< 1 Phexros 4 >

1 Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera.
Therefore Christ having suffered in the flesh, you also arm yourselves with the same mind: because the one having suffered in carnality has ceased from sin;
2 Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu.
that he may no longer live the remaining time in carnality according to the lusts of men, but in the will of God.
3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.
For the past time is sufficient to have wrought the will of the heathens, walking in impurities, in lusts, in wine-drinkings, in revelries, in intemperance, and in unlawful idolatries:
4 Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus.
in which they are astonished you not running to the same excess of wrath, blaspheming;
5 Garuu isaan Waaqa warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu.
who shall give an account to him who is ready to judge the living and the dead.
6 Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Waaqaatti akka jiraataniif wangeelli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.
For, unto this the gospel was also preached to the dead, in order that they may indeed be judged according to men in the flesh, but live according to God in the spirit.
7 Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.
But the end of all things is at hand. Therefore be prudent, and sober unto prayers:
8 Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
before all things having divine love stedfast toward one another; because divine love covers a multitude of sins:
9 Guungummii malee wal keessumsiisaa.
being hospitable to one another without grudging;
10 Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba.
as each one received the gift of grace, ministering the same to one another, as the good stewards of the manifold grace of God:
11 Namni dubbatu kam iyyuu akka nama dubbii Waaqaa dubbatuutti haa dubbatu. Namni tajaajilu kam iyyuu akka Waaqni waan hunda keessatti karaa Yesuus Kiristoosiin galateeffamuuf jedhee jabina Waaqni isaaf kenneen haa tajaajilu. Ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
if any one speaks, let him speak as the oracles of God; if any one ministers, as from the strength which God supplies; in order that God may be glorified in all things through Jesus Christ; to whom there is glory and power unto the ages of the ages. Amen. (aiōn g165)
12 Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa.
Beloved, think it not strange concerning the fiery trial among you, coming upon you unto your testing: as some strange thing happening to you:
13 Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.
but as you participate in the sufferings of Christ, rejoice; in order that you may also rejoice in the revelation of his glory, being glad.
14 Yoo maqaa Kiristoosiitiif jettanii arrabsamtan isin eebbifamoo dha; Hafuurri ulfinaatii fi Hafuurri Waaqaa isin irra boqotaatii.
If you suffer reproach in the name of Christ, happy are you, because the spirit of the glory and the spirit of God rest on you.
15 Isin keessaa namni kam iyyuu akka nama nama ajjeesuutti yookaan akka hattuutti yookaan akka nama yakka hojjetuutti yookaan akka nama dubbii namaa keessa seenuutti hin dhiphatin.
But let no one of you suffer as a murderer, or a thief, or an evil-doer, or as a meddler in other people's business:
16 Garuu namni tokko yoo sababii Kiristaana taʼeef dhiphate maqaa sanaan Waaqa haa galateeffatu malee hin qaanaʼin.
but if as a Christian, be not ashamed, but glorify God in this name.
17 Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?
Because it is time that judgment should begin from the house of God: and if it is first from us, what shall be the end of those who obey not the gospel of God?
18 “Erga qajeeltonni fayyuun rakkisaa taʼe, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan maal haa taʼu ree?”
And if the righteous is scarcely saved, where shall the ungodly and the sinner appear?
19 Kanaafuu warri akka fedhii Waaqaatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.
So let those indeed suffering according to the will of God submit their souls to the faithful Creator, in good work.

< 1 Phexros 4 >