< 1 Mootota 14 >

1 Yeroo sana Abiyaan ilmi Yerobiʼaam dhukkubsannaan
At that time Abijah the son of Jeroboam fell sick.
2 Yerobiʼaam niitii ofii isaatiin akkana jedhe; “Ati niitii Yerobiʼaam taʼuun kee akka hin beekneef eenyummaa kee dhoksiitii kaʼii Shiiloo dhaqi. Ahiiyaan raajichi akka ani saba kana irratti mootii taʼu natti hime sun achi jiraatii.
Jeroboam said to his wife, "Please get up and disguise yourself, that you won't be recognized as the wife of Jeroboam. Go to Shiloh. Look, there is Ahijah the prophet, who spoke concerning me that I should be king over this people.
3 Buddeena kudhan, maxinoo muraasaa fi damma okkotee tokko harkatti qabadhuu gara isaa dhaqi. Inni waan gurbaan kun taʼu sitti hima.”
Take with you ten loaves, and cakes, and a jar of honey, and go to him. He will tell you what will become of the child."
4 Kanaafuu niitiin Yerobiʼaam waan inni jedheen sana gootee gara mana Ahiiyaa Shiiloo dhaqxe. Yeroo sana Ahiiyaan homaa hin argu ture; inni waan dulloomeef agartuun isaa dadhabee tureetii.
Jeroboam's wife did so, and arose, and went to Shiloh, and came to the house of Ahijah. Now Ahijah could not see; for his eyes were set by reason of his age.
5 Waaqayyo garuu Ahiiyaadhaan akkana jedhe; “Niitiin Yerobiʼaam sababii ilmi ishee dhibameef waaʼee isaa si gaafachuuf dhufuutti jirti; ati akkanaa fi akkana jedhii deebisiif. Isheen yommuu dhuftu nama biraa of fakkeessitee dhufti.”
Jehovah said to Ahijah, "Look, the wife of Jeroboam comes to inquire of you concerning her son; for he is sick. Thus and thus you shall tell her; for it will be, when she comes in, that she will pretend to be another woman."
6 Ahiiyaan sagalee faana ishee dhageenyaan balbala irratti akkana jedheen; “Yaa niitii Yerobiʼaam ol seeni. Dubartii biraa of fakkeessuu yaaluun kee kun maaliif? Ani ergaa hamaa sitti himuuf ergameera.
It was so, when Ahijah heard the sound of her feet, as she came in at the door, that he said, "Come in, you wife of Jeroboam. Why do you pretend to be another? For I am sent to you with heavy news.
7 Dhaqiitii Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha jedhiitii Yerobiʼaamitti himi: ‘Ani saba keessaa si kaafadheen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe.
Go, tell Jeroboam, 'Thus says Jehovah, the God of Israel: "Because I exalted you from among the people, and made you prince over my people Israel,
8 Ani mana Daawit irraa mootummaa tarsaaseen siif kenne; ati garuu akka garbicha koo Daawit kan ajajawwan koo eegee garaa isaa guutuun na duukaa buʼee waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe qofa hojjete sanaa hin taane.
and tore the kingdom away from the house of David, and gave it you; and yet you have not been as my servant David, who kept my commandments, and who followed me with all his heart, to do that only which was right in my eyes,
9 Ati warra siin dura jiraatan hunda caalaa waan hamaa hojjetteerta. Ati ofii keetiif waaqota biraa fakkiiwwan baqfamanii hojjetaman tolfattee dheekkamsaaf na kakaafte; dugda kee duubattis na gatte.
but have done evil above all who were before you, and have gone and made you other gods, and molten images, to provoke me to anger, and have cast me behind your back:
10 “‘Sababii kanaaf ani amma mana Yerobiʼaam irratti badiisa nan fida. Ani mana Yerobiʼaamii dhiira hunda, garbicha yookaan birmaduu Israaʼel keessaa nan balleessa. Ani akkuma namni tokko kosii gubee barbadeessutti mana Yerobiʼaam gubeen barbadeessa.
therefore, look, I will bring disaster on the house of Jeroboam, and will cut off from Jeroboam everyone who urinates on a wall, he who is shut up and he who is left at large in Israel, and will utterly sweep away the house of Jeroboam, as a man sweeps away dung, until it is all gone.
11 Nama maatii Yerobiʼaam taʼe kam iyyuu kan magaalaa keessatti duʼe sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼe kam iyyuu immoo allaattii samiitu nyaata. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii!’
He who dies of Jeroboam in the city shall the dogs eat; and he who dies in the field shall the birds of the sky eat: for Jehovah has spoken it."'
12 “Ati garuu mana keetti gali. Yeroo miilli kee magaalaa seenutti mucaan sun ni duʼa.
Arise therefore, and go to your house. When your feet enter into the city, the child shall die.
