< 1 Mootota 6 >

1 Innis erga Israaʼeloonni Gibxi keessaa baʼanii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, erga Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee immoo waggaa afuraffaa keessa jiʼa Ziif jechuunis jiʼa lammaffaa keessa mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe.
以色列人出埃及地后四百八十年,所罗门作以色列王第四年西弗月,就是二月,开工建造耶和华的殿。
2 Manni qulqullummaa kan Solomoon mootichi Waaqayyoof ijaare sun dhundhuma jaatama lafa irra dheerata ture; dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma soddoma ol dheerata ture.
所罗门王为耶和华所建的殿,长六十肘,宽二十肘,高三十肘。
3 Gardaafoon fuula galma mana qulqullummaa sana dura jiru akkuma mana qulqullummaa sanaa dhundhuma digdama lafa irra dheeratee fuula manichaa duraan dhundhuma kudhan achi baʼa ture.
殿前的廊子长二十肘,与殿的宽窄一样,阔十肘;
4 Innis akka manichi ifa argatuuf foddaawwan faayeffaman itti tolche.
又为殿做了严紧的窗棂。
5 Naannoo keenyan mana guddichaatii fi naannoo keenyan iddoo qulqulluu manicha keessaattis bifa itti baasee kutaalee ni tolche.
靠着殿墙,围着外殿内殿,造了三层旁屋;
6 Kutaan manichaa kan jalaa dhundhuma shan, kan gidduu dhundhuma jaʼa, sadaffaan immoo dhundhuma torba balʼata ture. Innis akka wanni tokko iyyuu keenyan mana qulqullummaa keessa hin suuqamneef alaan manichatti naannessee ittisa hojjete.
下层宽五肘,中层宽六肘,上层宽七肘。殿外旁屋的梁木搁在殿墙坎上,免得插入殿墙。
7 Yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti dhagaa boolla itti dhagaa cabsanitti soofame qofatti fayyadaman; yeroo manni qulqullummaa sun ijaaramaa turetti iyyi burruusaa, kan qottootii fi kan miʼa sibiilaa kamii iyyuu achitti hin dhagaʼamne.
建殿是用山中凿成的石头。建殿的时候,锤子、斧子,和别样铁器的响声都没有听见。
8 Balballi kutaa manichaa kan jalaa karaa kibba mana qulqullummaatiin ture; gulantaan tokkos gara kutaa manichaa gidduutii fi gara kutaa manichaa sadaffaatti ol baasa.
在殿右边当中的旁屋有门,门内有旋螺的楼梯,可以上到第二层,从第二层可以上到第三层。
9 Inni akkasiin mana qulqullummaa sana ijaaree saanqaa birbirsaatii fi dareeraadhaan gubbaa isaa duuchee fixe.
所罗门建殿,安置香柏木的栋梁,又用香柏木板遮盖。
10 Innis kutaalee alaa sana naannoo mana qulqullummaatti marsee ijaare. Ol dheerinni tokkoo tokkoo isaaniis dhundhuma shan shan ture. Isaanis muka birbirsaatiin mana qulqullummaatti qabsiifaman.
靠着殿所造的旁屋,每层高五肘,香柏木的栋梁搁在殿墙坎上。
11 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Solomoon dhufe:
耶和华的话临到所罗门说:
12 “Waaʼee mana qulqullummaa ati ijaaraa jirtu kanaa, ati sirna koo duukaa buutee seera kootii fi ajaja koo hundas yoo eegde, ani waadaan abbaa kee Daawitiif gale sana karaa keetiin nan raawwadha.
“论到你所建的这殿,你若遵行我的律例,谨守我的典章,遵从我的一切诫命,我必向你应验我所应许你父亲大卫的话。
13 Anis Israaʼeloota gidduu nan jiraadha; saba koo Israaʼelinis hin gatu.”
我必住在以色列人中间,并不丢弃我民以色列。”
14 Akkasiin Solomoon mana qulqullummaa sana ijaaree fixe.
所罗门建造殿宇。
15 Innis hundee mana qulqullummaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti mamaxxansuudhaan keenyan manichaa karaa keessaatiin saanqaa birbirsaatiin uffise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin uffise.
殿里面用香柏木板贴墙,从地到棚顶都用木板遮蔽,又用松木板铺地。
16 Karaa boroo mana qulqullummaatiinis iddoo qulqulluu kan keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe hojjechuuf hundee manichaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti saanqaa birbirsaatiin kutaa dhundhuma digdama balʼatu tokko qoode.
内殿,就是至圣所,长二十肘,从地到棚顶用香柏木板遮蔽。
17 Galmi guddichi fuula kutaa kanaa duraan jirus dhundhuma afurtama dheerata ture.
内殿前的外殿,长四十肘。
18 Keessi mana qulqullummaa sanaas birbirsa fakkiin buqqeetii fi daraaraa irratti soofameen faayeffamee ture. Wanni hundinuu birbirsaan hojjetame; dhagaan tokko iyyuu hin mulʼatu ture.
