< 1 Mootota 7 >

1 Solomoon masaraa mootummaa isaa ijaaree fixachuuf waggaa kudha sadii itti fudhate.
ואת ביתו בנה שלמה שלש עשרה שנה ויכל את כל ביתו
2 Innis Masaraa Bosona Libaanoon jedhamu ijaarrate; masaraan sunis dhundhuma dhibba tokko dalga dheeratee balʼina dhundhuma shantamaa fi ol dheerina dhundhuma soddoma qaba ture; innis toora afuriin utubaawwan birbirsaa kanneen dareeraawwan birbirsaa baatan qaba ture.
ויבן את בית יער הלבנון מאה אמה ארכו וחמשים אמה רחבו ושלשים אמה קומתו על ארבעה טורי עמודי ארזים וכרתות ארזים על העמודים
3 Manni sunis dareeraawwan utubaawwan irra naqaman sanaan olitti bantii birbirsi hojjetame qaba ture; innis toorawwan tokkoon tokkoon isaanii utubaawwan kudha shan qabatan walumaa galatti utubaawwan afurtamii shan qaba ture.
וספן בארז ממעל על הצלעות אשר על העמודים ארבעים וחמשה--חמשה עשר הטור
4 Foddaawwan isaas ol kaafamanii toora sadii sadiin walitti garagalfamanii hojjetaman.
ושקפים שלשה טורים ומחזה אל מחזה שלש פעמים
5 Balballii fi michichilli balbalaa hundinuu roga afur afur qabu turan; isaanis karaa fuula duraatiin sadii sadiin walitti garagalfamanii turan.
וכל הפתחים והמזוזות רבעים שקף ומול מחזה אל מחזה שלש פעמים
6 Innis galma utubaawwan hedduu qabu kan dhundhuma shantama lafa irra dheeratee dhundhuma soddoma balʼatu ijaare. Fuula galma sanaa duraanis gardaafoo tokkotu ture; gardaafoo sana duraan immoo utubaawwanii fi bantii utubaawwan sana irratti diriirfame tokkotu ture.
ואת אולם העמודים עשה חמשים אמה ארכו ושלשים אמה רחבו ואולם על פניהם ועמדים ועב על פניהם
7 Innis galma teessoo, iddoo itti murtii kennu galma laaftoo ijaaree lafa isaatii jalqabee hamma bantii isaatti muka birbirsaa itti uffise.
ואולם הכסא אשר ישפט שם אלם המשפט עשה וספון בארז מהקרקע עד הקרקע
8 Masaraan mootummaa kan akka inni keessa jiraatuuf ijaarame sunis gara dugda duubaatti hiiqee karooruma wal fakkaatuun hojjetame. Solomoon intala Faraʼoon kan fuudhe sanaaf illee masaraa mootummaa kan akkuma galma kanaa ijaare.
וביתו אשר ישב שם חצר האחרת מבית לאולם כמעשה הזה היה ובית יעשה לבת פרעה אשר לקח שלמה כאולם הזה
9 Ijaarsi sun hundinuu alaa jalqabee hamma oobdii guddichaatti, hundee irraa jalqabee hamma mataa keenyan manaatti dhagaa gatii guddaa kan safaramee muramee fi kan keessii fi duubni isaa magaaziidhaan miidhagfameen hojjetame.
כל אלה אבנים יקרת כמדות גזית מגררות במגרה מבית ומחוץ וממסד עד הטפחות ומחוץ עד החצר הגדולה
10 Hundeen isaas dhagoota gurguddaa gatii guddaa qaban kanneen gariin isaanii dhundhuma kudhan gariin isaanii immoo dhundhuma saddeeti taʼaniin buufame.
ומיסד אבנים יקרות אבנים גדלות--אבני עשר אמות ואבני שמנה אמות
11 Hundee kana irraanis dhagoota gatii guddaa kanneen safaramanii murmuramanii fi birbirsatu ture.
ומלמעלה אבנים יקרות כמדות גזית--וארז
12 Oobdiin guddichis akkuma oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo kan keessaatii fi gardaafoo isaa sanaa keenyan manaa kan toora dhagaa soofamee ijaarame sadii fi toora saanqaa birbirsaa kan miidhagfamee hojjetame tokkoon marfame.
