< 1 Qorontos 6 >
1 Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata?
Kukhona yini umuntu wakini, othi elecala lomunye, abe lesibindi sokuyakwahlulelwa phambi kwabangalunganga, kungabi phambi kwabangcwele?
2 Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii?
Kalazi yini ukuthi abangcwele bazakwahlulela umhlaba? Uba-ke umhlaba uzakwahlulelwa yini, kalifanele yini ukwahlulela amacala amancinyane?
3 Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree?
Kalazi yini ukuthi sizazahlulela ingilosi? Kangakanani indaba zalokhukuphila?
4 Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree?
Ngakho uba lilamacala alokhukuphila, babekeni phezu kwawo labo abadelelekayo ebandleni.
5 Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?
Ngikhuluma kini ukuthi libe lenhloni. Ngokunjalo kakho ohlakaniphileyo phakathi kwenu yini, ngitsho loyedwa, ongahlulela phakathi kwabazalwane bakhe?
6 Obboleessi tokko obboleessa kaan himachuuf jedhee mana murtii dhaqa; kunis fuula warra hin amannee duratti!
Kodwa umzalwane umangalela umzalwane, lalokho phambi kwabangakholwayo.
7 Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu?
Ngakho kusekhona isibili ukwehluleka phakathi kwenu, ukuthi lilokumangalelana. Kungani kulalokhu lingavumi ukoniwa? Kungani kulalokhu lingavumi ukuqilibezelwa?
8 Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu.
Kodwa lina liyona liqilibezele, lalokhu kubazalwane.
9 Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan,
Kumbe alazi yini ukuthi abangalunganga kabayikulidla ilifa lombuso kaNkulunkulu? Lingakhohliswa; kakulaziphingi, loba abakhonza izithombe, loba izifebe, loba ababuthakathaka ekulalaneni kwabesilisa, loba abesilisa abalalanayo,
10 yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
loba amasela, loba izihwaba, loba izidakwa, loba izithuki, loba abaphangi, abazakulidla ilifa lombuso kaNkulunkulu.
11 Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
Abanye benu babeyilezizinto; kodwa ligezisiwe, kodwa langcweliswa, kodwa lalungisiswa ebizweni leNkosi uJesu, langoMoya kaNkulunkulu wethu.
12 “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
Zonke izinto zivumelekile kimi, kodwa kayisizo zonke izinto ezisizayo; zonke izinto zivumelekile kimi, kodwa mina kangiyikubuswa lutho.
13 “Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf.
Ukudla ngokwesisu, lesisu ngesokudla; kanti uNkulunkulu uzakuchitha kokubili, sona lakho. Kodwa umzimba kayisiwo wokuphinga, kodwa ungoweNkosi, njalo iNkosi ingeyomzimba;
14 Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa.
njalo uNkulunkulu owavusa iNkosi uzasivusa lathi ngamandla akhe.
15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu!
Kalazi yini ukuthi imizimba yenu iyizitho zikaKristu? Pho ngizathatha izitho zikaKristu ngizenze izitho zesifebe yini? Phinde!
16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu” jedhameeraatii.
Kumbe kalazi yini ukuthi onamathelana lesifebe ungumzimba munye laso? Ngoba labo ababili, uthi, bazakuba nyamanye.
17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
Kodwa onamathelene leNkosi ungumoya munye layo.
18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
Balekelani ukuphinga. Sonke isono umuntu asenzayo singaphandle komzimba; kodwa ophingayo wona owakhe umzimba.
19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
Kumbe kalazi yini ukuthi umzimba wenu ulithempeli likaMoya oNgcwele okini, elilawo uvela kuNkulunkulu, njalo kalisibo abenu?
20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Ngoba lathengwa ngentengo; ngakho dumisani uNkulunkulu emzimbeni wenu, langomoya wenu, okungokukaNkulunkulu.