殿里一点石头都不显露,一概用香柏木遮蔽;上面刻着野瓜和初开的花。
19 Inni taabota kakuu Waaqayyoo achi keessa kaaʼuuf jedhee mana qulqullummaa keessatti iddoo qulqulluu qopheesse.
殿里预备了内殿,好安放耶和华的约柜。
20 Iddoon qulqulluun manicha keessaa sun dhundhuma digdama lafa irra dheeratee, dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma digdama immoo ol dheerata ture. Innis keessa manichaa warqee qulqulluu itti uffise; iddoo aarsaa kan birbirsaa irraa hojjetame sana illee warqee qulqulluu itti uffise.
内殿长二十肘,宽二十肘,高二十肘,墙面都贴上精金;又用香柏木做坛,包上精金。
21 Solomoonis keessa mana qulqullummaa sanaa warqee qulqulluu itti uffisee fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa kan warqeen itti uffifame sana duraan foncaa warqee diriirse.
所罗门用精金贴了殿内的墙,又用金链子挂在内殿前门扇,用金包裹。
22 Innis akkasiin keessa manichaa hunda warqee itti uffise. Iddoo aarsaa kan iddoo qulqulluu gara keessaa cina jiru sana illee warqee itti uffise.
全殿都贴上金子,直到贴完;内殿前的坛,也都用金包裹。
23 Innis iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sana keessatti kiirubeelii muka ejersaa irraa hojjetaman kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ol dheeratan tolche.
他用橄榄木做两个基路伯,各高十肘,安在内殿。
24 Qoochoon kiirubeelii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dalga dheerata; qoochoon kaanis dhundhuma shan dalga dheerata; walumatti fiixee qoochoo tokkootii hamma fiixee qoochoo kaaniitti dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
这一个基路伯有两个翅膀,各长五肘,从这翅膀尖到那翅膀尖共有十肘;
25 Sababii kiirubeeliin lachuu guddinaan wal qixxee taʼanii bifa tokko qabaataniif kiirubiin lammaffaanis dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
那一个基路伯的两个翅膀也是十肘,两个基路伯的尺寸、形象都是一样。
26 Ol dheerinni tokkoo tokkoo kiirubeeliis dhundhuma kudhan kudhan ture.
这基路伯高十肘,那基路伯也是如此。
27 Solomoon kiirubeelii sana mana qulqullummaa keessa kutaa Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼe; qoochoon isaaniis babalʼifamee ture. Qoochoon kiirubeelii tokkoo keenyan manaa tokko tuqee qoochoon kiirubeelii kaanii immoo keenyan manaa kaan tuqe; qoochoon isaaniis dhufee walakkaa kutaa manichaatti wal tuqa ture.
他将两个基路伯安在内殿里;基路伯的翅膀是张开的,这基路伯的一个翅膀挨着这边的墙,那基路伯的一个翅膀挨着那边的墙,里边的两个翅膀在殿中间彼此相接;
28 Inni kiirubeelii sanas warqee itti uffise.
又用金子包裹二基路伯。
29 Solomoonis keenyan mana qulqullummaa sanaa hunda irratti, keessaa fi duubaan itti naannessee fakkiiwwan kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwanii miidhagse.
内殿、外殿周围的墙上都刻着基路伯、棕树,和初开的花。
30 Lafa kutaalee mana qulqullummaa sanaa lachuuttis keessaa fi alaan warqee uffise.
内殿、外殿的地板都贴上金子。
31 Balbala iddoo qulqulluu kan gara keessaatiifis muka ejersaatiin cufaawwan tolche; cufaawwan sunis balʼina keenyaniitti harka shan keessaa harka tokko ture.
又用橄榄木制造内殿的门扇、门楣、门框;门口有墙的五分之一。
32 Cufaa muka ejersaa sana lamaan irrattis fakkiiwwan kiirubeelii, kan muka meexxiitii fi daraarawwanii miidhagsee fakkiiwwan kiirubeelii fi kan muka meexxii sanatti warqee uffise.
在橄榄木做的两门扇上刻着基路伯、棕树,和初开的花,都贴上金子。
33 Haaluma kanaanis michichila balbalaa kan muka ejersaa irraa hojjetamee roga afur qabu tokko balbala galma guddichaatiif tolche.
又用橄榄木制造外殿的门框,门口有墙的四分之一。
34 Akkasumas balbala muka birbirsaa lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii saanqaa walitti deebiʼee cufamu lama lama qaban tolche.
用松木做门两扇。这扇分两扇,是折叠的;那扇分两扇,也是折叠的。
35 Achi irrattis kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwan miidhagsee warqee tumame wal qixxeessee itti uffise.
上面刻着基路伯、棕树,和初开的花,都用金子贴了。
36 Innis dhagaa soofamaa toora sadii fi dareeraa birbirsaa, toora tokkoon oobdii manicha keessaa ijaare.
他又用凿成的石头三层、香柏木一层建筑内院。
37 Hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoos waggaa afuraffaatti jiʼa Ziif jedhamu keessa buufame.
所罗门 在位第四年西弗月,立了耶和华殿的根基。
38 Manni qulqullummaa sunis waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa Buul jechuunis jiʼa saddeettaffaa keessa akkuma karoorfametti guutumaan guutuutti hojjetamee dhume. Solomoonis mana sana ijaaree fixuuf waggaa torba itti fudhate.
到十一年布勒月,就是八月,殿和一切属殿的都按着样式造成。他建殿的工夫共有七年。

< 1 Mootota 6 >