< 1 Mootota 18 >

1 Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo, “Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa” jedhee gara Eeliyaas dhufe.
Kwa hiyo baada ya siku nyingi neno la BWANA likamjia Eliya, katika mwaka wa tatu wa ukame, likisema, “Nenda ukajionyeshe mwenyewe kwa Ahabu nami nitainyeshea ardhi mvua.”
2 Kanaafuu Eeliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe. Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture.
Eliya akaenda kujionyesha mwenyewe kwa Ahabu; sasa njaa ilikuwa kali sana kule Samaria.
3 Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Waaqayyoon sodaatu ture.
Ahabu akamwita Obadia, aliyekuwa mkuu wa ikulu. Obadia alimheshimu sana BWANA,
4 Yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
kwa kuwa wakati Yezebeli alipokuwa akiwaua manabii wa BWANA, Obadia alichukua manabii mia akawaficha katika makundi ya hamsini hamsini katika pango na akawalisha kwa mikate na maji.
5 Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; “Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii.”
Ahabu akamwambia Obadia, “Pita katika nchi yote na katika chemichemi zote za maji na vijito. Yamkini tunaweza kupata maji na nyasi ili tuwaokoa hawa farasi na nyumbu, ili tusiwakose wanyama wote.”
6 Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.
Kwa hiyo wakaigawa nchi kati yao ili wapite kati yake wakitafuta maji. Ahabu akaenda njia yake mwenyewe na Obadia naye akaenda njia yake.
7 Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Eeliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, “Eeliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?” jedheen.
Wakati Obadia akiwa njiani, akakutana na Eliya pasipo kutegemea. Obadia akamtambua na akalala kifudifudi chini. Akamwambia, “Ndiye wewe, bwana wangu Eliya?”
8 Innis deebisee, “Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Eeliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi” jedheen.
Naye Eliya akamjibu, Ni mimi. Nenda umwambie bwana wako, 'Tazama, Eliya yuko hapa.'”
9 Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; “Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti?
Obadia akamjibu. “Nimekoseaje, kwamba umtoe mtumishi wako katika mkono wa Ahabu ili aniue?
10 Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture.
Kama BWANA Mungu wako aishivyo, hakuna taifa wala ufalme ambapo bwana wangu hajatuma watu kukutafuta. Kila taifa au ufalme unaposema, “Eliya hayuko hapa,' Ahabu hufanya waape ni kweli hawajakuona.
11 Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta.
Na sasa wewe unasema, 'Nenda, ukamwambie bwana wako kwamba Eliya yuko hapa.'
12 Ani gara Hafuurri Waaqayyoo erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Waaqayyoon waaqeffachaan jira.
Mara tu baada ya kukuacha Roho wa BWANA atakuchukua na kukupeleka mahali ambapo sitapajua. Kisha nikienda na kumwambia Ahabu, na asipokuona, ataniua. Bado, mimi, mtumishi wako, nimekuwa nikimwabudu BWANA kutoka ujana wangu.
13 Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani raajota Waaqayyoo dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef.
Je, haujaambiwa, bwana wangu, nilichokifanya wakati Yezebeli alipowaua manabii wa BWANA, jinsi nilivyowaficha wale manabii mia moja wa BWANA katika makundi ya hamsini kwenye pango na kuwalisha kwa mikate na maji?
14 Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!”
Na sasa unasema, 'Nenda umwambie bwana wako kwamba Eliya yuko hapa,' kwa hiyo ataniua.”
15 Eeliyaasis deebisee, “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa” jedhe.
Ndipo Eliya alipomjibu, “Kama vile BWANA wa majeshi aishivyo, ambaye mimi ninasimama, Kwa hakika nitajionyeshakwa Ahabu leo.”
16 Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Eeliyaasin Simachuu dhaqe.
Kwa hiyo Obadia akaenda kukutana na Ahabu, nakumwambia kile Eliya alichokuwa amemwambia. Ndipo mfalme alipoenda kukutana na Eliya.
17 Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen.
Ahabu alipomwona Eliya, akamwambia, “Je, ni wewe? Wewe mtabishaji wa Israeli!”
