< 1 Phexros 5 >
1 Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa;
Пастырей ваших умоляю я, сопастырь и свидетель страданий Христовых и соучастник в славе, которая должна открыться:
2 karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa;
пасите Божие стадо, какое у вас, надзирая за ним не принужденно, но охотно и богоугодно, не для гнусной корысти, но из усердия,
3 karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa.
и не господствуя над наследием Божиим, но подавая пример стаду;
4 Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
и когда явится Пастыреначальник, вы получите неувядающий венец славы.
5 Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”
Также и младшие, повинуйтесь пастырям; все же, подчиняясь друг другу, облекитесь смиренномудрием, потому что Бог гордым противится, а смиренным дает благодать.
6 Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.
Итак смиритесь под крепкую руку Божию, да вознесет вас в свое время.
7 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
Все заботы ваши возложите на Него, ибо Он печется о вас.
8 Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
Трезвитесь, бодрствуйте, потому что противник ваш диавол ходит, как рыкающий лев, ища, кого поглотить.
9 Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
Противостойте ему твердою верою, зная, что такие же страдания случаются и с братьями вашими в мире.
10 Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas. (aiōnios )
Бог же всякой благодати, призвавший нас в вечную славу Свою во Христе Иисусе, Сам, по кратковременном страдании вашем, да совершит вас, да утвердит, да укрепит, да соделает непоколебимыми. (aiōnios )
11 Bara baraa hamma bara baraatti humni isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn )
Ему слава и держава во веки веков. Аминь. (aiōn )
12 Anis isin jajjabeessuudhaaf, akka wanni kun ayyaana Waaqaa isa dhugaa taʼe sana dhugaa baʼuuf harka Silwaanos isa ani akka obboleessa amanamaatti hedu sanaatiin gabaabumatti barreessee isinii ergeera. Ayyaana kanaan jabaadhaa dhaabadhaa.
Сие кратко написал я вам чрез Силуана, верного, как думаю, вашего брата, чтобы уверить вас, утешая и свидетельствуя, что это истинная благодать Божия, в которой вы стоите.
13 Waldaan kiristaanaa isheen isin wajjin filatamtee Baabilon keessa jirtu sun nagaa isinii dhaamti; ilmi koo Maarqosis akkasuma nagaa isinii dhaama.
Приветствует вас избранная, подобно вам, церковь в Вавилоне и Марк, сын мой.
14 Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.
Приветствуйте друг друга лобзанием любви. Мир вам всем во Христе Иисусе. Аминь.