< 1 Mootota 19 >

1 Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime.
And Ahab told Jezebel all that Elijah had done, and how he had slain all the prophets with the sword.
2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
Then Jezebel sent a messenger to Elijah, saying, So let the gods do to me, and more also, if I make not thy life as the life of one of them by to morrow about this time.
3 Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee
And when he saw that, he arose, and went for his life, and came to Beersheba, which belongeth to Judah, and left his servant there.
4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, “Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii” jedhe.
But he himself went a day’s journey into the wilderness, and came and sat down under a juniper tree: and he requested for himself that he might die; and said, It is enough; now, O LORD, take away my life; for I am not better than my fathers.
5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate. Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen.
And as he lay and slept under a juniper tree, behold, then an angel touched him, and said to him, Arise and eat.
6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
And he looked, and, behold, there was a cake baked on the coals, and a cruse of water at his head. And he ate and drank, and laid himself down again.
7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen.
And the angel of the LORD came again the second time, and touched him, and said, Arise and eat; because the journey is too great for thee.
8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.
And he arose, and ate and drank, and went in the strength of that food forty days and forty nights to Horeb the mount of God.
9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule. Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, “Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?” jedheen.
And he came there to a cave, and lodged there; and, behold, the word of the LORD came to him, and he said to him, What doest thou here, Elijah?
10 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
And he said, I have been very jealous for the LORD God of hosts: for the children of Israel have forsaken thy covenant, thrown down thy altars, and slain thy prophets with the sword; and I, I only, am left; and they seek my life, to take it away.
11 Waaqayyos, “Gadi baʼiitii fuula Waaqayyoo dura tulluu irra dhaabadhu; Waaqayyo achiin darbuuf jiraatii” jedheen. Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Waaqayyoo duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Waaqayyo garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Waaqayyo garuu sochii lafaa sana keessa hin turre.
And he said, Go forth, and stand upon the mount before the LORD. And, behold, the LORD passed by, and a great and strong wind rent the mountains, and broke in pieces the rocks before the LORD; but the LORD was not in the wind: and after the wind an earthquake; but the LORD was not in the earthquake:
12 Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Waaqayyo garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture.
And after the earthquake a fire; but the LORD was not in the fire: and after the fire a still small voice.
13 Eeliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate. Sagaleen tokkos, “Eeliyaas ati maal asii hojjetta?” jedheen.
And it was so, when Elijah heard it, that he wrapped his face in his mantle, and went out, and stood in the entrance of the cave. And, behold, there came a voice to him, and said, What doest thou here, Elijah?
14 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
And he said, I have been very jealous for the LORD God of hosts: because the children of Israel have forsaken thy covenant, thrown down thy altars, and slain thy prophets with the sword; and I, I only, am left; and they seek my life, to take it away.
15 Waaqayyo garuu akkana jedhee deebiseef; “Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi.
And the LORD said to him, Go, return on thy way to the wilderness of Damascus: and when thou comest, anoint Hazael to be king over Syria:
16 Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Elsaaʼi ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni raajii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi.
And Jehu the son of Nimshi shalt thou anoint to be king over Israel: and Elisha the son of Shaphat of Abelmeholah shalt thou anoint to be prophet in thy stead.
17 Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Elsaaʼis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa.
And it shall come to pass, that him that escapeth the sword of Hazael shall Jehu slay: and him that escapeth from the sword of Jehu shall Elisha slay.
18 Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba.”
Yet I have left to me seven thousand in Israel, all the knees which have not bowed to Baal, and every mouth which hath not kissed him.
19 Kanaafuu Eeliyaas achii baʼee Elsaaʼi ilma Shaafaaxi argate. Elsaaʼi yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Eeliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse.
So he departed from there, and found Elisha the son of Shaphat, who was plowing with twelve yoke of oxen before him, and he with the twelfth: and Elijah passed by him, and cast his mantle upon him.
20 Elsaaʼis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Eeliyaas duukaa fiigee, “Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa” jedhe. Eeliyaas immoo, “Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?” jedhee deebiseef.
And he left the oxen, and ran after Elijah, and said, Let me, I pray thee, kiss my father and my mother, and then I will follow thee. And he said to him, Go back again: for what have I done to thee?
21 Kanaafuu Elsaaʼi isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Eeliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.
And he returned back from him, and took a yoke of oxen, and slew them, and boiled their flesh with the instruments of the oxen, and gave to the people, and they ate. Then he arose, and went after Elijah, and ministered to him.

< 1 Mootota 19 >