< 1 Mootota 15 >
1 Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
A shekara ta goma sha takwas ta mulkin Yerobowam ɗan Nebat, Abiyam ya zama sarkin Yahuda,
2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
ya kuma yi mulki a Urushalima shekara uku. Sunan mahaifiyarsa Ma’aka ne,’yar Abisalom.
3 Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
Shi ma ya aikata dukan irin zunubai da tsohonsa ya yi. Zuciyarsa ba tă bi Ubangiji Allahnsa, kamar yadda zuciyar Dawuda kakansa ta yi ba.
4 Taʼu illee Waaqayyo Waaqni isaa Daawitiif jedhee akka inni isa dhaaluuf ilma isaaf kaasuu fi Yerusaalem jajjabeessuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa kenneef.
Duk da haka, saboda Dawuda Ubangiji Allahnsa ya ba shi fitila a Urushalima ta wurin ta da wani da ya gāje shi, ta wurinsa kuma Urushalima ta yi ƙarfi.
5 Daawit yakka Uuriyaa namicha Heet sana irratti hojjete malee fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan bara jireenya isaa guutuu ajajawwan Waaqayyoo eege.
Gama Dawuda ya yi abin da yake daidai a gaban Ubangiji, bai kuma fasa kiyaye wani daga umarnan Ubangiji ba dukan kwanakinsa, sai dai a batun Uriya mutumin Hitti.
6 Bara jireenya Abiyaa hunda keessa Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
Aka yi yaƙi tsakanin Rehobowam da Yerobowam a duk kwanakin Abiya.
7 Wanni bara bulchiinsa Abiyaan keessa taʼe kan biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamee jira mitii? Abiiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
Game da sauran ayyukan mulkin Abiyam kuwa, duk a rubuce suke a cikin littafin tarihin sarakunan Yahuda. Aka yi yaƙi tsakanin Abiyam da Yerobowam.
8 Abiyaanis Abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sai Abiyam ya huta tare da kakanninsa, aka kuma binne shi a Birnin Dawuda. Asa kuwa ya gāje shi a matsayin sarki.
9 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdammaffaatti Aasaan mootii Yihuudaa taʼe;
A shekara ta ashirin ta Yerobowam sarkin Isra’ila, Asa ya zama sarkin Yahuda,
10 innis waggaa afurtamii tokko Yerusaalemin bulche. Maqaan akkoo isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
ya yi mulki a Urushalima shekara arba’in da ɗaya. Sunan mahaifiya mahaifiyarsa, Ma’aka ne’yar Abisalom.
11 Aasaan akkuma Daawit Abbaan isaa hojjete sana waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
Asa ya yi abin da yake daidai a gaban Ubangiji, kamar yadda kakansa Dawuda ya yi.
12 Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse.
Ya kori dukan maza karuwai na masujadai daga ƙasar, ya kuma yi waje da dukan gumakan da mahaifinsa ya yi.
13 Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
Ya tuɓe mahaifiya mahaifiyarsa Ma’aka daga matsayinta na mahaifiyar sarauniya, gama ta gina ƙazantaccen ginshiƙin Ashera. Asa ya yanke ginshiƙin, ya kuma ƙone shi a Kwarin Kidron.
14 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa Waaqayyoof kennamee ture.
Ko da yake bai cire masujadai da suke kan tuddai ba, zuciyar Asa ta kasance da aminci ɗungum ga Ubangiji dukan kwanakinsa.
15 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
Ya kawo azurfa da zinariya da kayayyakin da shi da mahaifinsa suka keɓe a haikalin Ubangiji.
16 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
Aka yi yaƙi tsakanin Asa da Ba’asha sarkin Isra’ila dukan kwanakin mulkinsu.
17 Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
Ba’asha sarkin Isra’ila ya haura, ya yi yaƙi da Yahuda, ya kuma gina Rama don yă hana wani daga fita ko shiga yankin Asa, sarkin Yahuda.
18 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge.
Sai Asa ya ɗauki dukan azurfa da kuma zinariyar da suka rage a ma’ajin haikalin Ubangiji da kuma nasa fadan, ya ba da su ga wani shugabansa, ya kuma aika da su zuwa ga Ben-Hadad ɗan Tabrimmon, ɗan Heziyon, sarkin Aram, wanda yake mulki a Damaskus.
19 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
Ya ce, “Bari yarjejjeniya ta kasance tsakanina da kai, kamar yadda ta kasance tsakanin mahaifina da mahaifinka. Duba, ina aika maka kyautai na azurfa da na zinariya. Yanzu fa sai ka janye yarjejjeniyarka da Ba’asha sarkin Isra’ila, don yă janye daga gare ni.”
