< 1 Qorontos 5 >

1 Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii.
It is said, in fact, that there is among you a sin of the flesh, such as is not seen even among the Gentiles, that one of you has his father's wife.
2 Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu?
And in place of feeling sorrow, you are pleased with yourselves, so that he who has done this thing has not been sent away from among you.
3 Ani fooniin isin biratti argamuu baadhu illee hafuuraan isin wajjinan jira. Ani akka waan isin wajjin jiruutti namicha waan akkasii hojjetetti ammuma mureera.
For I myself, being present in spirit though not in body, have come to a decision about him who has done this thing;
4 Yommuu isin maqaa Gooftaa keenya Yesuusiin walitti qabamtanitti anis yeroo hafuuraan isin wajjin taʼuuttii fi humna Gooftaa keenya Yesuus arganutti,
In the name of our Lord Jesus, when you have come together with my spirit, with the power of our Lord Jesus,
5 akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa.
That this man is to be handed over to Satan for the destruction of the flesh, so that his spirit may have forgiveness in the day of the Lord Jesus.
6 Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii?
This pride of yours is not good. Do you not see that a little leaven makes a change in all the mass?
7 Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii.
Take away, then, the old leaven, so that you may be a new mass, even as you are without leaven. For Christ has been put to death as our Passover.
8 Kanaafuu kottaa raacitii moofaa yookaan raacitii jalʼinaatii fi hamminaatiin utuu hin taʼin Buddeena Hin bukaaʼin kan qulqullinaa fi dhugaa of keessaa qabuun ayyaanicha ayyaaneffannaa.
Let us then keep the feast, not with old leaven, and not with the leaven of evil thoughts and acts, but with the unleavened bread of true thoughts and right feelings.
9 Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture;
In my letter I said to you that you were not to keep company with those who go after the desires of the flesh;
10 kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture.
But I had not in mind the sinners who are outside the church, or those who have a desire for and take the property of others, or those who give worship to images; for it is not possible to keep away from such people without going out of the world completely:
11 Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa!
But the sense of my letter was that if a brother had the name of being one who went after the desires of the flesh, or had the desire for other people's property, or was in the way of using violent language, or being the worse for drink, or took by force what was not his, you might not keep company with such a one, or take food with him.
12 Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii?
For it is no business of mine to be judging those who are outside; but it is yours to be judging those who are among you;
13 Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”
As for those who are outside, God is their judge. So put away the evil man from among you.

< 1 Qorontos 5 >