< 1 Qorontos 8 >
1 Waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara.
Now as concerning things offered unto idols, we know that we all have knowledge. Knowledge puffs up, but love (agape) edifies.
2 Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku.
And if any man think that he knows any thing, he knows nothing yet as he ought to know.
3 Namni Waaqa jaallatu garuu Waaqaan beekameera.
But if any man love God, the same is known of him.
4 Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna.
As concerning therefore the eating of those things that are offered in sacrifice unto idols, we know that an idol is nothing in the world, and that there is no other God but one.
5 Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu,
For though there be that are called gods, whether in heaven or in earth, (as there be gods many, and lords many, )
6 garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.
But to us there is but one God, the Father, of whom are all things, and we in him; and one Lord Jesus Christ, by whom are all things, and we by him.
7 Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan Waaqa tolfamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa.
Nevertheless there is not in every man that knowledge: for some with conscience of the idol unto this hour eat it as a thing offered unto an idol; and their conscience being weak is defiled.
8 Nyaanni garuu Waaqatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru.
But food commends us not to God: for neither, if we eat, are we the better; neither, if we eat not, are we the worse.
9 Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa.
But take heed lest by any means this liberty of your's become a stumbling block to them that are weak.
10 Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa Waaqa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu?
For if any man see you which have knowledge sit to eat in the idol's temple, shall not the conscience of him which is weak be emboldened to eat those things which are offered to idols;
11 Akkasiin obboleessi dadhabaan Kiristoos isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada.
And through your knowledge shall the weak brother perish, for whom Christ died?
12 Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Kiristoositti cubbuu hojjettu.
But when all of you sin so against the brethren, and wound their weak conscience, all of you sin against Christ.
13 Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu. (aiōn )
Wherefore, if food make my brother to offend, I will eat no flesh while the world stands, lest I make my brother to offend. (aiōn )