< 1 Qorontos 3 >
1 Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
Mi ime, vakwanugu, kana ni va kuwola kuwamba kwenu uva vantu vo luhuho, kono uvu vantu ve nyama uvu muchiche mwa Kreste.
2 Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye.
Niva milele cha muzilili isiñi che nyama, kana muva litukiseze inyama. Mi, ni heva hanu, ka mulitukiseze.
3 Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii?
Mi musina mwi nyama, mi kwina ifufa niku sazumi nzana ku sina mukati kenu, kamu hali che nyama, mi ka muyendi cha mazimo avuntu.
4 Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
Mi zumwi hawamba, ni chilila Paulusi, zumwi uti ni chilila Apolosi, kamuhali uvu vantu na?
5 Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan.
Njeni Apolosi linu, mi Paulusi njeni? Vahikana avo vamu va kuzumina, avo vava hewa musevezi kwa Simwine.
6 Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise.
Niva vwali, Apolosi ave tilele, kono Ireeza ava ku kuzi.
7 Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
Mi linu, yo vwala ni yowi tilele kakwina. Kono nji Ireeza yokuza.
8 Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu.
Hanu, uvwala ni yowitilela umwina. Mi zumwi ni zumwi kalihiwe cha musevezi wakwe.
9 Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
Tuva veleki ba Ireeza, mwiwa lye Ireeza, muzako wa Ireeza.
10 Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba.
Kuya ka chishemo che Ireeza chi va hewa kwangu che ntuto ya kwi ziva kuzaka, ni va vatangi intungo mi zumwi u zaka hateni.
11 Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
Linu mutokomele zumwi ni zumwi atokomele mwate azakile hateni. Kokuti kakwina yo ola kutunga intungo kunde yo zuna ya va itangi, nji Jesu Kreste.
12 Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare,
Ha hanu, haiva zumwi na zaka hentungo che gauda, silivera, cha mavwe a sepahala, zisamu, zilyo ze ñombe, kapa lyani,
13 guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.
musevezi wakwe ka u putululwe, mwete ni kupatulwe mwi nako ya mulilo. Mulilo kaulike musevezi wava tendi zumwi ni zumwi.
14 Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata.
Haiva misevezi ya zumwi ni zumwi ni izi mana, mwa tambule inkavelo;
15 Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
kono haiva musevezi wa zumwi ni zumwi ni uhiswa, mwa nyande, kono iye mwine mwa puluswe, cha ku vanduka ku mulilo.
16 Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
Kana mwizi kuti mwi tempele ya Ireeza ni kuti Luhuho lwe Ireeza luhala mwenu.
17 Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
Haiva zumwi na haya itempele ye Ireeza, Ireeza mwe haye zuna muntu. Imi itempele ye Ireeza i jolola, mumu ikalile nanwe.
18 Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. (aiōn )
Kanzi kuvi niyo lichenga mwine. Haiva zumwi mukati kenu uhupula kuti wina vutali mwe inu' nako, mu mu siye ave “cihole” mukuti ave yo talifite. (aiōn )
19 Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha.
Mokuti vutali vwe inu ikanda kwa Ireeza vuholo. Mi ku ñoletwe, “U wonda vatalifite muvu vilala vwavo.”
20 Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.
Mi hape, “Ireeza wizi kuti mi hupulelo ya vatali kakwina.”
21 Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii;
Linu ka kusina kulitemba cha vantu! Kakuti zintu zonse nji zenu,
22 Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan;
kapa Paulusi, kapa Apolosi, Kefesi, kapa inkanda, kapa vuhalo, kapa ifu, kapa zintu zina kwateni, kapa zintu zi sike zite. Zintu zonse nji zenu,
23 isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.
mi muva Kreste mi Kreste we Ireeza.