וחצר הגדולה סביב שלשה טורים גזית וטור כרתת ארזים ולחצר בית יהוה הפנימית ולאלם הבית
13 Solomoon mootichi Xiiroositti nama ergee Huuraamin fichisiise;
וישלח המלך שלמה ויקח את חירם מצר
14 haati Huuraam haadha hiyyeessaa kan gosa Niftaalem turte; abbaan isaa immoo nama gosa Xiiroos kan ogummaa hojii naasii qabu ture. Huuraam kun nama ogummaa guddaa qabu kan hojii naasii hunda keessatti muuxannoo qabu ture. Innis gara Solomoon mootichaa dhufee hojii isatti kenname hunda hojjete.
בן אשה אלמנה הוא ממטה נפתלי ואביו איש צרי חרש נחשת וימלא את החכמה ואת התבונה ואת הדעת לעשות כל מלאכה בנחשת ויבוא אל המלך שלמה ויעש את כל מלאכתו
15 Hiiraam utubaa naasii lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudha saddeet ol dheeratanii dhundhuma kudha lama furdatan hojjete.
ויצר את שני העמודים נחשת שמנה עשרה אמה קומת העמוד האחד וחוט שתים עשרה אמה יסב את העמוד השני
16 Fiixee utubaawwan sanaa irra kaaʼuudhaafis naasii baqfame irraa guutuu lama tolche; tokkoon tokkoon guutuu sanaas dhundhuma shan shan ol dheerata ture.
ושתי כתרת עשה לתת על ראשי העמודים--מצק נחשת חמש אמות קומת הכתרת האחת וחמש אמות קומת הכתרת השנית
17 Ergasiis guutuuwwan fiixee utubaawwan irraa sanaaf foncaa wal keessa loofame akka gingilchaatti hojjetame lama tolche; tokkoo tokkoo guutuu sanaatiifis gingilchaa torba torbatu qoodame.
שבכים מעשה שבכה גדלים מעשה שרשרות לכתרת אשר על ראש העמודים--שבעה לכתרת האחת ושבעה לכתרת השנית
18 Innis guutuuwwan fiixee utubaawwanii irra jiran sana miidhagsuuf jedhee tokkoo tokkoo gingilchaa sanaatti naannessee toora lamaan roomaanota tolche. Tokkoo tokkoo guutuwwaniitiifis akkasuma tolche.
ויעש את העמודים ושני טורים סביב על השבכה האחת לכסות את הכתרת אשר על ראש הרמנים וכן עשה לכתרת השנית
19 Guutuuwwan gardaafoo keessa fiixee utubaawwanii irra jiranis daraaraa fakkaatanii dhundhuma afur afur ol dheeratu ture.
וכתרת אשר על ראש העמודים--מעשה שושן באולם ארבע אמות
20 Guutuuwwan fiixee utubaawwan lamaanii irra kutaa waciitii fakkaatu kan gingilchaawwanitti aanuun gara irraa roomaanoota dhibba lamatu tooraan itti naannaʼee ture.
וכתרת על שני העמודים גם ממעל מלעמת הבטן אשר לעבר שבכה (השבכה) והרמונים מאתים טרים סביב על הכתרת השנית
21 Innis utubaawwan sana gardaafoo mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin “Yaakiin” kan karaa kaabaatiin immoo “Boʼeez” jedhe.
ויקם את העמדים לאלם ההיכל ויקם את העמוד הימני ויקרא את שמו יכין ויקם את העמוד השמאלי ויקרא את שמו בעז
22 Guutuuwwan fiixee sana irra jiran daraaraa fakkaatu turan. Hojiin utubaawwan irraas akkasiin dhume.
ועל ראש העמודים מעשה שושן ותתם מלאכת העמודים
23 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche. Naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
ויעש את הים מוצק עשר באמה משפתו עד שפתו עגל סביב וחמש באמה קומתו וקוה (וקו) שלשים באמה יסב אתו סביב
24 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti wiillee kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Willeewwan sunis Gaanii sana wajjin tarree lamaan walumatti baqfamanii hojjetaman.
