< 1 Yohannis 4 >
1 Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
Beloved, believe not every spirit, but prove the spirits, whether they are of God: because many false prophets are gone out into the world.
2 Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;
Hereby know ye the Spirit of God: every spirit which confesseth that Jesus Christ is come in the flesh is of God:
3 hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
and every spirit which confesseth not Jesus is not of God: and this is the [spirit] of the antichrist, whereof ye have heard that it cometh; and now it is in the world already.
4 Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
Ye are of God, [my] little children, and have overcome them: because greater is he that is in you than he that is in the world.
5 Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata.
They are of the world: therefore speak they [as] of the world, and the world heareth them.
6 Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
We are of God: he that knoweth God heareth us; he who is not of God heareth us not. By this we know the spirit of truth, and the spirit of error.
7 Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka.
Beloved, let us love one another: for love is of God; and every one that loveth is begotten of God, and knoweth God.
8 Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
He that loveth not knoweth not God; for God is love.
9 Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera.
Herein was the love of God manifested in us, that God hath sent his only begotten Son into the world, that we might live through him.
10 Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
Herein is love, not that we loved God, but that he loved us, and sent his Son [to be] the propitiation for our sins.
11 Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.
Beloved, if God so loved us, we also ought to love one another.
12 Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
No man hath beheld God at any time: if we love one another, God abideth in us, and his love is perfected in us:
13 Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.
hereby know we that we abide in him, and he in us, because he hath given us of his Spirit.
14 Akka inni Fayyisaa addunyaa taʼuuf jedhee Abbaan Ilma isaa akka erge argineerra; dhugaa baanas.
And we have beheld and bear witness that the Father hath sent the Son [to be] the Saviour of the world.
15 Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.
Whosoever shall confess that Jesus is the Son of God, God abideth in him, and he in God.
16 Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
And we know and have believed the love which God hath in us. God is love; and he that abideth in love abideth in God, and God abideth in him.
17 Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Yesuusin fakkaannaatii.
Herein is love made perfect with us, that we may have boldness in the day of judgment; because as he is, even so are we in this world.
18 Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.
There is no fear in love: but perfect love casteth out fear, because fear hath punishment; and he that feareth is not made perfect in love.
19 Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
We love, because he first loved us.
20 Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.
If a man say, I love God, and hateth his brother, he is a liar: for he that loveth not his brother whom he hath seen, cannot love God whom he hath not seen.
21 Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
And this commandment have we from him, that he who loveth God love his brother also.