< 1 Saamuʼeel 11 >
1 Naahaash namichi Amoon sun ol baʼee Yaabeesh Giliʼaadin marse. Namoonni Yaabeesh hundinuus Naaʼaashiin, “Kottu walii galtee godhannaa; nus siif hojjennaa” jedhan.
Then came up Nahash the Ammonite, and encamped against Jabesh-gilead, —and all the man of Jabesh said unto Nahash, Solemnise with us a covenant, that we may serve thee.
2 Naahaash namichi Amoon garuu, “Ani kanan isin wajjin walii galtee godhadhu yoo ija mirgaa tokkoo tokkoo keessanii isin keessaa baasee akkasiin Israaʼel hunda salphise qofa” jedhee deebiseef.
And Nahash the Ammonite said unto them, Hereby, will I solemnise [a covenant] with you by digging out for you, every one’s right eye, —and laying it for a reproach, upon all Israel.
3 Maanguddoonni Yaabeesh immoo, “Akka nu guutummaa Israaʼel keessa ergamoota ergannuuf guyyaa torba nuuf obsi; yoo namni nu oolchu tokko iyyuu jiraachuu baate nu siif bulla” isaan jedhan.
And the elders of Jabesh said unto him—Give us a respite of seven days, that we may send messengers throughout all the bounds of Israel, —and then, if there is none to save us, we will come out unto thee.
4 Ergamoonni kunneenis yommuu gara Gibeʼaa iddoo Saaʼol jiraatu dhufanii waan kana namootatti himanitti, namoonni hundi sagalee ol fudhatanii ni booʼan.
And, when the messengers came to Gibeah of Saul, and spake the words in the ears of the people, all the people lifted up their voice, and wept.
5 Yeroo sanatti Saaʼol sangoota isaa oofaa iddoo qonnaatii gala ture; innis, “Sabni kun maal taʼee booʼa?” jedhee gaafate. Isaanis waan namoonni Yaabeesh jedhan sana isatti himan.
But lo! Saul, came in, following the oxen, out of the field, and Saul said, What aileth the people, that they should weep? Then were recounted to him the words of the men of Jabesh.
6 Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe.
And the Spirit of God came suddenly upon Saul, when he heard these words, —and his anger raged furiously.
7 Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni Waaqayyoos waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe.
So he took a yoke of oxen, and cut them in pieces, and sent throughout all the bounds of Israel by the hand of messengers—saying, Whosoever cometh not forth after Saul, and after Samuel, so, shall it be done unto his oxen. Then felt the dread of Yahweh, upon the people, and they came forth, as one man.
8 Saaʼol iddoo Bezeq jedhamutti walitti isaan qabe; baayʼinni Israaʼelootaa kuma dhibba sadii, kan warra Yihuudaa immoo kuma soddoma ture.
And, when he numbered them in Bezek, the sons of Israel were found to be—three hundred thousand, and the men of Judah thirty thousand.
9 Isaanis ergamoota dhufan sanaan, “Namoota Yaabeesh Giliʼaadiin, ‘Bor yeroo aduun hoʼutti bilisa baatu’ jedhaatii itti himaa” jedhaniin. Yommuu ergamoonni sun dhaqanii waan kana isaanitti odeessanitti warri Yaabeesh akka malee gammadan.
So they said unto the messengers who had come—Thus, shall ye surely say to the men of Jabesh-gilead, To-morrow, shall ye have deliverance, about the time the son is hot. And, when the messengers came and told the men of Jabesh, they rejoiced.
10 Isaanis namoota Amooniin, “Nu bor harka keenya isinitti kennanna; isin waan isinitti gaarii fakkaate hunda nu gochuu ni dandeessu” jedhan.
So the men of Jabesh said, To-morrow, will we come out unto you, —Then shall ye do with us, according to all that is good in your eyes.
11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota isaa garee sadiitti qoode; gara barii halkaniittis dallaa Amoonotaa cabsanii seenuudhaan hamma lafti hoʼutti isaan qalan. Kanneen hafan immoo gargar faffacaʼan; isaan keessaas namni lama iyyuu wal biratti hin hafne.
And it came to pass on the morrow, that Saul set the people in three companies, and they entered into the midst of the host, during the morning watch, and smote Ammon until the day was hot. And it came to pass that, they who were left, were scattered, so that there were not left among them, two together.
12 Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan.
Then said the people unto Samuel, Who is he that was saying, Shall, Saul, reign over us? Give up the men, that we may put them to death.
13 Saaʼol garuu, “Guyyaan kun gaafa itti Waaqayyo Israaʼelin baraare waan taʼeef namni tokko iyyuu harʼa hin ajjeefamu” jedhe.
But Saul said, There shall not be put to death a man, this day, —for, to-day, hath Yahweh wrought deliverance in Israel.
14 Saamuʼeel immoo namootaan, “Kottaa Gilgaal dhaqnee mootii taʼuu isaa achitti mirkaneessinaa” jedhe.
Then said Samuel unto the people, Come and let us go to Gilgal, —and let us there renew the kingdom.
15 Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula Waaqayyoo duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan.
So all the people went to Gilgal, and made Saul king there, before Yahweh, in Gilgal, and offered there sacrifices of peace-offerings before Yahweh, —and Saul and all the men of Israel rejoiced there, exceedingly.