< 1 Mootota 13 >

1 Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja Waaqayyootiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe.
[先知警告雅洛貝罕]正值雅洛貝罕站在祭壇那裏要獻祭焚香時,有一天主的人,奉上主的命,從猶大來到貝特耳,
2 Innis ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; “Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Waaqayyo akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawit keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’”
以上主的名義對祭壇呼喊說﹕「祭壇,祭壇! 上主這樣說﹕看,達味家要生一個兒子,名叫約史雅,他要在你上面祭殺那些在你上面焚香獻祭的高丘司祭,人們的骨骸也要在你上面焚燒。」
3 Namni Waaqaa sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; “Mallattoon Waaqayyo dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga.”
同時,他又提出一個預兆說﹕「這是上主所說的預兆﹕看,這祭壇要破裂,上面的灰要傾撒下來。」
4 Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye.
雅洛貝罕王一聽見天主的人,對貝特耳祭壇呼喊的話,便從祭壇上伸出手來說﹕「抓住他! 」他向天主的人伸出來的手,即刻枯乾了,不能收回;
5 Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii Waaqayyootiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
同時祭壇也破裂了,灰也從祭壇上傾撒了下來,正如天主的人奉上主的命令所提出的預兆。
6 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Waaqayyo Waaqa kee jabeessii naa kadhadhu.” Kanaafuu namni Waaqaa sun Waaqayyoon jabeessee kadhateef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.
君王於是對天主的人說﹕「請你為我祈禱,向上主你的天主求情,使我收回手來。」天主的人便向上主求情,君王的手即刻收回來了,恢復了原狀。
7 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
君王對天主的人說﹕「請你同我到家裏去,吃些點心,我要賜給你一個禮物。」
8 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu.
天主的人對君王說﹕「你就是將半個宮殿賜給我,我也不同你去,也不在這個地方吃飯喝水,
9 Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
因為有上主的話吩咐我說﹕你不可吃飯,也不可喝水,也不可從你去的路上回來。」
10 Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.
於是,他另取道而行,沒有從他來貝特耳的路上回去。天主的人受欺騙
11 Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan.
有一個老先知住在貝特耳,他的兒子們前來,將天主的人當天在貝特耳所作的一切事,都告訴了他,把天主的人對君王所說的話,有都講給他們的父親聽。
12 Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan.
父親便問他們說﹕「他走了那條路﹖」他的兒子們就把從猶大來的天主的人所走的路指給他。
13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee
老先知遂吩咐他的兒子們說﹕「快給我備好驢! 」他們即為他備好了驢,他就騎上,
14 gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Eeyyee ana” jedhee deebise.
去追趕天主的人,發現他正坐在橡樹下,就問他說﹕「你是從猶大來的天主的人嗎﹖」他答說﹕「是。」
15 Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
老先知對他說﹕「請你同我到家裏去吃點飯罷! 」
16 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu.
天主的人答說﹕「我不能同你回去,也不能與你同行,更不能在者地方同你一起吃飯喝水,
17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
因為有上主的話對我說﹕你在那裡也不可吃飯,也不可喝水,也不可從你去的路上回來。」
18 Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii Waaqayyootiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’” Jaarsi sun garuu isa sobe.
老先知對他說﹕「我也如同你一樣,是個先知,有一位天使曾奉上主的命對我說﹕你去領他跟你回到你家吃飯喝水罷! 」老先知原是欺騙他。
19 Kanaafuu namni Waaqaa sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.
天主的人就跟老先知回去,在他家裏吃了飯,也喝了水。
20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Waaqayyoo jaarsa raajii isa deebisee fide sanatti dhufe.
正當他們二人坐席時,有上主的話傳於那領天主的人回來的先知,
21 Innis nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha, ‘Ati dubbii Waaqayyoo xureessiteerta; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kennes hin eegne.
他就對那從猶大來的天主的人喊叫說﹕「上主這樣說﹕因為你違背了上主的話,沒有遵守上主你的天主吩咐你的命令,
22 Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee awwaala abbootii keetii keessatti hin awwaalamu.’”
竟然回來了,在上主吩咐你不可吃飯喝水的地方,吃了飯,喝了水,為此你的屍體不得葬入你祖先的墳墓中。」
23 Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef.
他吃喝完了以後,老先知就給他所帶回來的先知備了驢,
24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan.
他就騎上去了;途中遇見了一隻獅子將他咬死,他的屍體橫臥在路上,驢站在屍體旁邊,那隻獅子也站在屍體旁邊。
25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
有路過的人,看見屍體橫臥在路上,獅子站在屍體的旁邊,就到老先知所住的城中述說了這事。
26 Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii Waaqayyootiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Waaqayyoo isatti dubbatee ture sanatti Waaqayyo leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne.”
那個從路上帶回天主的人的老先知聽了這事,就說﹕「這是天主的人,因為他違背了上主的命令,所以上主將他交於獅子,獅子撕裂了他,將他咬死,正如上主關於他所說的話。」
27 Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan.
老先知既吩咐自己的兒子們說﹕「給我備好驢! 」他們將驢備好。
28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre.
老先知去了,發現天主的人屍體橫臥在路上,驢和獅子站在屍體旁邊;獅子沒有吞掉屍體,也沒有撕裂驢。
29 Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale.
老先知就抱起天主的人的屍體,放在驢上,馱回城中,為他舉挨治喪,
30 Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
將他的屍體安葬在自己的墳墓裏;人哀悼他說﹕「哀哉,吾兄! 」
31 Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa.
安葬它以後,老先知吩咐兒子們說﹕「我死了以後,你們要把我葬在安葬天主的人的墳墓裏,把我的遺骸安放在他的遺骸旁,
32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Waaqayyootiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii.”
因為他奉上主的命對貝特耳的祭壇,和對撒瑪黎雅各城高丘上的一切神殿所喊出的話,必要應驗。」雅洛貝罕怙惡不悛
33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase.
這事以後,雅洛貝罕始終沒有離開他作惡的道路,仍繼續從平民中選派高丘的司祭;凡是願意的,他就祝聖他們當高丘的司祭。
34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.
雅洛貝罕家因此陷於罪惡,招致喪亡,由地上消滅。

< 1 Mootota 13 >