< 1 Mootota 9 >

1 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti,
Now when Solomon had finished building the house of the LORD and the royal palace, and had achieved all that he had desired to do,
2 Waaqayyo akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate.
the LORD appeared to him a second time, as He had appeared to him at Gibeon.
3 Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Ani kadhannaa fi waammata ati fuula koo duratti dhiʼeessite dhagaʼeera; ani mana qulqullummaa kan ati ijaarte kana maqaa koo bara baraan achi keessa kaaʼuudhaan eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
And the LORD said to him: “I have heard your prayer and petition before Me. I have consecrated this temple you have built by putting My Name there forever; My eyes and My heart will be there for all time.
4 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana garaa qulqulluu fi qajeelummaan fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
And as for you, if you walk before Me as your father David walked, with a heart of integrity and uprightness, doing all I have commanded you, and if you keep My statutes and ordinances,
5 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama teessoo Israaʼel irra taaʼu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa gale sana teessoo mootummaa keetii Israaʼel irratti jabeessee bara baraan nan dhaaba.
then I will establish your royal throne over Israel forever, as I promised your father David when I said, ‘You will never fail to have a man on the throne of Israel.’
6 “Garuu yoo ati yookaan ilmaan kee narraa gortanii ajajawwanii fi qajeelchawwan ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
But if indeed you or your sons turn away from following Me and do not keep the commandments and statutes I have set before you, and if you go off to serve and worship other gods,
7 ani biyya isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan ariʼa; mana qulqullummaa kan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa. Ergasiis Israaʼel saboota hunda biratti waan kolfaatii fi waan qoosaa taati.
then I will cut off Israel from the land that I have given them, and I will banish from My presence this temple I have sanctified for My Name. Then Israel will become an object of scorn and ridicule among all peoples.
8 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa; namni achiin darbu hundis dinqisiifatee, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
And when this temple has become a heap of rubble, all who pass by it will be appalled and will hiss and say, ‘Why has the LORD done such a thing to this land and to this temple?’
9 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa isaanii kan abbootii isaanii Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”
And others will answer, ‘Because they have forsaken the LORD their God who brought their fathers out of the land of Egypt, and have embraced other gods, worshiping and serving them—because of this, the LORD has brought all this disaster upon them.’”
10 Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti,
Now at the end of the twenty years during which Solomon built these two houses, the house of the LORD and the royal palace,
11 Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne.
King Solomon gave twenty towns in the land of Galilee to Hiram king of Tyre, who had supplied him with cedar and cypress logs and gold for his every desire.
12 Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne.
So Hiram went out from Tyre to inspect the towns that Solomon had given him, but he was not pleased with them.
13 Innis, “Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?” jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef.
“What are these towns you have given me, my brother?” asked Hiram, and he called them the Land of Cabul, as they are called to this day.
14 Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture.
And Hiram had sent the king 120 talents of gold.
15 Seenaan itti Solomoon Mootichi mana qulqullummaa Waaqayyoo, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha.
This is the account of the forced labor that King Solomon imposed to build the house of the LORD, his own palace, the supporting terraces, and the wall of Jerusalem, as well as Hazor, Megiddo, and Gezer.
16 Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Solomoon sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne.
Pharaoh king of Egypt had attacked and captured Gezer. He had set it on fire, killed the Canaanites who lived in the city, and given it as a dowry to his daughter, Solomon’s wife.
17 Solomoonis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu,
So Solomon rebuilt Gezer, Lower Beth-horon,
18 Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana,
Baalath, and Tamar in the Wilderness of Judah,
19 akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare.
as well as all the store cities that Solomon had for his chariots and horses —whatever he desired to build in Jerusalem, Lebanon, and throughout the land of his dominion.
20 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
As for all the people who remained of the Amorites, Hittites, Perizzites, Hivites, and Jebusites (the people who were not Israelites)—
21 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
their descendants who remained in the land, those whom the Israelites were unable to devote to destruction —Solomon conscripted these people to be forced laborers, as they are to this day.
22 Solomoon garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan.
But Solomon did not consign any of the Israelites to slavery, because they were his men of war, his servants, his officers, his captains, and the commanders of his chariots and cavalry.
23 Isaan akkasumas hojii Solomoon hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan.
They were also the chief officers over Solomon’s projects: 550 supervisors over the people who did the work.
24 Solomoonis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawit keessaa gara masaraa mootummaa kan Solomoon isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare.
As soon as Pharaoh’s daughter had come up from the City of David to the palace that Solomon had built for her, he built the supporting terraces.
25 Solomoon waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Waaqayyoof ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Waaqayyoo duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe.
Three times a year Solomon offered burnt offerings and peace offerings on the altar he had built for the LORD, burning incense with them before the LORD. So he completed the temple.
26 Solomoon mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete.
King Solomon also assembled a fleet of ships at Ezion-geber, which is near Eloth in Edom, on the shore of the Red Sea.
27 Hiiraamis akka isaan namoota Solomoon wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge.
And Hiram sent his servants, men who knew the sea, to serve in the fleet with Solomon’s servants.
28 Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Solomoon mootichatti kennan.
They sailed to Ophir and imported gold from there—420 talents —and delivered it to Solomon.

< 1 Mootota 9 >