< 1 Mootota 18 >
1 Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo, “Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa” jedhee gara Eeliyaas dhufe.
多くの日を経て、三年目に主の言葉がエリヤに臨んだ、「行って、あなたの身をアハブに示しなさい。わたしは雨を地に降らせる」。
2 Kanaafuu Eeliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe. Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture.
エリヤはその身をアハブに示そうとして行った。その時、サマリヤにききんが激しかった。
3 Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Waaqayyoon sodaatu ture.
アハブは家づかさオバデヤを召した。(オバデヤは深く主を恐れる人で、
4 Yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
イゼベルが主の預言者を断ち滅ぼした時、オバデヤは百人の預言者を救い出して五十人ずつほら穴に隠し、パンと水をもって彼らを養った)。
5 Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; “Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii.”
アハブはオバデヤに言った、「国中のすべての水の源と、すべての川に行ってみるがよい。馬と騾馬を生かしておくための草があるかもしれない。そうすれば、われわれは家畜をいくぶんでも失わずにすむであろう」。
6 Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.
彼らは行き巡る地をふたりで分け、アハブはひとりでこの道を行き、オバデヤはひとりで他の道を行った。
7 Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Eeliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, “Eeliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?” jedheen.
オバデヤが道を進んでいた時、エリヤが彼に会った。彼はエリヤを認めて伏して言った、「わが主エリヤよ、あなたはここにおられるのですか」。
8 Innis deebisee, “Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Eeliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi” jedheen.
エリヤは彼に言った、「そうです。行って、あなたの主人に、エリヤはここにいると告げなさい」。
9 Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; “Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti?
彼は言った、「わたしにどんな罪があって、あなたはしもべをアハブの手にわたして殺そうとされるのですか。
10 Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture.
あなたの神、主は生きておられます。わたしの主人があなたを尋ねるために、人をつかわさない民はなく、国もありません。そしてエリヤはいないと言う時は、その国、その民に、あなたが見つからないという誓いをさせるのです。
11 Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta.
あなたは今『行って、エリヤはここにいると主人に告げよ』と言われます。
12 Ani gara Hafuurri Waaqayyoo erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Waaqayyoon waaqeffachaan jira.
しかしわたしがあなたを離れて行くと、主の霊はあなたを、わたしの知らない所へ連れて行くでしょう。わたしが行ってアハブに告げ、彼があなたを見つけることができなければ、彼はわたしを殺すでしょう。しかし、しもべは幼い時から主を恐れている者です。
13 Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani raajota Waaqayyoo dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef.
イゼベルが主の預言者を殺した時に、わたしがした事、すなわち、わたしが主の預言者のうち百人を五十人ずつほら穴に隠して、パンと水をもって養った事を、わが主は聞かれませんでしたか。
14 Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!”
ところが今あなたは『行って、エリヤはここにいると主人に告げよ』と言われます。そのようなことをすれば彼はわたしを殺すでしょう」。
15 Eeliyaasis deebisee, “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa” jedhe.
エリヤは言った、「わたしの仕える万軍の主は生きておられる。わたしは必ず、きょう、わたしの身を彼に示すであろう」。
16 Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Eeliyaasin Simachuu dhaqe.
オバデヤは行ってアハブに会い、彼に告げたので、アハブはエリヤに会おうとして行った。
17 Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen.
アハブはエリヤを見たとき、彼に言った、「イスラエルを悩ます者よ、あなたはここにいるのですか」。
18 Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Waaqayyoo diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta.
彼は答えた、「わたしがイスラエルを悩ますのではありません。あなたと、あなたの父の家が悩ましたのです。あなたがたが主の命令を捨て、バアルに従ったためです。
19 Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
それで今、人をつかわしてイスラエルのすべての人およびバアルの預言者四百五十人、ならびにアシラの預言者四百人、イゼベルの食卓で食事する者たちをカルメル山に集めて、わたしの所にこさせなさい」。
20 Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti raajota sana walitti qabe.
そこでアハブはイスラエルのすべての人に人をつかわして、預言者たちをカルメル山に集めた。
21 Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Waaqayyo Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.
そのときエリヤはすべての民に近づいて言った、「あなたがたはいつまで二つのものの間に迷っているのですか。主が神ならばそれに従いなさい。しかしバアルが神ならば、それに従いなさい」。民はひと言も彼に答えなかった。
22 Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota Waaqayyoo keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
エリヤは民に言った、「わたしはただひとり残った主の預言者です。しかしバアルの預言者は四百五十人あります。
23 Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu.
われわれに二頭の牛をください。そして一頭の牛を彼らに選ばせ、それを切り裂いて、たきぎの上に載せ、それに火をつけずにおかせなさい。わたしも一頭の牛を整え、それをたきぎの上に載せて火をつけずにおきましょう。
24 Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa Waaqayyo nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
こうしてあなたがたはあなたがたの神の名を呼びなさい。わたしは主の名を呼びましょう。そして火をもって答える神を神としましょう」。民は皆答えて「それがよかろう」と言った。
25 Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.”
