< 1 Mootota 17 >

1 Eeliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqa Israaʼel, Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu.”
Elijah the Tishbite, from Tishbe in Gilead, said to Ahab, “As Yahweh, the God of Israel lives, before whom I stand, there will not be dew or rain these years unless I say so.”
2 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas dhufe;
The word of Yahweh came to Elijah, saying,
3 “Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu.
“Leave from here and go eastward; hide yourself by the brook Kerith, east of the Jordan.
4 Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera.”
It will happen that you will drink from the brook, and I have commanded the ravens to feed you there.”
5 Kanaafuu inni dhaqee waan Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate.
So Elijah went and did as the word of Yahweh commanded. He went to live by the brook Kerith, east of the Jordan.
6 Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.
The ravens brought him bread and meat in the morning and bread and meat in the evening, and he drank from the brook.
7 Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge.
But after a while the brook dried up because there was no rain in the land.
8 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
The word of Yahweh came to him, saying,
9 “Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa.”
“Arise, go to Zarephath, which belongs to Sidon, and live there. Look, I have commanded a widow there to provide for you.”
10 Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, “Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi” jedheen.
So he arose and went to Zarephath, and when he came to the gate of the city a widow was there gathering sticks. So he called to her and said, “Please bring me a little water in a jar so that I may drink.”
11 Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, “Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi” jedheen.
As she was going to get water he called to her, and said, “Please bring me a piece of bread in your hand.”
12 Isheen immoo akkana jettee deebifte; “Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira.”
She replied, “As Yahweh your God lives, I do not have any bread, but only a handful of meal in a jar and a little oil in a jug. See, I am gathering two sticks so I may go in and cook it for me and my son, that we may eat it, and die.”
13 Eeliyaasis akkana jedhee deebiseef; “Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi.
Elijah said to her, “Do not fear. Go and do as you have said, but make me a little bread first and bring it out to me. Then afterward make some for you and for your son.
14 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’”
For Yahweh, the God of Israel, says, 'The jar of meal will not empty, neither will the jug of oil stop flowing, until the day that Yahweh sends rain on the earth.”
15 Isheenis dhaqxee akkuma Eeliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Eeliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan.
So she did as Elijah had told her. She and Elijah, along with her household, ate for many days.
16 Akkuma dubbii Waaqayyoo kan inni karaa Eeliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
The jar of meal did not empty, neither did the jug of oil stop flowing, just as the word of Yahweh had said, as he had spoken by Elijah.
17 Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe.
After these things the woman's son, the woman who owned the house, fell sick. His sickness was so severe that there was no more breath left in him.
18 Isheenis Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqaa, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?” jette.
So his mother said to Elijah, “What do you have against me, man of God? Have you come to me to remind me of my sin and to kill my son?”
19 Eeliyaas immoo, “Mee ilma kee natti kenni” jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse.
Then Elijah replied to her, “Give me your son.” He took the boy from her arms and carried him up into the room where he was staying, and he laid the boy on his own bed.
20 Ergasii inni, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
He cried to Yahweh and said, “Yahweh my God, have you also brought disaster on the widow with whom I am staying, by killing her son?”
21 Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
Then Elijah stretched himself on the child three times; he cried out to Yahweh and said, “Yahweh my God, I beg you, please let this child's life return to him.”
22 Waaqayyos iyya Eeliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate.
Yahweh listened to the voice of Elijah; the life of the child returned to him, and he revived.
23 Eeliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, “Kunoo mucaan kee jira!” jedheen.
Elijah took the child and brought him out of his room down into the house; he handed the boy to his mother and said, “See, your son is alive.”
24 Kana irratti dubartiin sun Eeliyaasiin, “Ani amma akka ati nama Waaqaa taatee fi akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera” jette.
The woman said to Elijah, “Now I know that you are a man of God, and that the word of Yahweh in your mouth is true.”

< 1 Mootota 17 >