< 1 Phexros 1 >
1 Phexros ergamaa Yesuus Kiristoos irraa, Gara filatamtoota Phonxoos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaa fi Biitaaniyaa keessa bibittinnaaʼan
Peter, an apostle of Jesus Christ, to the sojourners scattered abroad in Pontus, Galatia, Cappadocia, Asia, and Bithynia, chosen
2 kanneen akka beekumsa Waaqa Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Yesuus Kiristoosiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti: Ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
according to the foreknowledge of God the Father and sanctified by the Spirit to be obedient to Jesus Christ and to be sprinkled with his blood: Grace and peace be multiplied to you.
3 Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
Blessed be the God and Father of our Lord Jesus Christ! In his great mercy he caused us to be born again to a living hope through the resurrection of Jesus Christ from the dead,
4 akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
to an inheritance that is imperishable, undefiled, and unfading, reserved in heaven for you,
5 isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
who by the power of God are being guarded through faith for a salvation ready to be revealed in the last time.
6 Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
In this you rejoice, even if now for a little while you have had to suffer various trials
7 Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
so that the proven character of your faith—far more precious than gold that perishes even though it is tested by fire—may result in praise, honor, and glory when Jesus Christ is revealed.
8 Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
Although you once did not know him, you love him; although you do not now see him, you believe in him and rejoice with an unspeakable and glorious joy,
9 isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
because you are receiving the end result of your faith—the salvation of your souls.
10 Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan;
Concerning this salvation, the prophets who prophesied about the grace that would come to you searched and carefully investigated,
11 isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.
inquiring about the time and circumstances that the Spirit of Christ within them was indicating when he testified in advance to the sufferings of Christ and the glories that would follow.
12 Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
It was revealed to them that they were not serving themselves, but you, in regard to the things that have now been announced to you through those who preached the gospel to you by the Holy Spirit sent from heaven. Even angels long to catch a glimpse of these things.
13 Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.
Therefore, with minds that are alert and fully sober, set your hope completely on the grace that will be brought to you when Jesus Christ is revealed.
14 Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
As children of obedience, do not conform yourselves to the evil desires you had when you lived in ignorance.
15 Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
But just as he who called you is holy, you also must be holy in all your conduct,
16 “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
for it is written, “Be holy, because I am holy.”
17 Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.
If you call on the Father who judges without partiality according to each person's work, pass the time of your sojourn in reverent fear.
18 Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii.
For you know that you were redeemed from the empty way of life handed down to you from your fathers, not with perishable things like silver or gold,
19 Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
but with the precious blood of Christ, a lamb without blemish or spot.
20 Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate.
He was foreknown before the foundation of the world, but was revealed in the last times for your sake.
21 Isinis karaa isaatiin Waaqa warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqayyo taʼuuf.
Through him you believe in God, who raised him from the dead and gave him glory, so that your faith and hope might be in God.
22 Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
Since you have purified your souls by your obedience to the truth through the Spirit, resulting in genuine brotherly love, love one another deeply, from a pure heart.
23 Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti. (aiōn )
For you have been born again, not of perishable seed but of imperishable, through the word of God that lives and abides forever. (aiōn )
24 “Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
For, “All flesh is like grass, and all the glory of man is like a flower of grass. The grass withers, and its flower falls,
25 dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana. (aiōn )
but the word of the Lord endures forever.” This word is the good news that was preached to you. (aiōn )