ופקעים מתחת לשפתו סביב סבבים אתו--עשר באמה מקפים את הים סביב שני טורים הפקעים יצקים ביצקתו
25 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
עמד על שני עשר בקר שלשה פנים צפונה ושלשה פנים ימה ושלשה פנים נגבה ושלשה פנים מזרחה והים עליהם מלמעלה וכל אחריהם ביתה
26 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma lama qabata ture.
ועביו טפח ושפתו כמעשה שפת כוס פרח שושן אלפים בת יכיל
27 Akkasumas baattuuwwan naasii kanneen iddoo tokkoo sochoʼuu dandaʼan kudhan tolche; tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma afur afur lafa irra dheeratanii balʼina dhundhuma afur afuriitii fi ol dheerina dhundhuma sadii sadii qabu turan.
ויעש את המכנות עשר נחשת ארבע באמה ארך המכונה האחת וארבע באמה רחבה ושלש באמה קומתה
28 Haalli itti baattuuwwan kunneen hojjetamanis kana: Isaanis sibiila babalʼaa michichilaan marfame qabu ture.
וזה מעשה המכונה מסגרת להם ומסגרת בין השלבים
29 Sibiilawwan michichilaan marfaman sana irras fakkii leencawwanii, kan jibootaatii fi kan kiirubeeliitu ture; michichilawwan sana irras akkasuma ture. Fakkii leencawwaniitii fi jiboota sana jalaa fi gubbaanis fakkii daraaraa foʼamaa kan sibiila tumameen tolfame tokkotu ture.
ועל המסגרות אשר בין השלבים אריות בקר וכרובים ועל השלבים כן ממעל ומתחת לאריות ולבקר ליות מעשה מורד
30 Tokkoon tokkoon baattuu sanaa goommaa naasii afur afurii fi somaa naasii qaba ture; goleewwan afraniinis utubaawwanitu ture; utubaawwan kunneenis baqfamanii daraaraa foʼamaadhaan miidhagfamanii tolfaman.
וארבעה אופני נחשת למכונה האחת וסרני נחשת וארבעה פעמתיו כתפת להם מתחת לכיר הכתפות יצקות מעבר איש ליות
31 Gara keessa baattuu sanaatiin uraa geengoo kan dhundhuma tokko gad fagaatutu ture. Uraan kunis geengoo taʼee jalli isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata ture. Naannoo uraa isaatti waan soofamee faayeffame tokkotu ture. Sibiilli baattuu sanaa balʼaan roga afuriin wal qixxee ture malee geengoo hin turre.
ופיהו מבית לכתרת ומעלה באמה ופיה עגל מעשה כן אמה וחצי האמה וגם על פיה מקלעות ומסגרתיהם מרבעות לא עגלות
32 Goommaawwan afran sun sibiila babalʼaa jala turan; somaan goommaawwaniis baattuu sanaan walitti qabsiifamee ture. Balʼinni tokkoo tokkoo goommaa sanaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
וארבעת האופנים למתחת למסגרות וידות האופנים במכונה וקומת האופן האחד אמה וחצי האמה
33 Goommaawwan sunis akkuma goommaawwan gaariitti hojjetaman. Somaan isaanii, hidhiin isaanii, hokkoon isaaniitii fi handhuurri isaanii hundinuu sibiila baqfame irraa hojjetame.
ומעשה האופנים כמעשה אופן המרכבה ידותם וגביהם וחשקיהם וחשריהם--הכל מוצק
34 Tokkoo tokkoo goleewwan baattuu sanaa afran irra michichilawwan afurtu ture; michichilawwan isaas baattuudhuma sanaan walitti hojjetaman.
וארבע כתפות--אל ארבע פנות המכנה האחת מן המכנה כתפיה
35 Fiixee baattuu sanaa irra geengoo maramaa dhundhuma walakkaa dheeratu tokkotu ture. Michichilawwanii fi sibiilli babalʼaan sun fiixee baattuu sanaatti qabsiifamanii turan.
ובראש המכונה חצי האמה קומה--עגל סביב ועל ראש המכנה ידתיה ומסגרתיה ממנה
36 Innis michichilawwanii fi sibiila babalʼaa irratti iddoo hundatti fakkii kiirubeelii, kan leencotaatii fi kan mukkeen meexxii soofee fakkii daraaraa foʼamees naannoo isaanii guutuutti marse.
