< 1 Yohannis 3 >

1 Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
Oneni ni pendo la namna gani ametupatia Baba, kwamba tunaitwa watoto wa Mungu, na hivi ndivyo tulivyo. Kwa sababu hii ulimwengu haututambui kwa kuwa haukumtambua yeye.
2 Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
Wapendwa sisi sasa ni watoto wa Mungu, na haijadhihirika bado jinsi tutakavyokuwa. Twajua kwamba Kristo atakapoonekana, tutafanana naye, kwani tutamuona kama alivyo.
3 Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Na kila mmoja ambaye ana ujasiri huu kuhusu wakati ujao ulioelekezwa kwake, hujitakasa mwenyewe kama yeye alivyo mtakatifu.
4 Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.
Kila mtu anayeendelea kutenda dhambi huvunja sheria. Kwa sababu dhambi ni uvunjaji sheria.
5 Isin garuu akka inni cubbuu keenya balleessuudhaaf mulʼate ni beektu. Isa keessa cubbuun hin jiru.
Mnajua Kristo alidhihilishwa ili kuziondoa dhambi kabisa. Na ndani yake hamna dhambi.
6 Namni isaan jiraatu kam iyyuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu isa hin argine yookaan isa hin beekne.
Hakuna hata mmoja adumue ndani yake na kuendelea kutenda dhambi. Hakuna mtu hata mmoja adumuye katika dhambi ikiwa amemuona au kumfahamu yeye.
7 Yaa ijoolle, namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsin. Akkuma inni qajeelaa taʼe sana namni waan qajeelaa hojjetus qajeelaa dha.
Watoto wapendwa, msikubali kupotoshwa na mtu yeyote. Atendaye haki ni mwenye haki, kama vile Kristo naye alivyo mwenye haki.
8 Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii.
Atendaye dhambi ni wa ibilisi, kwa sababu ibilisi ni mtenda dhambi tangu mwanzo. Kwa sababu hii Mwana wa Mungu alidhihilishwa ili aweze kuziharibu kazi za ibilisi.
9 Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.
Yeyote aliyezaliwa na Mungu hatendi dhambi, kwa sababu mbegu ya Mungu hukaa ndani yake. Hawezi kuendelea kutenda dhambi kwa sababu amezaliwa na Mungu.
10 Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti.
Katika hili watoto wa Mungu na watoto wa ibilisi wanafahamika. Yeyote asiyetenda kilicho cha haki, siyo wa Mungu, wala yule ambaye hawezi kumpenda ndugu yake.
11 Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.
Kwani huu ndio ujumbe mliousikia kutoka mwanzo, kwamba tunapaswa kupendana sisi kwa sisi,
12 Isin akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.
siyo kama Kaini ambaye alikuwa wa mwovu na alimuua ndugu yake. Na kwa nini alimuua? Kwa sababu matendo yake yalikuwa maovu, na yale ya ndugu yake yalikuwa ya haki.
13 Yaa obboloota ko, yoo addunyaan isin jibbe isin hin dinqin.
Ndugu zangu, msishangae, endapo ulimwengu utawachukia.
14 Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.
Twajua tumekwisha toka mautini na kuingia uzimani, kwa sababu tunawapenda ndugu. Yeyote ambaye hana upendo hudumu katika mauti.
15 Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu. (aiōnios g166)
Mtu yeyote anaye mchukia ndugu yake ni muuaji. Na mnajua kuwa uzima wa milele haukai ndani ya muuaji. (aiōnios g166)
16 Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
Katika hili tunalijua pendo, kwa sababu kristo aliutoa uhai wake kwa ajili yetu. Nasi yatupasa kuyatoa maisha yetu kwa ajili ya ndugu.
17 Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
Lakini yeyote aliye na vitu, na anamuona ndugu yake mwenye uhitaji, lakini huuzuia moyo wake wa huruma kwa ajili yake; je, upendo wa Mungu unakaaje ndani yake?
18 Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
Watoto wangu wapenzi, tusipende kwa midomo wala kwa maneno matupu bali katika vitendo na kweli.
19 Nus kan dhugaa taʼuu keenya kanaan beekna; fuula isaa durattis garaa keenya boqochiifna.
Katika hili tunajua kwamba sisi tuko katika kweli, na mioyo yetu inathibitika katika yeye.
20 Yeroo garaan keenya nutti murutti Waaqni garaa keenya caalaa guddaa akka taʼe ni beeknaatii; inni waan hunda ni beeka.
Ikiwa kama mioyo yetu yatuhukumu, Mungu ni mkuu kuliko mioyo yetu, na yeye hujua mambo yote.
21 Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Waaqaa duratti ija jabina qabna.
Wapenzi, kama mioyo yetu haituhukumu, tunao ujasiri kwa Mungu.
22 Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
Na chochote tuombacho tutakipokea kutoka kwake, kwa sababu tunazishika amri zake na tunafanya mambo yanayopendeza mbele zake.
23 Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf.
Na hii ndiyo amri yake- ya kwamba yatupasa kuamini katika jina la Mwanaye Yesu Kristo na kupendana sisi kwa sisi-kama alivyotupatia amri yake.
24 Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.
Anayezitii amri zake hudumu ndani yake, na Mungu hukaa ndani yake. Na kwa sababu hii twajua kuwa hukaa ndani yetu, Kwa yule Roho aliyetupa.

< 1 Yohannis 3 >