13 Warri Israaʼel hundinuu booʼaniifii isa ni awwaalu. Waan Waaqayyo Waaqni Israaʼel mana Yerobiʼaam keessaa isa qofa irratti waan gaarii argeef, mana Yerobiʼaam keessaa namni awwaala argatu isa qofa taʼa.
All Israel shall mourn for him, and bury him; for he only of Jeroboam shall come to the grave, because in him there is found some good thing toward Jehovah, the God of Israel, in the house of Jeroboam.
14 “Waaqayyo Israaʼel irratti mootii tokko ofii isaatiif ni kaafata; mootiin sunis maatii Yerobiʼaam kutee balleessa. Guyyaan isaas harʼa! Kunis ammuma taʼa.
Moreover Jehovah will raise him up a king over Israel, who shall cut off the house of Jeroboam. This is day. What? Even now.
15 Waaqayyo Israaʼelin dhaʼee akkuma shambaqqoo bishaan keessaatti ni raasa. Sababii isaan utubaawwan Aasheeraa dhadhaabanii Waaqayyoon dheekkamsiisaniif inni biyya abbootii isaaniitiif kenne gaarii sana keessaa Israaʼelin buqqisee Laga Efraaxiisiin gamatti isaan ni bittinneessa.
For Jehovah will strike Israel, as a reed is shaken in the water; and he will root up Israel out of this good land which he gave to their fathers, and will scatter them beyond the River, because they have made their Asherim, provoking Jehovah to anger.
16 Innis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee akka Israaʼelis hojjetu godhe sanaatiif saba Israaʼel ni gata.”
He will give Israel up because of the sins of Jeroboam, which he has sinned, and with which he has made Israel to sin."
17 Niitiin Yerobiʼaam kaatee Tiirzaa dhaqxe. Akkuma isheen gulantaa balbalaa geesseen mucaan sun ni duʼe.
Jeroboam's wife arose, and departed, and came to Tirzah. As she came to the threshold of the house, the child died.
18 Jarris isa awwaalan; Israaʼel hundinuus akkuma Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa raajichaatiin dubbate sana ni booʼaniif.
All Israel buried him, and mourned for him, according to the word of Jehovah, which he spoke by his servant Ahijah the prophet.
19 Wanni Yerobiʼaam hojjete kan biraa, akki inni itti lolaa turee fi akki inni itti biyya bulchaa ture kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
The rest of the acts of Jeroboam, how he warred, and how he reigned, look, they are written in the book of the chronicles of the kings of Israel.
20 Innis waggaa digdamii lama bulchee ergasii abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Naadaab mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
The days which Jeroboam reigned were two and twenty years: and he slept with his fathers, and Nadab his son reigned in his place.
21 Rehooboʼaam ilmi Solomoon biyya Yihuudaa keessatti mootii ture. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture; innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
Rehoboam the son of Solomon reigned in Judah. Rehoboam was forty-one years old when he began to reign, and he reigned seventeen years in Jerusalem, the city which Jehovah had chosen out of all the tribes of Israel, to put his name there: and his mother's name was Naamah the Ammonitess.
22 Yihuudaan fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete. Isaanis cubbuu hojjetaniin hamma abbootiin isaanii hojjetan sana caalaa dheekkamsa isaa kakaasan.
Judah did that which was evil in the sight of Jehovah, and they provoked him to jealousy with their sins which they committed, above all that their fathers had done.
23 Akkasumas iddoo ol kaʼaa hunda irrattii fi mukkeen babalʼaa hunda jalatti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, soodduuwwan dhagaatii fi siidaawwan Aasheeraa ofii isaaniitiif tolfatan.
For they also built them high places, and pillars, and Asherim, on every high hill, and under every green tree;
24 Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.
and there were also male shrine prostitutes in the land: they did according to all the abominations of the nations which Jehovah drove out before the children of Israel.
25 Waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
It happened in the fifth year of king Rehoboam, that Shishak king of Egypt came up against Jerusalem;
26 Innis qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan hunda guurratee gale.
and he took away the treasures of the house of Jehovah, and the treasures of the king's house; he even took away all: and he took away all the shields of gold which Solomon had made.
27 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
King Rehoboam made in their place shields of bronze, and committed them to the hands of the captains of the guard, who kept the door of the king's house.
28 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baatanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
It was so, that as often as the king went into the house of Jehovah, the guard bore them, and brought them back into the guard room.
29 Wantoonni Rehooboʼaam bara mootummaa keessa taʼanii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Now the rest of the acts of Rehoboam, and all that he did, aren't they written in the book of the chronicles of the kings of Judah?
30 Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
There was war between Rehoboam and Jeroboam continually.
31 Rehooboʼaamis abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Rehoboam slept with his fathers, and was buried with his fathers in the City of David: and his mother's name was Naamah the Ammonitess. Abijam his son reigned in his place.

< 1 Mootota 14 >