< 1 Mootota 15 >

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
And in the eighteenth year of king Jeroboam the son of Nebat began Abijam to reign over Judah.
2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
He reigned three years in Jerusalem; and his mother's name was Maachah, a daughter of Abishalom.
3 Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
And he walked in all the sins of his father, which he had done before him; and his heart was not perfect with Jehovah his God, as the heart of David his father.
4 Taʼu illee Waaqayyo Waaqni isaa Daawitiif jedhee akka inni isa dhaaluuf ilma isaaf kaasuu fi Yerusaalem jajjabeessuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa kenneef.
But for David's sake Jehovah his God gave him a lamp in Jerusalem, setting up his son after him, and establishing Jerusalem;
5 Daawit yakka Uuriyaa namicha Heet sana irratti hojjete malee fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan bara jireenya isaa guutuu ajajawwan Waaqayyoo eege.
because David did that which was right in the sight of Jehovah, and turned not aside from anything that he commanded him all the days of his life, except in the matter of Urijah the Hittite.
6 Bara jireenya Abiyaa hunda keessa Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
And there had been war between Rehoboam and Jeroboam all the days of his life.
7 Wanni bara bulchiinsa Abiyaan keessa taʼe kan biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamee jira mitii? Abiiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
And the rest of the acts of Abijam, and all that he did, are they not written in the book of the chronicles of the kings of Judah? And there was war between Abijam and Jeroboam.
8 Abiyaanis Abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Abijam slept with his fathers; and they buried him in the city of David. And Asa his son reigned in his stead.
9 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdammaffaatti Aasaan mootii Yihuudaa taʼe;
And in the twentieth year of Jeroboam king of Israel, Asa began to reign over Judah;
10 innis waggaa afurtamii tokko Yerusaalemin bulche. Maqaan akkoo isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
and he reigned forty-one years in Jerusalem; and his mother's name was Maachah, daughter of Abishalom.
11 Aasaan akkuma Daawit Abbaan isaa hojjete sana waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
And Asa did what was right in the sight of Jehovah, as David his father.
12 Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse.
And he put away the sodomites out of the land, and removed all the idols that his father had made.
13 Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
And also Maachah his mother he removed from being queen, because she had made an idol for the Asherah; and Asa cut down her idol, and burned it in the valley of Kidron.
14 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa Waaqayyoof kennamee ture.
But the high places were not removed; only, Asa's heart was perfect with Jehovah all his days.
15 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
And he brought into the house of Jehovah the things which his father had dedicated, and the things which he himself had dedicated, silver and gold and vessels.
16 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
And there was war between Asa and Baasha king of Israel all their days.
17 Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
And Baasha king of Israel came up against Judah, and built Ramah, in order to let none go out or come in to Asa king of Judah.
18 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge.
And Asa took all the silver and the gold that were left in the treasures of the house of Jehovah, and in the treasures of the king's house, and gave them into the hand of his servants; and king Asa sent them to Ben-Hadad, the son of Tabrimmon, the son of Hezion, king of Syria, who dwelt at Damascus, saying,
19 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
There is a league between me and thee, [as] between my father and thy father; behold, I send thee a present of silver and gold: go, break thy league with Baasha king of Israel, that he may depart from me.
20 Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate.
And Ben-Hadad hearkened to king Asa, and sent the captains of his forces against the cities of Israel, and smote Ijon, and Dan, and Abel-Beth-Maachah, and all Kinneroth, with all the land of Naphtali.
21 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale.
And it came to pass when Baasha heard of it, that he left off building Ramah, and dwelt in Tirzah.
22 Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Beniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.
And king Asa called together all Judah: none was exempted; and they carried away the stones and the timber from Ramah, with which Baasha had been building; and king Asa built with them Geba of Benjamin, and Mizpah.
23 Wantoonni bara mootummaa Aasaa keessa hojjetaman kanneen biraa hundi, jabinni isaa hundi, wanni inni hojjete hundii fi magaalaawwan inni ijaare kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Bara dulluma isaa keessa garuu miilli isaa ni dhukkubsate.
And the rest of all the acts of Asa, and all his might, and all that he did, and the cities that he built, are they not written in the book of the chronicles of the kings of Judah? Only, in the time of his old age he was diseased in his feet.
24 Ergasii Aasaan abbootii ofii wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa biratti awwaalame. Yehooshaafaax ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Asa slept with his fathers, and was buried with his fathers in the city of David his father. And Jehoshaphat his son reigned in his stead.
25 Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche.
And Nadab the son of Jeroboam began to reign over Israel in the second year of Asa king of Judah; and he reigned over Israel two years.
26 Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
And he did evil in the sight of Jehovah, and walked in the way of his father, and in his sin with which he made Israel sin.
27 Utuma Naadaabii fi sabni Israaʼel hundi magaalaa Filisxeemotaa kan Gibetoon jedhamtu marsaa jiranuu Baʼishaan ilmi Ahiiyaa namichi biyya Yisaakor sun Naadaabitti fincilee Gibetoon keessatti dhaʼee isa ajjeese.
And Baasha the son of Ahijah, of the house of Issachar, conspired against him; and Baasha smote him at Gibbethon, which [belonged] to the Philistines, when Nadab and all Israel were besieging Gibbethon.
28 Baʼishaanis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa sadaffaatti Naadaabin ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Baasha slew him in the third year of Asa king of Judah, and reigned in his stead.
29 Inni akkuma mootii taʼeen maatii Yerobiʼaam hunda fixe. Akkuma dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa namicha Shiilootiin dubbatee ture sanaatti hunda isaanii fixe malee nama hafuura baafatu tokko illee Yerobiʼaamiif hin hambifne.
And it came to pass when he was king, he smote all the house of Jeroboam; he left to Jeroboam none that breathed; until he had destroyed him, according to the word of Jehovah which he spoke by his servant Ahijah the Shilonite,
30 Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.
because of the sins of Jeroboam which he sinned, and wherewith he made Israel to sin; by his provocation with which he provoked Jehovah the God of Israel to anger.
31 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Naadaab keessa hojjetamanii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
And the rest of the acts of Nadab, and all that he did, are they not written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
32 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
And there was war between Asa and Baasha king of Israel all their days.
33 Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche.
In the third year of Asa king of Judah began Baasha the son of Ahijah to reign over all Israel in Tirzah, for twenty-four years.
34 Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
And he did evil in the sight of Jehovah, and walked in the way of Jeroboam, and in his sin where with he made Israel to sin.

< 1 Mootota 15 >