< 1 Phexros 3 >

1 Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa;
hE yOSitaH, yUyamapi nijasvAminAM vazyA bhavata tathA sati yadi kEcid vAkyE vizvAsinO na santi tarhi
2 isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu.
tE vinAvAkyaM yOSitAm AcArENArthatastESAM pratyakSENa yuSmAkaM sabhayasatItvAcArENAkraSTuM zakSyantE|
3 Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin;
aparaM kEzaracanayA svarNAlagkAradhAraNOna paricchadaparidhAnEna vA yuSmAkaM vAhyabhUSA na bhavatu,
4 qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
kintvIzvarasya sAkSAd bahumUlyakSamAzAntibhAvAkSayaratnEna yuktO gupta AntarikamAnava Eva|
5 Dubartoonni qulqulloonni durii warri Waaqa abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan;
yataH pUrvvakAlE yAH pavitrastriya IzvarE pratyAzAmakurvvan tA api tAdRzImEva bhUSAM dhArayantyO nijasvAminAM vazyA abhavan|
6 Saaraanis Abrahaamiin “Gooftaa” jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.
tathaiva sArA ibrAhImO vazyA satI taM patimAkhyAtavatI yUyanjca yadi sadAcAriNyO bhavatha vyAkulatayA ca bhItA na bhavatha tarhi tasyAH kanyA AdhvE|
7 Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
hE puruSAH, yUyaM jnjAnatO durbbalatarabhAjanairiva yOSidbhiH sahavAsaM kuruta, Ekasya jIvanavarasya sahabhAginIbhyatAbhyaH samAdaraM vitarata ca na cEd yuSmAkaM prArthanAnAM bAdhA janiSyatE|
8 Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
vizESatO yUyaM sarvva EkamanasaH paraduHkhai rduHkhitA bhrAtRpramiNaH kRpAvantaH prItibhAvAzca bhavata|
9 Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
aniSTasya parizOdhEnAniSTaM nindAyA vA parizOdhEna nindAM na kurvvanta AziSaM datta yatO yUyam AziradhikAriNO bhavitumAhUtA iti jAnItha|
10 “Namni jireenya jaallatu, kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu, arraba isaa hammina irraa, hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.
aparanjca, jIvanE prIyamANO yaH sudinAni didRkSatE| pApAt jihvAM mRSAvAkyAt svAdharau sa nivarttayEt|
11 Inni hammina irraa deebiʼee gaarii haa hojjetu; nagaa haa barbaadu; duukaa haa buʼus.
sa tyajEd duSTatAmArgaM satkriyAnjca samAcarEt| mRgayANazca zAntiM sa nityamEvAnudhAvatu|
12 Iji Gooftaa qajeeltota irra jiraatii; gurri isaas kadhata isaaniitiif banamaa dha; garuu fuulli Gooftaa warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.”
lOcanE paramEzasyOnmIlitE dhArmmikAn prati| prArthanAyAH kRtE tESAH tacchrOtrE sugamE sadA| krOdhAsyanjca parEzasya kadAcAriSu varttatE|
13 Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha?
aparaM yadi yUyam uttamasyAnugAminO bhavatha tarhi kO yuSmAn hiMsiSyatE?
14 Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.”
yadi ca dharmmArthaM klizyadhvaM tarhi dhanyA bhaviSyatha| tESAm AzagkayA yUyaM na bibhIta na vigkta vA|
15 Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;
manObhiH kintu manyadhvaM pavitraM prabhumIzvaraM| aparanjca yuSmAkam AntarikapratyAzAyAstattvaM yaH kazcit pRcchati tasmai zAntibhItibhyAm uttaraM dAtuM sadA susajjA bhavata|
16 isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa.
yE ca khrISTadharmmE yuSmAkaM sadAcAraM dUSayanti tE duSkarmmakAriNAmiva yuSmAkam apavAdEna yat lajjitA bhavEyustadarthaM yuSmAkam uttamaH saMvEdO bhavatu|
17 Dhiphachuun keessan fedhii Waaqaa yoo taʼe, hamaa hojjettanii dhiphachuu irra gaarii hojjettanii dhiphachuu wayya.
IzvarasyAbhimatAd yadi yuSmAbhiH klEzaH sOPhavyastarhi sadAcAribhiH klEzasahanaM varaM na ca kadAcAribhiH|
18 Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
yasmAd Izvarasya sannidhim asmAn AnEtum adhArmmikANAM vinimayEna dhArmmikaH khrISTO 'pyEkakRtvaH pApAnAM daNPaM bhuktavAn, sa ca zarIrasambandhE mAritaH kintvAtmanaH sambandhE puna rjIvitO 'bhavat|
19 erga jiraataa taasifamee immoo dhaqee hafuurota mana hidhaa jiranitti lallabe;
tatsambandhE ca sa yAtrAM vidhAya kArAbaddhAnAm AtmanAM samIpE vAkyaM ghOSitavAn|
20 isaanis bara Nohi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Waaqni obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe;
purA nOhasya samayE yAvat pOtO niramIyata tAvad Izvarasya dIrghasahiSNutA yadA vyalambata tadA tE'nAjnjAgrAhiNO'bhavan| tEna pOtOnAlpE'rthAd aSTAvEva prANinastOyam uttIrNAH|
21 bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Waaqaaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin isin fayyisa;
tannidarzananjcAvagAhanaM (arthataH zArIrikamalinatAyA yastyAgaH sa nahi kintvIzvarAyOttamasaMvEdasya yA pratajnjA saiva) yIzukhrISTasya punarutthAnEnEdAnIm asmAn uttArayati,
22 Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
yataH sa svargaM gatvEzvarasya dakSiNE vidyatE svargIyadUtAH zAsakA balAni ca tasya vazIbhUtA abhavan|

< 1 Phexros 3 >