< 1 Qorontos 7 >
1 Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha.
Now, as to the things in your letter to me: It is good for a man to have nothing to do with a woman.
2 Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
But because of the desires of the flesh, let every man have his wife, and every woman her husband.
3 Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu.
Let the husband give to the wife what is right; and let the wife do the same to the husband.
4 Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha.
The wife has not power over her body, but the husband; and in the same way the husband has not power over his body, but the wife.
5 Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
Do not keep back from one another what is right, but only for a short time, and by agreement, so that you may give yourselves to prayer, and come together again; so that Satan may not get the better of you through your loss of self-control.
6 Kanas ani eeyyamaan malee ajajaaf hin dubbadhu.
But this I say as my opinion, and not as an order of the Lord.
7 Ani utuu namni hundumtuu akkuma koo taʼee nan hawwa ture. Garuu namni hundi kennaa ofii isaa kan Waaqni isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa tokko, kaan immoo kennaa biraa qaba.
It is my desire that all men might be even as I am. But every man has the power of his special way of life given him by God, one in this way and one in that.
8 Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya.
But I say to the unmarried and to the widows, It is good for them to be even as I am.
9 Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.
But if they have not self-control let them get married; for married life is better than the burning of desire.
10 Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin.
But to the married I give orders, though not I but the Lord, that the wife may not go away from her husband
11 Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.
(Or if she goes away from him, let her keep unmarried, or be united to her husband again); and that the husband may not go away from his wife.
12 Warra hafaniinis ani akkanan jedha: Kana immoo anatu jedha malee Gooftaa miti; obboleessi kam iyyuu yoo niitii amantii hin qabne qabaate, yoo isheenis isa wajjin jiraachuuf fedhii qabaatte, inni ishee hin hiikin.
But to the rest I say, and not the Lord; If a brother has a wife who is not a Christian, and it is her desire to go on living with him, let him not go away from her.
13 Dubartiin tokkos yoo dhirsa amantii hin qabne qabaatte, yoo innis ishee wajjin jiraachuuf fedhii qabaate, isheen isa hin hiikin.
And if a woman has a husband who is not a Christian, and it is his desire to go on living with her, let her not go away from her husband.
14 Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota.
For the husband who has not faith is made holy through his Christian wife, and the wife who is not a Christian is made holy through the brother: if not, your children would be unholy, but now are they holy.
15 Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii.
But if the one who is not a Christian has a desire to go away, let it be so: the brother or the sister in such a position is not forced to do one thing or the other: but it is God's pleasure that we may be at peace with one another.
16 Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta?
For how may you be certain, O wife, that you will not be the cause of salvation to your husband? or you, O husband, that you may not do the same for your wife?
17 Tokkoon tokkoon namaa garuu akkuma jireenya Gooftaan kenneefiitti, akkuma Waaqni isa waamettis haa jiraatu. Waldoota Kiristaanaa hunda keessattis ajajni koo kanuma.
Only, as the Lord has given to a man, and as is the purpose of God for him, so let him go on living. And these are my orders for all the churches.
18 Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna qabatee ture? Inni nama dhagna hin qabatin taʼuu hin qabu. Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna hin qabannee? Inni dhagna hin qabatin.
If any man who is a Christian has had circumcision, let him keep so; and if any man who is a Christian has not had circumcision, let him make no change.
19 Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
Circumcision is nothing, and its opposite is nothing, but only doing the orders of God is of value.
20 Tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo Waaqni isa waametti keessa ture keessa haa jiraatu.
Let every man keep the position in which he has been placed by God.
21 Ati yeroo waamamtetti garba turtee? Yoo akkas taʼe inni si hin yaaddessin; yoo bilisa baʼuu dandeesse garuu itti fayyadami.
If you were a servant when you became a Christian, let it not be a grief to you; but if you have a chance to become free, make use of it.
22 Namni yeroo Gooftaadhaan waamametti garba ture inni gooftaadhaaf bilisa; akkasuma immoo namni yeroo waamametti bilisa ture inni garbicha Kiristoos.
For he who was a servant when he became a Christian is the Lord's free man; and he who was free when he became a Christian is the Lord's servant.
23 Isin gatiidhaan bitamtan; garboota namootaa hin taʼinaa.
It is the Lord who has made payment for you: be not servants of men.
