< 1 Qorontos 3 >

1 Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
And so, brothers, I could not address you as spiritual men, but as men of the flesh, as infants in Christ.
2 Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye.
I fed you milk, not solid food, for you were not yet able to receive it. Even now you are still not able,
3 Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii?
for you are still of the flesh. For where there is jealousy, strife, and division among you, are you not of the flesh and behaving like mere men?
4 Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
For when one says, “I follow Paul,” and another says, “I follow Apollos,” are you not of the flesh?
5 Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan.
Who then is Paul, and who is Apollos, but servants through whom you believed, as the Lord has assigned to each?
6 Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise.
I planted, Apollos watered, but God gave the growth.
7 Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
So then, neither he who plants is anything, nor he who waters, but only God who gives the growth.
8 Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu.
He who plants and he who waters are one, and each will receive his own reward according to his own labor.
9 Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
For we are fellow workers of God; you are God's field, God's building.
10 Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba.
According to the grace of God given to me, like a wise master builder I have laid a foundation, and another builds upon it. But each person must be careful how he builds upon it.
11 Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
For no one can lay a foundation other than the one that has been laid, which is Jesus Christ.
12 Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare,
If anyone builds upon this foundation with gold, silver, precious stones, wood, hay, or straw,
13 guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.
his work will become evident, for the Day will make it clear, because it is revealed by fire. And the fire will test each person's work and reveal what sort of work it is.
14 Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata.
If the work that anyone has built remains, he will receive a reward.
15 Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
If anyone's work is burned up, he will suffer loss; yet he himself will be saved, but only as through fire.
16 Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
Do you not know that you are the temple of God and that the Spirit of God dwells in you?
17 Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
If anyone destroys the temple of God, God will destroy him. For the temple of God is holy, which is what you are.
18 Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. (aiōn g165)
Let no one deceive himself. If anyone among you thinks he is wise in this age, he should become foolish so that he may become truly wise. (aiōn g165)
19 Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha.
For the wisdom of this world is foolishness with God. As it is written, “He catches the wise in their craftiness,”
20 Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.
and again, “The Lord knows the thoughts of the wise, that they are futile.”
21 Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii;
So then, let no one boast in men. For everything belongs to you,
22 Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan;
whether Paul or Apollos or Cephas, or the world, or life or death, or things present or things to come—everything belongs to you,
23 isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.
and you belong to Christ, and Christ belongs to God.

< 1 Qorontos 3 >