18 Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Waaqayyoo diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta.
Eliya akamwambia, “Mimi sijaitabisha Israeli, Lakiini wewe na familia ya baba yako ndio watabishaji kwa kuziacha amri za BWANA na kufuata sanamu za Baali.
19 Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
Kwa hiyo sasa, Tuma neno na unikusanyie Israeli yote katika mlima Kameli, pamoja na manabii 450 wa Baali na wale manabii 400 wa Ashera wanaokula kwenye meza ya Yezebeli.”
20 Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti raajota sana walitti qabe.
Kwa hiyo Ahabu akatuma neno kwa watu wote wa Israeli na akawakusanya manabii wote kwenye mlima Kameli.
21 Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Waaqayyo Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.
Eliya akaja karibu na watu wote akasema, “Mtaendelea kubadilisha mawazo yenu mpaka lini? Kama BWANA ni Mungu, mfuateni yeye, Lakini kama Baali ni Mungu, basi mfuateni yeye,” Lakini watu hawakumjibu neno.
22 Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota Waaqayyoo keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
Kisha Eliya akawaambia wale watu, “Mimi, pekee yangu, ndiye niliyebaki kuwa nabii wa BWANA, lakini manabii wa Baali wako 450.
23 Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu.
Hebu tutoleeni ng'ombe wawili. Nao wajichagulie ng'ombe mmoja na wamchinje na kumkatakata katika vipnde, na wamweke kwenye kuni, na wasitie moto chini yake. Nami nitamwandaa yule wa pili na kumweke juu ya kuni nami sitatia moto chini yake.
24 Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa Waaqayyo nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
Kisha mtaliita jina la mungu wenu, nami nitaliita jina la BWANA, na Mungu atakayejibu kwa moto, huyo ndiye Mungu.” Watu wote wakajibu na kusema, “Hilo ni jambo jema.”
25 Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.”
Kwa Eliya akawaambia manabii wa Baali, “Chagueni ng'ombe mmoja kwa ajili yenu na mwe wa kwanza kumwamdaa, kwa kuwa ninyi ni wengi, Kisha liiteni jina la mungu wenu, lakini msiwashe moto.”
26 Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan.
Nao wakamchukua yule ng'ombe waliokuwa wamepewa na wakamwandaa, na ndipo walipoliita jina la Baali kuanzia asubuhi hadi adhuhuri, wakisema, “Baali, tusikie.” Lakini hapakuwepo na Sauti, na wala hakuna aliyejibu. Wakachezacheza kuizunguka madhabahu waliyotengeneza.
27 Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
Ilipofika adhuhuri Eliya akawakejeli akisema, “Mwiteni kwa nguvu! Huyo ni mungu! labda anawaza kitu, au amepumzika, au yuko safarini, au pengine amelala sharti aamshwe.”
28 Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan.
Kwa hiyo wakamwita kwa nguvu, wakajikatakata kama kawaida yao ilivyokuwa, kwa upanga na nyembe, mpaka damu ikawachuruzika.
29 Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
Ikawa wakati wa adhuhuri ulipopita, na bado walikuwa wakiendelea kutabiri mpaka wakati wa jioni wa kutoa dhabihu, lakini hapakuwepo na sauti wala mtu wa kuwajibu; wala hapakuwepo na yeyote wa kujibu wala wa kuangalia.
30 Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Waaqayyoo kan caccabee ture sana deebisee tolche.
Kisha Eliya akawaambia watu wote, “Nisogeleeni,” na watu wote wakamsogelea. Naye akatengeneza ile madhabahu ya BWANA ambayo ilikuwa imeharibika.
31 Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe.
Eliya akachukua mawe kumi na mawili, kila jiwe moja liliwakilisha kabila moja la wana wa Yakobo - ni kupitia Yakobo kwamba neno la BWANA lilikuja, likisema, “Jina lako litakuwa Israel.”
32 Dhagaawwan sanaanis maqaa Waaqayyootiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse.
Kwa kutumia hayo mawe aliijenga ile madhabahu kwa jina la BWANA na akachimba mfereji kuizunguka ile madhabahu kubwa kiasi cha kubeba lita kumi na tano za maji.
