti akka naaf ifee baname mee ilaalaa.
Et Jonathan dit: Mon père a troublé le pays. Voyez donc comme mes yeux ont été éclaircis, parce que j’ai goûté un peu de ce miel!
30 Namoonni utuu boojuu diinota isaanii irraa fudhatan keessaa waa nyaatanii akkam gaarii ture. Silaa Filisxeemonni ajjeefaman kana caalaa baayʼatu ture mitii?”
Qu’aurait-ce été, si le peuple avait aujourd’hui mangé du butin de ses ennemis qu’il a trouvé? maintenant la défaite des Philistins n’aurait-elle pas été plus grande?
31 Israaʼeloonni gaafa sana erga Mikmaasii hamma Ayaaloonitti Filisxeemota dhaʼanii booddee akka malee dadhabanii turan.
Et ils frappèrent ce jour-là les Philistins, depuis Micmash jusqu’à Ajalon; et le peuple fut très fatigué.
32 Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan.
Et le peuple se jeta sur le butin, et ils prirent du menu et du gros bétail, et des veaux, et ils les égorgèrent sur le sol; et le peuple les mangeait avec le sang.
33 Isaan keessaas namichi tokko, “Kunoo namoonni foon dhiiga wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hojjechaa jiru” jedhee Saaʼolitti hime. Innis, “Isin seera cabsitaniirtu! Dhagaa guddaa isaa gangalchaatii as naa fidaa” jedhe.
Et on le rapporta à Saül, en disant: Voici, le peuple pèche contre l’Éternel en mangeant avec le sang. Et il dit: Vous avez agi infidèlement. Roulez à présent vers moi une grande pierre.
34 Ergasiis, “Isin namoota gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan sangaa fi hoolaa keessan fidaatii qalaa nyaadhaa; isin foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjetinaa’ isaaniin jedhaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi halkan gaafasii sangaa isaa fidee achitti qale.
Et Saül dit: Dispersez-vous parmi le peuple, et dites-leur: Amenez-moi chacun son bœuf et chacun son mouton, et égorgez-les ici et mangez; et ne péchez pas contre l’Éternel en mangeant avec le sang. Et, cette nuit-là, tout le peuple amena chacun son bœuf à la main, et ils les égorgèrent là.
35 Saaʼolis iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaare; waan kanas yeroo jalqabaatiif godhe.
Et Saül bâtit un autel à l’Éternel; ce fut le premier autel qu’il bâtit à l’Éternel.
36 Saaʼol, “Kottaa Filisxeemota duukaa buunee hamma lafti bariʼutti isaan saamnaa; nama tokko illee lubbuun hin hambifnu” jedhe. Isaanis, “Waan gaarii sitti fakkaate hunda godhi” jedhanii deebisan. Lubichi garuu, “Asumatti Waaqa gaafanna” jedhe.
Et Saül dit: Descendons de nuit après les Philistins, et pillons-les jusqu’à la lumière du matin, et n’en laissons pas un homme de reste. Et ils dirent: Fais tout ce qui est bon à tes yeux. Et le sacrificateur dit: Approchons-nous ici de Dieu.
37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota duukaa buʼuu? Ati dabarsitee harka Israaʼelitti isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqa gaafate. Waaqni garuu gaafa sana deebii hin kennineef.
Et Saül interrogea Dieu: Descendrai-je après les Philistins? Les livreras-tu en la main d’Israël? Et il ne lui répondit pas ce jour-là.
38 Kanaafuu Saaʼol akkana jedhe; “Hooggantoonni loltootaa hundi as kottaa; cubbuu harʼa hojjetame ifatti baafnaa.
Et Saül dit: Approchez ici, vous tous les principaux du peuple, et sachez et voyez comment ce péché est arrivé aujourd’hui;
39 Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼelin baraaru sanaa, yoo namni cubbuu kana hojjete ilma koo Yoonaataan illee taʼe inni duʼuu qaba.” Garuu isaan keessaa namni tokko iyyuu deebii isaaf hin kennine.
car l’Éternel qui a sauvé Israël est vivant, que si c’était par Jonathan, mon fils, il mourra certainement! Et personne de tout le peuple ne lui répondit.
40 Saaʼolis Israaʼeloota hundaan, “Isin achi dhaabadhaa; anii fi ilmi koo Yoonaataan immoo as dhaabanna” jedhe. Namoonnis, “Waan gaarii sitti fakkaate godhi” jedhaniin.
Et il dit à tout Israël: Vous, soyez d’un côté, et moi et Jonathan, mon fils, nous serons de l’autre côté. Et le peuple dit à Saül: Fais ce qui est bon à tes yeux.