24 Yaa obboloota, tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo itti waamametti keessa tureen fuula Waaqaa dura haa jiraatu.
My brothers, let every man keep in that condition which is the purpose of God for him.
25 Ani waaʼee dubarran qulqulluu ajaja Gooftaan natti kenne hin qabu; garuu akka nama amanamaa taʼuuf araara Gooftaa argate tokkootti yaada koo nan kenna.
Now about virgins I have no orders from the Lord: but I give my opinion as one to whom the Lord has given mercy to be true to him.
26 Sababii rakkina ammaatiif jettanii akkuma jirtanitti turuun isiniif gaarii natti fakkaata.
In my opinion then, because of the present trouble, it is good for a man to keep as he is.
27 Ati niitiitti hidhamteertaa? Ishee hiikuu hin barbaadin. Ati niitii irraa hiikamteertaa? Niitii hin barbaadin.
If you are married to a wife, make no attempt to get free from her: if you are free from a wife, do not take a wife.
28 Ati garuu yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Taʼus addunyaa kana irratti warra fuudhanii fi warra heeruman rakkinatu argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin baasuun barbaada.
If you get married it is not a sin; and if an unmarried woman gets married it is not a sin. But those who do so will have trouble in the flesh. But I will not be hard on you.
29 Yaa obboloota, wanti ani jedhu kana; yeroon murteeffame sun gabaabateera; siʼachi warri niitii qaban akka waan hin qabaatiniitti haa jiraatan;
But I say this, my brothers, the time is short; and from now it will be wise for those who have wives to be as if they had them not;
30 warri booʼan akka waan hin booʼiniitti, warri gammadan akka waan hin gammadiniitti, warri waa bitatan akka waan wanni bitatan sun kan isaanii hin taʼiniitti,
And for those who are in sorrow, to give no signs of it; and for those who are glad, to give no signs of joy; and for those who are getting property, to be as if they had nothing;
31 warri waan addunyaa kanaatti fayyadamanis akka waan itti hin fayyadaminiitti haa hedan. Bifti addunyaa kanaa ni badaatii.
And for those who make use of the world, not to be using it fully; for this world's way of life will quickly come to an end.
32 Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma.
But it is my desire for you to be free from cares. The unmarried man gives his mind to the things of the Lord, how he may give pleasure to the Lord:
33 Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma;
But the married man gives his attention to the things of this world, how he may give pleasure to his wife.
34 fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti.
And the wife is not the same as the virgin. The virgin gives her mind to the things of the Lord, so that she may be holy in body and in spirit: but the married woman takes thought for the things of the world, how she may give pleasure to her husband.
35 Kana jechuun koos isin fayyaduuf malee kiyyootti isin galchuuf miti; qooda kanaa akka isin yaada gargar hin hiraminiin karaa qajeelaa irra Gooftaaf jiraattan nan hawwa.
Now I say this for your profit; not to make things hard for you, but because of what is right, and so that you may be able to give all your attention to the things of the Lord.
36 Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu.
But if, in any man's opinion, he is not doing what is right for his virgin, if she is past her best years, and there is need for it, let him do what seems right to him; it is no sin; let them be married.
37 Garuu namni waan kana yaada ofii isaatiin murteesse, kan dirqama tokko illee jala hin jirree fedhii ofii isaa moʼachuu dandaʼu, kan akka durba sana hin fuune murteeffate, innis waan qajeelaa hojjete.
But the man who is strong in mind and purpose, who is not forced but has control over his desires, does well if he comes to the decision to keep her a virgin.
38 Kanaafuu namni durba fuudhu waan qajeelaa hojjete; kan ishee fuudhuu dhiise immoo caalaa waan qajeelaa hojjete.
So then, he who gets married to his virgin does well, and he who keeps her unmarried does better.
39 Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba.
It is right for a wife to be with her husband as long as he is living; but when her husband is dead, she is free to be married to another; but only to a Christian.
40 Akka yaada kootti garuu isheen yoo utuu hin heerumin hafte caalaa gammaddi; anis Hafuura Waaqaa of keessaa nan qaba jedheen yaada.
But it will be better for her to keep as she is, in my opinion: and it seems to me that I have the Spirit of God.