< 1 Mootota 16 >

1 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe:
Then the word of the LORD came to Jehu son of Hanani against Baasha, saying:
2 “Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote.
“Even though I lifted you out of the dust and made you ruler over My people Israel, you have walked in the way of Jeroboam and have caused My people Israel to sin and to provoke Me to anger by their sins.
3 Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha.
So now I will consume Baasha and his house, and I will make your house like that of Jeroboam son of Nebat:
4 Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
Anyone belonging to Baasha who dies in the city will be eaten by dogs, and anyone who dies in the field will be eaten by the birds of the air.”
5 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
As for the rest of the acts of Baasha, along with his accomplishments and might, are they not written in the Book of the Chronicles of the Kings of Israel?
6 Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Baasha rested with his fathers and was buried in Tirzah, and his son Elah reigned in his place.
7 Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Waaqayyoo duratti hojjete hundaaf dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
Moreover, the word of the LORD came through the prophet Jehu son of Hanani against Baasha and his house, because of all the evil he had done in the sight of the LORD, provoking Him to anger with the work of his hands and becoming like the house of Jeroboam, and also because Baasha had struck down the house of Jeroboam.
8 Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
In the twenty-sixth year of Asa’s reign over Judah, Elah son of Baasha became king of Israel, and he reigned in Tirzah two years.
9 Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture.
However, while Elah was in Tirzah getting drunk in the house of Arza the steward of his household there, Elah’s servant Zimri, the commander of half his chariots, conspired against him.
10 Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
So in the twenty-seventh year of Asa’s reign over Judah, Zimri went in, struck Elah down, and killed him. And Zimri reigned in his place.
11 Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef.
As soon as Zimri began to reign and was seated on the throne, he struck down the entire household of Baasha. He did not leave a single male, whether a kinsman or friend.
12 Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Waaqayyoo kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse;
So Zimri destroyed the entire household of Baasha, according to the word that the LORD had spoken against Baasha through Jehu the prophet.
13 kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
This happened because of all the sins Baasha and his son Elah had committed and had caused Israel to commit, provoking the LORD, the God of Israel, to anger with their worthless idols.
14 Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
As for the rest of the acts of Elah, along with all his accomplishments, are they not written in the Book of the Chronicles of the Kings of Israel?
15 Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan.
In the twenty-seventh year of Asa’s reign over Judah, Zimri reigned in Tirzah for seven days. Now the troops were encamped against Gibbethon of the Philistines,
16 Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan.
and the people in the camp heard that Zimri had not only conspired but had also struck down the king. So there in the camp that very day, all Israel proclaimed Omri, the commander of the army, king over Israel.
17 Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan.
Then Omri and all the Israelites marched up from Gibbethon and besieged Tirzah.
18 Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe.
When Zimri saw that the city was captured, he entered the citadel of the royal palace and burned it down upon himself. So he died
19 Wanni kunis sababii inni fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
because of the sins he had committed, doing evil in the sight of the LORD and following the example of Jeroboam and the sin he had committed and had caused Israel to commit.
20 Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
As for the rest of the acts of Zimri and the treason he committed, are they not written in the Book of the Chronicles of the Kings of Israel?
21 Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe.
At that time the people of Israel were divided: Half of the people supported Tibni son of Ginath as king, and half supported Omri.
22 Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
But the followers of Omri proved stronger than those of Tibni son of Ginath. So Tibni died and Omri became king.
23 Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche.
In the thirty-first year of Asa’s reign over Judah, Omri became king of Israel, and he reigned twelve years, six of them in Tirzah.
24 Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
He bought the hill of Samaria from Shemer for two talents of silver and built a city there, calling it Samaria after the name of Shemer, who had owned the hill.
25 Omriin garuu fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame.
But Omri did evil in the sight of the LORD and acted more wickedly than all who were before him.
26 Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
For he walked in all the ways of Jeroboam son of Nebat and in his sins, which he caused Israel to commit, provoking the LORD, the God of Israel, to anger with their worthless idols.
27 Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
As for the rest of the acts of Omri, along with his accomplishments and the might he exercised, are they not written in the Book of the Chronicles of the Kings of Israel?
28 Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti awwaalame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Omri rested with his fathers and was buried in Samaria, and his son Ahab reigned in his place.
29 Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche.
In the thirty-eighth year of Asa’s reign over Judah, Ahab son of Omri became king of Israel, and he reigned in Samaria twenty-two years.
30 Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete.
However, Ahab son of Omri did evil in the sight of the LORD, more than all who were before him.
31 Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe.
And as if it were not enough for him to walk in the sins of Jeroboam son of Nebat, he even married Jezebel the daughter of Ethbaal king of the Sidonians, and he then proceeded to serve and worship Baal.
32 Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe.
First, Ahab set up an altar for Baal in the temple of Baal that he had built in Samaria.
33 Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
Then he set up an Asherah pole. Thus Ahab did more to provoke the LORD, the God of Israel, to anger than all the kings of Israel before him.
34 Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Waaqayyoo kan karaa Iyyaasuu ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.
In Ahab’s days, Hiel the Bethelite rebuilt Jericho. At the cost of Abiram his firstborn he laid its foundation, and at the cost of Segub his youngest he set up its gates, according to the word that the LORD had spoken through Joshua son of Nun.

< 1 Mootota 16 >