< 1 Qorontos 16 >
1 Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa.
А щодо збирання пожертв для святих, то робіть так само, як я наказав церквам із Галатії:
2 Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa.
першого дня тижня нехай кожен із вас відкладає [щось], збираючи відповідно до своїх можливостей, щоб, коли я прийду, не треба було [збирати] пожертвувань.
3 Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga.
А коли прибуду, то тих, кого ви визнаєте гідними, пошлю з листом віднести ваш дар у Єрусалим.
4 Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu.
Якщо ж і мені треба буде туди піти, то вони підуть зі мною.
5 Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa.
Я прибуду до вас, коли пройду Македонію, бо проходитиму Македонію.
6 Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa.
Можливо, пробуду у вас якийсь час або навіть перезимую, щоб потім ви провели мене, куди б я не йшов.
7 Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu.
Адже цього разу я не хочу побачити вас лише мимохідь, а сподіваюсь якийсь час пробути з вами, якщо дозволить Господь.
8 Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura.
А до П’ятдесятниці я пробуду в Ефесі,
9 Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.
бо переді мною були відкриті широкі двері для плідного [служіння], хоча противників багато.
10 Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa.
Якщо прийде Тимофій, дивіться, щоб йому серед вас було нічого боятися, бо він, як і я, виконує діло Господнє.
11 Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii.
Тому нехай ніхто його не зневажає. Проведіть його з миром, щоб він прибув до мене, оскільки я чекаю його разом із братами.
12 Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa.
А щодо брата Аполлоса, то я дуже просив його прийти до вас із братами, але йому не хотілося приходити зараз. Він прийде, як буде нагода.
13 Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.
Пильнуйте, стійте у вірі, будьте мужні та сильні!
14 Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.
Нехай [між] вами все робиться з любов’ю.
15 Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru.
Закликаю вас, брати: ви знаєте, що дім Стефана – перший плід Ахаї і що вони віддали себе служінню святим,
16 Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha.
підкорюйтеся таким і всім, хто служить разом із ними й важко працює.
17 Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii.
Радію через прибуття Стефана, Фортуната й Ахаїка, бо вони заповнили вашу відсутність
18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa.
і заспокоїли мій та ваш дух. Цінуйте таких.
19 Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu. Aqiilaa fi Phirisqillaan, waldaan kiristaanaa kan mana isaanii jirtus Gooftaadhaan nagaa guddaa isiniif dhaamu.
Церкви з Азії вітають вас. Акила та Прискілла щиро вітають вас у Господі разом із їхньою домашньою церквою.
20 Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
Усі брати вітають вас. Вітайте одне одного святим цілунком.
21 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa.
Привітання [написане] моєю, Павловою, рукою.
22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu.
Якщо хтось не любить Господа, нехай буде проклятий! Марана та!
23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
Нехай благодать Господа Ісуса буде з вами!
24 Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Моя любов з усіма вами в Христі Ісусі. Амінь.