そこでエリヤはバアルの預言者たちに言った、「あなたがたは大ぜいだから初めに一頭の牛を選んで、それを整え、あなたがたの神の名を呼びなさい。ただし火をつけてはなりません」。
26 Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan.
彼らは与えられた牛を取って整え、朝から昼までバアルの名を呼んで「バアルよ、答えてください」と言った。しかしなんの声もなく、また答える者もなかったので、彼らは自分たちの造った祭壇のまわりに踊った。
27 Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
昼になってエリヤは彼らをあざけって言った、「彼は神だから、大声をあげて呼びなさい。彼は考えにふけっているのか、よそへ行ったのか、旅に出たのか、または眠っていて起されなければならないのか」。
28 Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan.
そこで彼らは大声に呼ばわり、彼らのならわしに従って、刀とやりで身を傷つけ、血をその身に流すに至った。
29 Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
こうして昼が過ぎても彼らはなお叫び続けて、夕の供え物をささげる時にまで及んだ。しかしなんの声もなく、答える者もなく、また顧みる者もなかった。
30 Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Waaqayyoo kan caccabee ture sana deebisee tolche.
その時エリヤはすべての民にむかって「わたしに近寄りなさい」と言ったので、民は皆彼に近寄った。彼はこわれている主の祭壇を繕った。
31 Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe.
そしてエリヤは昔、主の言葉がヤコブに臨んで、「イスラエルをあなたの名とせよ」と言われたヤコブの子らの部族の数にしたがって十二の石を取り、
32 Dhagaawwan sanaanis maqaa Waaqayyootiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse.
その石で主の名によって祭壇を築き、祭壇の周囲に種二セヤをいれるほどの大きさの、みぞを作った。
33 Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen.
また、たきぎを並べ、牛を切り裂いてたきぎの上に載せて言った、「四つのかめに水を満たし、それを燔祭とたきぎの上に注げ」。
34 Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan.
また言った、「それを二度せよ」。二度それをすると、また言った、「三度それをせよ」。三度それをした。
35 Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
水は祭壇の周囲に流れた。またみぞにも水を満たした。
36 Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu.
夕の供え物をささげる時になって、預言者エリヤは近寄って言った、「アブラハム、イサク、ヤコブの神、主よ、イスラエルでは、あなたが神であること、わたしがあなたのしもべであって、あなたの言葉に従ってこのすべての事を行ったことを、今日知らせてください。
37 Yaa Waaqayyo deebii naa kenni; yaa Waaqayyo akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.”
主よ、わたしに答えてください、わたしに答えてください。主よ、この民にあなたが神であること、またあなたが彼らの心を翻されたのであることを知らせてください」。
38 Kana irratti ibiddi Waaqayyoo gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.
そのとき主の火が下って燔祭と、たきぎと、石と、ちりとを焼きつくし、またみぞの水をなめつくした。
39 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “Waaqayyo inni Waaqa! Waaqayyo inni Waaqa!” jedhanii iyyan.
民は皆見て、ひれ伏して言った、「主が神である。主が神である」。
40 Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
エリヤは彼らに言った、「バアルの預言者を捕えよ。そのひとりも逃がしてはならない」。そこで彼らを捕えたので、エリヤは彼らをキション川に連れくだって、そこで彼らを殺した。
41 Eeliyaasis Ahaabiin, “Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii” jedhe.
エリヤはアハブに言った、「大雨の音がするから、上って行って、食い飲みしなさい」。
42 Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Eeliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
アハブは食い飲みするために上っていった。しかしエリヤはカルメルの頂に登り、地に伏して顔をひざの間に入れていたが、
43 Innis hojjetaa isaatiin, “Dhaqiitii gara galaanaa ilaali” jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale. Innis, “Wanni tokko iyyuu achi hin jiru” jedhe. Eeliyaasis, “Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali” jedheen.
彼はしもべに言った、「上っていって海の方を見なさい」。彼は上っていって、見て、「何もありません」と言ったので、エリヤは「もう一度行きなさい」と言って七度に及んだ。
44 Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, “Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira” jedhee itti hime. Kanaafuu Eeliyaas, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi” jedheen.
七度目にしもべは言った、「海から人の手ほどの小さな雲が起っています」。エリヤは言った、「上っていって、『雨にとどめられないように車を整えて下れ』とアハブに言いなさい」。
45 Yeruma sana samiin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.
すると間もなく、雲と風が起り、空が黒くなって大雨が降ってきた。アハブは車に乗ってエズレルへ行った。
46 Humni Waaqayyoos Eeliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.
また主の手がエリヤに臨んだので、彼は腰をからげ、エズレルの入口までアハブの前に走っていった。