< 1 Yohannis 5 >
1 Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata.
Whoever believes that Jesus is the Christ has been begotten by God; also, whoever loves the Begetter should love the one begotten by Him as well.
2 Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna.
In this we know that we love the children of God, whenever we love God and keep His commandments.
3 Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.
For this is the love of God, that we keep His commandments; His commandments are not burdensome,
4 Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
in that whatever has been begotten by God overcomes the world; this is the victory that has overcome the world: our faith.
5 Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
Who is he who overcomes the world if not he who believes that Jesus is the Son of God?
6 Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Yesuus Kiristoos. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii.
This is He who came by water and blood, Jesus Christ—not by the water only, but by the water and the blood. And it is the Spirit who bears witness, because the Spirit is the Truth;
7 Dhuga baatota sadiitu jira:
actually there are three who bear witness
8 Isaanis Hafuura, bishaanii fi dhiiga; sadanuus walii galu.
—the Spirit, the water and the blood—and the three are to one effect.
9 Dhuga baʼumsa namaa ni fudhanna; dhuga baʼumsi Waaqaa garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga baʼumsi kun isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana.
If we receive the testimony of men, the testimony of God is greater; for this is God's testimony which He has testified concerning His Son.
10 Namni Ilma Waaqaatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Waaqa sobduu godheera.
He who believes into the Son of God has the witness within himself; he who does not believe God has made Him out to be a liar, because he has not believed in the testimony that God has testified concerning His Son.
11 Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. (aiōnios )
And this is the testimony: that God has given us eternal life, and this life is in His Son. (aiōnios )
12 Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.
He who has the Son has the life; he who does not have the Son of God does not have the life.
13 Isin warri maqaa Ilma Waaqaatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa. (aiōnios )
I have written these things to you who believe into the name of the Son of God so that you may know that you have eternal life, really believing into the name of God's Son. (aiōnios )
14 Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.
Now this is the confidence that we have toward Him: if we should ask anything according to His will, He hears us.
15 Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
And if we know that He hears us, whatever we may ask, we know that we have the requests that we have asked of Him.
16 Namni kam iyyuu utuu obboleessi isaa cubbuu gara duʼaatti hin geessine hojjetuu yoo arge Waaqa kadhachufii qaba; Waaqnis warra cubbuun isaanii gara duʼaatti isaan hin geessineef jireenya ni kenna. Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira; anis waan akkasiitiif inni haa kadhatu jechuu koo miti.
If anyone should see his brother sinning a sin not leading to death, let him ask, and He will give him life for those who do not sin unto death. There is sin leading to death; I am not saying that he should make request about that.
17 Jalʼinni hundinuu cubbuu dha; cubbuun gara duʼaatti nama hin geessines jira.
All unrighteousness is sin, and there is sin not leading to death.
18 Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Waaqa irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
We know that whoever has been begotten by God does not sin; rather the one who was begotten by God preserves himself, and the evil one does not touch him.
19 Nu ijoollee Waaqaa akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.
We know that we are of God, and the whole world lies in the power of the evil one.
20 Akkasumas akka Ilmi Waaqaa dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Yesuus Kiristoositti jirra. Inni Waaqa dhugaa ti; jireenya bara baraatis. (aiōnios )
We know that the Son of God has come and has given us understanding, so that we may know Him who is true; and we are in Him who is true, in His Son Jesus Christ. He is the genuine God, and the Life eternal. (aiōnios )
21 Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.
Dear children, guard yourselves from idols. Amen.