< 1 Mootota 5 >

1 Hiiraam mootichi Xiiroos yommuu akka Solomoon abbaa isaa Daawitin iddoo buʼuuf dibame dhagaʼetti ergamoota isaa gara Solomoonitti erge; Hiiraam yeroo kam iyyuu michuu Daawit tureetii.
Hiram king of Tyre sent his servants to Solomon for he had heard that they had anointed him king in place of his father; for Hiram had always loved David.
2 Solomoonis akkana jedhee Hiiraamiif ergaa kana deebisee erge:
Solomon sent word to Hiram, saying,
3 “Akka Abbaan koo Daawit sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Waaqayyo diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta.
“You know that David my father could not build a house for the name of Yahweh his God because of the wars that surrounded him, for during his lifetime Yahweh was putting his enemies under the soles of his feet.
4 Amma garuu Waaqayyo Waaqni koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru.
But now, Yahweh my God has given me rest on every side. There is neither adversary nor disaster.
5 Kanaafuu ani amma akkuma Waaqayyo abbaa koo Daawitiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
So I intend to build a temple for the name of Yahweh my God, as Yahweh spoke to David my father, saying, 'Your son, whom I will set on your throne in your place, will build the temple for my name.'
6 “Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.”
Now therefore command that they cut cedars from Lebanon for me. My servants will join your servants, and I will pay you for your servants so that you are paid fairly for everything you agreed to do. For you know there is no one among us who knows how to cut timber like the Sidonians.”
7 Hiiraamis yommuu dhaamsa Solomoon sana dhagaʼetti akka malee gammadee, “Harʼa Waaqayyo haa eebbifamu; inni akka Solomoon saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawitiif kenneeraatii” jedhe.
When Hiram heard the words of Solomon, he rejoiced greatly and said, “May Yahweh be blessed today, who has given to David a wise son over this great people.”
8 Kanaafuu Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti ergaa erge: “Ani ergaa ati naa ergite argadheera; birbirsaa fi jirma birbirsaa dhiʼeessuudhaan waan ati barbaaddu hunda siifan godha.
Hiram sent word to Solomon, saying, “I have heard the message that you have sent to me. I will provide all the wood of cedar and cypress that you desire.
9 Namoonni koo Libaanoon irraa gara galaanaatti gad fidu; anis walitti hidhee lafa ati filattutti galaana irra siifan erga; achittis gargari nan hiika. Atis muka sana ni fudhatta; warra mana koo jiraataniif immoo nyaata dhiʼeessuudhaan fedhii koo guutta.”
My servants will bring the trees down from Lebanon to the sea, and I will make them into rafts to go by sea to the place that you direct me. I will have them broken up there, and you will take them away. You will do what I desire by giving food for my household.”
10 Hiiroomis akkasiin birbirsaa fi jirma birbirsaa kan Solomooniif barbaachisu dhiʼeessaafii ture.
So Hiram gave Solomon all the timber of cedar and fir that he desired.
11 Solomoonis akka warra mana Hiiraam jiraataniif nyaata taʼuuf qamadii safartuu qoroosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa kan cuunfame koorii kuma digdama kenne. Solomoon ittuma fufee wagguma waggaan waan kana Hiiraamiif kennaa ture.
Solomon gave Hiram twenty thousand measures of wheat for food to his household and twenty measures of pure oil. Solomon gave this to Hiram year by year.
12 Waaqayyos akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa ni kenne. Hiiraamii fi Solomoon gidduu walitti dhufeenya nagaatu ture; isaan lamaanuu walii galtee godhatan.
Yahweh gave Solomon wisdom, as he promised him. There was peace between Hiram and Solomon, and the two of them made a covenant.
13 Solomoon mootichis Israaʼel hunda keessaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti qabe.
King Solomon conscripted labor out of all Israel. The forced laborers numbered thirty thousand men.
14 Innis akka isaan jiʼa tokko Libaanoon keessa, jiʼa lamaa immoo mana isaanii turaniif jedhee, jiʼa tokko tokkoof nama kuma kudhan qoodee Libaanoonitti erge. Adooniiraam immoo itti gaafatamaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetanii ture.
He sent them to Lebanon, ten thousand a month in shifts. One month they were in Lebanon and two months at home. Adoniram was over the men who were subjected to forced labor.
15 Solomoon namoota baʼaa baatan kuma torbaatamaa fi warra dhagaa cabsan kuma saddeettama gaarran keessaa qaba ture;
Solomon had seventy thousand who carried burdens and eighty thousand who were stonecutters in the mountains,
16 akkasumas namoota hojii hojjechiisanii hojjettoota illee toʼatan kuma sadii fi dhibba sadii qaba ture.
besides Solomon's 3,300 chief officers who were over the work and who supervised the workers.
17 Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan.
At the king's command they quarried large stones of high quality with which to lay the foundation of the temple.
18 Ogeeyyiin hojii harkaa Solomoonii fi Hiiroom akkasumas namoonni Gebaal mana qulqullummaa ijaaruuf mukaa fi dhagaa cabsanii qopheessan.
So Solomon's builders and Hiram's builders and the Gebalites did the cutting and prepared the timber and the stones to build the temple.

< 1 Mootota 5 >