ויפתח על הלחת ידתיה ועל ומסגרתיה (מסגרתיה) כרובים אריות ותמרת--כמער איש וליות סביב
37 Haalli inni ittiin baattuuwwan kurnan sana hojjetes kanaa dha. Isaan hundinuu haaluma tokkoon baqfamanii hojjetaman; wal qixxaataniis bifa tokko qabaatan.
כזאת עשה את עשר המכנות מוצק אחד מדה אחת קצב אחד--לכלהנה
38 Ergasiis caabiiwwan naasii kudhan kanneen tokkoon tokkoon isaanii safartuu baadoos afurtama qabaatee balʼinni isaas dhundhuma afur taʼu hojjete; tokkoo tokkoo baattuuwwan kurnan sanaa irras caabii tokko tokkotu ture.
ויעש עשרה כירות נחשת ארבעים בת יכיל הכיור האחד ארבע באמה הכיור האחד--כיור אחד על המכונה האחת לעשר המכנות
39 Innis baattuuwwan sana keessaa shan karaa kibba mana qulqullummaatiin, shan immoo karaa kaaba mana qulqullummaatiin dhaabe. Gaanii sana immoo karaa kibbaatiin, kibba baʼa golee mana qulqullummaatiin dhaabe.
ויתן את המכנות חמש על כתף הבית מימין וחמש על כתף הבית משמאלו ואת הים נתן מכתף הבית הימנית קדמה--ממול נגב
40 Inni okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Hiiroomis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon mootichaaf hojjechaa ture hunda fixe; hojiin kunis:
ויעש חירום--את הכירות ואת היעים ואת המזרקות ויכל חירם לעשות את כל המלאכה אשר עשה למלך שלמה בית יהוה
41 Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
עמדים שנים וגלת הכתרת אשר על ראש העמודים שתים והשבכות שתים--לכסות את שתי גלות הכתרת אשר על ראש העמודים
42 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
ואת הרמנים ארבע מאות לשתי השבכות--שני טורים רמנים לשבכה האחת לכסות את שתי גלות הכתרת אשר על פני העמודים
43 baattuuwwan kurnan, caabii isaanii kurnan wajjin;
ואת המכנות עשר ואת הכירת עשרה על המכנות
44 gaanii fi korommii loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
ואת הים האחד ואת הבקר שנים עשר תחת הים
45 okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaranii fi caabiiwwan. Miʼi Huuraam mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon mootichaaf hojjete sun hundinuu naasii cululuqaa irraa tolfame.
ואת הסירות ואת היעים ואת המזרקות ואת כל הכלים האהל (האלה) אשר עשה חירם למלך שלמה בית יהוה--נחשת ממרט
46 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
בככר הירדן יצקם המלך במעבה האדמה בין סכות ובין צרתן
47 Solomoon waan isaan akka malee baayʼee taʼaniif miʼoota kanneen hunda hin madaalle; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
וינח שלמה את כל הכלים מרב מאד מאד--לא נחקר משקל הנחשת
48 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise: Isaanis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala warqee kan buddeenni ilaalchaa irra ture;
ויעש שלמה--את כל הכלים אשר בית יהוה את מזבח הזהב ואת השלחן אשר עליו לחם הפנים זהב
49 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman shan karaa mirgaatiin, shan immoo karaa bitaatiin fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa dura dhaabaman sana, daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee irraa hojjetaman;
ואת המנרות חמש מימין וחמש משמאול לפני הדביר--זהב סגור והפרח והנרת והמלקחים זהב
50 caabiiwwan, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman; cufaawwan kutaa manichaa kanneen gara keessaatiif jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaaf, akkasumas cufaawwan galma guddichaa kanneen mana qulqullummaatiif aguuraawwan warqee.
והספות והמזמרות והמזרקות והכפות והמחתות--זהב סגור והפתות לדלתות הבית הפנימי לקדש הקדשים לדלתי הבית להיכל--זהב
51 Solomoon mootichi yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
ותשלם כל המלאכה אשר עשה המלך שלמה בית יהוה ויבא שלמה את קדשי דוד אביו את הכסף ואת הזהב ואת הכלים--נתן באצרות בית יהוה

< 1 Mootota 7 >