41 Ergasii Saaʼol, “Deebii qajeelaa naa kenni” jedhee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel kadhate. Ixaanis Yoonaataanii fi Saaʼolitti baʼe; namoonnis bilisa baʼan.
Et Saül dit à l’Éternel, le Dieu d’Israël: Donne [un sort] parfait. Et Jonathan et Saül furent pris, et le peuple échappa.
42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yoonaataan gidduutti immoo ixaa buusaa” jedhe. Ixaan sunis Yoonaataanitti baʼe.
Et Saül dit: Jetez le sort entre moi et Jonathan, mon fils. Et Jonathan fut pris.
43 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Ati waan goote natti himi” jedhe. Yoonaataanis, “Ani dhugumaan fiixee ulee kootiin damma xinnoo ishee muuxadheera. Egaa ani duʼuun qabaa?” jedhee isatti hime.
Et Saül dit à Jonathan: Déclare-moi ce que tu as fait. Et Jonathan le lui déclara, et dit: Je n’ai fait que goûter un peu de miel avec le bout du bâton que j’avais à la main, [et] voici, je meurs!
44 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Yoonaataan, yoo ati dhugumaan duʼuu baatte Waaqni waan kanaa fi kan caalu iyyuu natti haa fidu” jedhe.
Et Saül dit: Que Dieu [me] fasse ainsi, et ainsi y ajoute, si tu ne meurs certainement, Jonathan!
45 Namoonni garuu Saaʼoliin akkana jedhan; “Yonaataan namni moʼannoo guddaa kana Israaʼeliif fide duʼuu qabaa? Kun gonkumaa hin taʼu! Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi mataa isaa tokko illee lafa hin buʼu; inni gargaarsa Waaqaatiin harʼa waan kana godheeraatii.” Namoonni akkasiin Yoonaataanin baraaran; innis hin ajjeefamne.
Et le peuple dit à Saül: Jonathan, qui a opéré cette grande délivrance en Israël, mourra-t-il? Qu’ainsi n’advienne! L’Éternel est vivant, s’il tombe à terre un des cheveux de sa tête! car il a opéré avec Dieu aujourd’hui. Et le peuple délivra Jonathan, et il ne mourut pas.
46 Saaʼolis Filisxeemota ariʼuu ni dhiise; isaanis gara biyya isaaniitti dachaʼan.
Et Saül remonta de la poursuite des Philistins, et les Philistins s’en allèrent en leur lieu.
47 Saaʼol erga Israaʼel irratti mootii taʼee booddee diinota isaanii kanneen gama hundaan turan hunda jechuunis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Mootota Zoobaa fi Filisxeemota lole. Lafa dhaqu hundattis isaan barbadeessa ture.
Et Saül prit la royauté sur Israël, et il fit la guerre tout à l’entour contre tous ses ennemis: contre Moab, et contre les fils d’Ammon, et contre Édom, et contre les rois de Tsoba, et contre les Philistins; et partout où il se tournait, il les châtiait.
48 Gootummaadhaanis Amaaleqoota lolee moʼate; Israaʼelootas harka warra isaan saamanii jalaa baase.
Et il forma une armée et frappa Amalek, et délivra Israël de la main de ceux qui le pillaient.
49 Ilmaan Saaʼol Yoonaataan, Yishwii fi Malkii-Shuwaa turan. Maqaan intallan isaa immoo isheen hangafni Meerab, quxisuun immoo Miikaal jedhama ture.
Et les fils de Saül étaient Jonathan, et Jishvi, et Malki-Shua; et les noms de ses deux filles: le nom de l’aînée était Mérab, et le nom de la plus jeune, Mical.
50 Maqaan niitii isaa Ahiinooʼam jedhama ture; isheenis intala Ahiimaʼaz turte. Maqaan ajajaa waraana Saaʼol Abneer ilma Neeriti; Neer immoo obboleessa abbaa Saaʼol.
Et le nom de la femme de Saül était Akhinoam, fille d’Akhimaats; et le nom du chef de son armée était Abner, fils de Ner, oncle de Saül.
51 Qiish abbaan Saaʼolii fi Neer abbaan Abneer ilmaan Abiiʼeel.
Et Kis, père de Saül, et Ner, père d’Abner, étaient fils d’Abiel.
52 Bara jireenya Saaʼol guutuu waraana cimaatu Filisxeemota irratti adeemsifamaa ture; Saaʼolis yommuu nama jabaa yookaan goota tokko argutti ofitti fudhatee akka isa tajaajilu godhata ture.
Et la guerre fut forte contre les Philistins durant tous les jours de Saül; et quand Saül voyait quelque homme fort et quelque homme vaillant, il le prenait auprès de lui.

< 1 Saamuʼeel 14 >