33 Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen.
Kisha akaweka kuni kwa ajili ya moto na akamkatakata yule ng'ombe katika vipande vipande na akaweka vile vipande juu ya kuni. Na akasema, “Vijazeni maji hivyo vyombo na yamwageni kwenye hiyo sadaka ya kueketezwa na juu ya hizo kuni.”
34 Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan.
Akasema tena fanyeni hivyo mara ya pili,” nao wakafanya kwa mara ya pili. kisha akasema, “Fanyeni mara ya tatu,” nao wakafanya kwa mara ya tatu.
35 Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
Maji yakaizunguka ile madhabahu na kuujaza ule mfereji.
36 Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu.
Ikawa wakati wa kutoa dhabihu ya jioni, nabii Eliya akasogea na akasema, “BWANA, Mungu wa Abrahamu, na wa Isaka, na wa Israeli, na ijulikane leo kwamba wewe ndiye Mungu wa Israeli, na kwamba mimi ni mtumishi wako, na kwamba nimeyafanya mambo haya yote kwa jina lako.
37 Yaa Waaqayyo deebii naa kenni; yaa Waaqayyo akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.”
Nisikie, BWANA, nisike, ili hawa watu wajue kuwa wewe, BWANA, ndiye Mungu, na kwamba umeirudisha mioyo yao kwako tena.”
38 Kana irratti ibiddi Waaqayyoo gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.
Ndipo moto wa BWANA ukashuka ukairamba ile sadaka, pamoja na zile kuni, mawe na mavumbi, na kuyaramba yale maji yaliyokuwa kwenye ule mfereji.
39 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “Waaqayyo inni Waaqa! Waaqayyo inni Waaqa!” jedhanii iyyan.
watu wote walipoona haya, wakalala kifudifudi chini wakasema, “BWANA, ndiye Mungu! BWANA ndiye Mungu!
40 Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
Kwa hiyo Eliya akawaambia, “Wakamateni manabii wa Baali. Msimwache hata mmoja wao atoroke.” Kwa hiyo wakawakamata, na Eliya akawaleta manabii wa Baali chini kwenye kijito cha Kishoni na akawaua huko.
41 Eeliyaasis Ahaabiin, “Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii” jedhe.
Eliya akamwambia Ahabu, “Inuka, ule na kunywa, kwa kuwa kuna sauti ya mvua kubwa.”
42 Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Eeliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
Kwa hiyo Ahabu akaenda akala na knywa. Kisha Eliya akaenda juu ya mlima Kameli, akasudu chini na akaweka uso wake katikati ya magoti.
43 Innis hojjetaa isaatiin, “Dhaqiitii gara galaanaa ilaali” jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale. Innis, “Wanni tokko iyyuu achi hin jiru” jedhe. Eeliyaasis, “Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali” jedheen.
Akamwambia mtumishi wake, “Nenda sasa, utazame upande wa bahari.” mtumishi wake akaenda na akasema, “Hakuna kitu,” Eliya akamwambia, “Nenda tena, mpaka mara saba.”
44 Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, “Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira” jedhee itti hime. Kanaafuu Eeliyaas, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi” jedheen.
Ile mara ya saba mtumishi wake akasema, “Tazama, kuna wingu linapanda kutoka baharini, ni dogo kama mkono wa mtu.” Eliya akamjibu, Nenda ukamwambie Ahabu, 'Andaa gari lako na ushuke kabla mvua haijakuzuia.'”
45 Yeruma sana samiin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.
Ikatokea baada ya muda mfupi mbingu zikawa nyeusi kwa mawingu na upepo, na kulikuwa na mvua kubwa. Ahabu akapanda gari akaenda zake Yezreeli,
46 Humni Waaqayyoos Eeliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.
lakini mkono wa BWANA ulikuwa juu ya Eliya. Akalikaza vazi lake kwa mshipi wake na akakimbia mbele ya Ahabu kwenye lango la Yezreeli.

< 1 Mootota 18 >