< 1 Saamuʼeel 13 >
1 Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtamii lama Israaʼelin bulche.
Sauli alikwa na umri wa miaka [thelathini] alipoanza kutawala; alipokuwa ametawala Israeli kwa miaka [arobaini],
2 Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise.
aliwachagua wanaume elfu tatu wa Israeli. Elfu mbili walikuwa pamoja naye huko Mikmashi na katika nchi ya milima ya Betheli, wakati huo wale elfu moja walikuwa pamoja na Yonathani katika Gibea ya Benyamini. Askari waliobaki aliwarudisha nyumbani, kila mtu hemani kwake.
3 Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise.
Yonathani akaishinda ngome ya jeshi la Wafilisti iliyokuwa Geba na Wafilisti wakasikia habari hiyo. Baadaye Sauli alipiga tarumbeta katika nchi yote, akisema, “Sikieni enyi Waebrania.”
4 Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.
Israeli yote imesikia kwamba Sauli ameipiga ngome ya Wafilisti, na pia kwamba Israeli imekuwa uvundo kwa Wafilisti. Ndipo askari wakaitwa kwa pamoja kuungana na Sauli huko Gilgali.
5 Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan.
Wafilisti walijikusanya pamoja kupigana dhidi ya Waisraeli: magari elfu tatu, watu elfu sita wakuendesha magari, na majeshi mengi kama mchanga ufukoni mwa bahari. Wakapanda na kupiga kambi huko Mikimashi, mashariki mwa Beth aveni.
6 Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan.
Watu wa Israeli walipoona kuwa wapo katika matatizo -kwa maana watu walikata tamaa, wakajificha kwenye mapango, kwenye vichaka, kwenye miamba, kwenye visima na katika mashimo.
7 Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan. Saaʼol garuu Gilgaalitti hafe; loltoonni isa wajjin turan hundinuus sodaadhaan hollachaa turan.
Baadhi ya Waebrania walipanda kwenda Yordani katika nchi ya Gadi na Gileadi. Lakini Sauli alibaki Gilgali, na watu waliomfuata wakitetemeka.
8 Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban.
Alisubiri kwa siku saba, muda uliopangwa na Samweli. Lakini Samweli hakufika huko Gilgali, na watu wakatawanyika mbali na Sauli.
9 Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse.
Sauli akasema, “Nileteeni sadaka ya kuteketezwa na sdaka ya amani.” Kisha akatoa sadaka ya kuteketezwa.
10 Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe.
Mara tu alipomaliza kutoa sadaka ya kuteketezwa Samweli akawasili. Sauli akatoka nje wakutane na kumsalimia.
11 Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate. Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti,
Basi Samweli akasema, “Umefanya nini?” Sauli akajibu, “Nilipoona kwamba watu wanaiacha, na kwamba umechelewa hukufika kwa muda uliopangwa, na kwamba Wafilisti wamekwisha jikusanya huko Mikmashi,
12 ‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa Waaqayyoo hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.”
nikasema, 'Sasa Wafilisti watashuka dhidi yangu huko Gilgali, na sijaomba kibali cha BWANA.' Kwa hiyo nikajilazimisha mwenyewe kutoa sadaka ya kuteketezwa.”.
13 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture.
Ndipo Samweli akamwambia Sauli, “Umetenda mambo ya kipumbavu. Hukuheshimu amri ya BWANA Mungu wako aliyokupatia. Kwa maana BWANA angeutengeneza utawala wako juu ya Israeli milele.
14 Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja Waaqayyoo hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
Lakini sasa utawala wako hautaendelea. BWANA ametafuta mtu anayekubaliwa na moyo wake, kwa sababu wewe hukutii alichokuamuru.”
15 Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture.
Ndipo Samweli akasimama akapanda kutoka Gilgali hadi Gibea ya Benyamini. Basi Sauli akawahesabu watu waliokuwapo pamoja naye, idadi yao ilikuwa kama watu mia sita.
16 Yeroo Filisxeemonni Mikmaas keessa qubatanii turanitti Saaʼol, ilmi isaa Yoonaataanii fi namoonni isaan wajjin turan biyya Beniyaam Gibeʼaa keessa turan.
Sauli, mtoto wake Yonathani, na watu waliokuwa pamoja nao, wakabaki Geba ya Benyamimni. Lakini Wafilisti wakapiga kambi huko Mikmashi.
17 Gareen weerartootaa iddoo sadiitti qoodamanii qubata Filisxeemotaatii baʼan. Gareen tokko gara Ofraa kan biyya Shuuʼaali keessa jiru sanaatti qajeele;
Wateka nyara makundi matatu wakaja kutoka kambi ya Wafilisti. Kundi moja likapinda kuelekea Ofra, hadi nchi ya Shuali.
18 gareen lammaffaan karaa Beet Horoonitti, gareen sadaffaan immoo karaa daarii irraangadee Sulula Zebooʼiim kan fuullee gammoojjiitti geessu irra buʼe.
Kundi jingine likageuka kuelekea Bethholoni, na kundi jingine likaelekea katika mpaka kulikabili bonde la Seboimu kuelekea jangwani.
19 Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne.
Hakuna hata mhunzi aliyeonekana katika nchi yote ya Israeli, kwa sababu Wafilisti walisema, “Waebrania wasije wakajitengenezea mapanga au mikuki.”
20 Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan.
Lakini Waisraeli wote huwa wakiteremka kwa Wafilisti, kila mtu kunoa jembe lake, sululu yake, shoka lake na mundu wake.
21 Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan.
Gharama za kunoa ncha za majembe, sululu, mashoka na kunyoosha michokoo ilikuwa theluthi moja ya shekeli.
22 Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture.
Hivyo siku ya vita, hakukuwa na mapanga au mikuki iliyoonekana katika mikono yoyote ya askali waliokuwa na Sauli na Yonathani; Ni Sauli na mtoto wake tu ndio walikuwa nazo.
23 Gaafuma sana gareen Filisxeemotaa tokko gara malkaa Mikmaasitti gad buʼe.
Vikosi vya Wafilisti wakatokeza katika nija ya Mikmashi.