20 Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate.
Ben-Hadad ya yarda da maganar Sarki Asa, ya kuma aika shugabannin sojojin mayaƙansa ya yi yaƙi da garuruwan Isra’ila. Ya kame Iyon, Dan, Abel-Bet-Ma’aka da dukan Kinneret, haɗe da Naftali.
21 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale.
Da Ba’asha ya ji haka, sai ya daina ginin Rama, ya janye zuwa Tirza.
22 Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Beniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.
Sai Sarki Asa ya ba da umarni ga dukan Yahuda, kuma babu wanda aka ware, kowa yă taimaka a kwashe duwatsu da katakan da Ba’asha yake amfani da su daga Rama. Da duwatsu da katakan ne Sarki Asa ya gina Geba a Benyamin da kuma Mizfa.
23 Wantoonni bara mootummaa Aasaa keessa hojjetaman kanneen biraa hundi, jabinni isaa hundi, wanni inni hojjete hundii fi magaalaawwan inni ijaare kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Bara dulluma isaa keessa garuu miilli isaa ni dhukkubsate.
Game da sauran ayyukan mulkin Asa, dukan nasarorinsa, dukan abin da ya yi, da kuma biranen da ya gina, duk a rubuce suke a cikin littafin tarihin sarakunan Yahuda. A tsufansa, sai ƙafafunsa suka kamu da cuta.
24 Ergasii Aasaan abbootii ofii wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa biratti awwaalame. Yehooshaafaax ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sai Asa ya huta tare da kakanninsa, aka kuma binne shi tare da su a birnin kakansa Dawuda. Sai Yehoshafat ɗansa ya gāje shi a matsayin sarki.
25 Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche.
Nadab ɗan Yerobowam ya zama sarkin Isra’ila a shekara ta biyu ta Asa sarkin Yahuda, ya kuma yi mulki a bisa Isra’ila shekara biyu.
26 Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Ya yi mugunta a gaban Ubangiji, yana tafiya a hanyoyin mahaifinsa da kuma cikin zunubinsa, wanda ya sa Isra’ila suka yi.
27 Utuma Naadaabii fi sabni Israaʼel hundi magaalaa Filisxeemotaa kan Gibetoon jedhamtu marsaa jiranuu Baʼishaan ilmi Ahiiyaa namichi biyya Yisaakor sun Naadaabitti fincilee Gibetoon keessatti dhaʼee isa ajjeese.
Ba’asha ɗan Ahiya na gidan Issakar ya yi maƙarƙashiya gāba da shi, ya buge shi a Gibbeton, a wani garin Filistiyawa, yayinda Nadab da dukan Isra’ila suke wa garin kwanto.
28 Baʼishaanis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa sadaffaatti Naadaabin ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Ba’asha ya kashe Nadab a shekara ta uku ta Asa sarkin Yahuda, ya kuma gāje shi a matsayin sarki.
29 Inni akkuma mootii taʼeen maatii Yerobiʼaam hunda fixe. Akkuma dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa namicha Shiilootiin dubbatee ture sanaatti hunda isaanii fixe malee nama hafuura baafatu tokko illee Yerobiʼaamiif hin hambifne.
Nan da nan da ya fara mulki, sai ya kashe dukan iyalin Yerobowam. Bai bar wa Yerobowam wani da rai ba, amma ya hallaka su duka, bisa ga maganar Ubangiji da ya ba wa bawansa Ahiya, mutumin Shilo.
30 Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.
Wannan abu ya faru saboda zunuban da Yerobowam ya yi, ya kuma sa Isra’ila ya yi, kuma saboda ya tsokane Ubangiji, Allah na Isra’ila, ya yi fushi.
31 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Naadaab keessa hojjetamanii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Game da sauran ayyukan mulkin Nadab da kuma dukan abin da ya yi, duk a rubuce suke a cikin littafin tarihin sarakunan Isra’ila.
32 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
Aka yi yaƙi tsakanin Asa da Ba’asha sarkin Isra’ila dukan kwanakin mulkinsu.
33 Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche.
A shekara ta uku ta Asa sarkin Yahuda, Ba’asha ɗan Ahiya ya zama sarkin dukan Isra’ila a Tirza, ya kuma yi sarauta shekara ashirin da huɗu.
34 Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Ya aikata mugunta a gaban Ubangiji, yana tafiya a hanyoyin Yerobowam da kuma cikin zunubinsa, wanda ya sa Isra’ila suka yi.