< 1 Qorontos 2 >

1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne.
When I came to you, brothers, I did not come with eloquence of speech or wisdom as I proclaimed hidden truths about God.
2 Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii.
For I decided to know nothing when I was among you except Jesus Christ, and him crucified.
3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe.
And I was with you in weakness, and in fear, and in much trembling.
4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre;
And my message and my proclamation were not with persuasive words of wisdom. Instead, they were with the demonstration of the Spirit and of power,
5 kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
so that your faith might not be in the wisdom of humans, but in the power of God.
6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. (aiōn g165)
Now we do speak wisdom among the mature, but not the wisdom of this world, or of the rulers of this age, who are passing away. (aiōn g165)
7 Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. (aiōn g165)
Instead, we speak God's wisdom in hidden truth, the hidden wisdom that God predestined before the ages for our glory. (aiōn g165)
8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. (aiōn g165)
None of the rulers of this age understood it, for if they had understood it, they would not have crucified the Lord of glory. (aiōn g165)
9 Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
But as it is written, “Things that no eye has seen, no ear has heard, no mind has imagined, the things that God has prepared for those who love him.”
10 Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora.
These are the things that God has revealed to us through the Spirit. For the Spirit searches everything, even the deep things of God.
11 Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
For who knows a person's thoughts except the spirit of the person in him? So also, no one knows the deep things of God except the Spirit of God.
12 Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
But we did not receive the spirit of the world, but the Spirit who is from God, so that we might know the things freely given to us by God.
13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.
We speak about these things in words that man's wisdom cannot teach, but which the Spirit teaches us. The Spirit interprets spiritual words with spiritual wisdom.
14 Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
The unspiritual person does not receive the things that belong to the Spirit of God, for they are foolishness to him. He cannot know them because they are spiritually discerned.
15 Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
The one who is spiritual judges all things, but he is not subject to the judgment of others.
16 “Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.
“For who can know the mind of the Lord, that he can instruct him?” But we have the mind of Christ.

< 1 Qorontos 2 >