< 1 Qorontos 15 >

1 Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.
형제들아 내가 너희에게 전한 복음을 너희로 알게 하노니 이는 너희가 받은 것이요 또 그 가운데 선 것이라
2 Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.
너희가 만일 나의 전한 그 말을 굳게 지키고 헛되이 믿지 아니하였으면 이로 말미암아 구원을 얻으리라
3 Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe;
내가 받은 것을 먼저 너희에게 전하였노니 이는 성경대로 그리스도께서 우리 죄를 위하여 죽으시고
4 ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
장사 지낸 바 되었다가 성경대로 사흘 만에 다시 살아나사
5 Inni duraan dursee Keefaatti, ergasiis warra Kudha Lamaanitti mulʼate.
게바에게 보이시고 후에 열두 제자에게와
6 Sana booddee yeroo tokkotti obboloota dhibba shanii ol taʼanitti mulʼate; isaan keessaas yoo muraasni boqotan iyyuu hedduun isaanii hamma ammaatti ni jiru.
그 후에 오백여 형제에게 일시에 보이셨나니 그 중에 지금까지 태반이나 살아 있고 어떤 이는 잠들었으며
7 Ergasiis Yaaqoobitti, itti aansee ergamoota hundatti mulʼate;
그 후에 야고보에게 보이셨으며 그 후에 모든 사도에게와
8 dhuma irratti immoo ana kan akka gatataatti dhalateetti lakkaaʼamutti mulʼate.
맨 나중에 만삭되지 못하여 난 자 같은 내게도 보이셨느니라
9 Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii.
나는 사도 중에 지극히 작은 자라 내가 하나님의 교회를 핍박하였으므로 사도라 칭함을 받기에 감당치 못할 자로라
10 Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete.
그러나 나의 나 된 것은 하나님의 은혜로 된 것이니 내게 주신 그의 은혜가 헛되지 아니하여 내가 모든 사도보다 더 많이 수고하였으나 내가 아니요 오직 나와 함께 하신 하나님의 은혜로라
11 Egaa anas taʼu yookaan isaan, wanni nu lallabnu, wanni isin amantanis kanuma.
그러므로 내나 저희나 이같이 전파하매 너희도 이같이 믿었느니라
12 Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame erga lallabamee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jechuu dandaʼu ree?
그리스도께서 죽은 자 가운데서 다시 살아나셨다 전파되었거늘 너희 중에서 어떤 이들은 어찌하여 죽은 자 가운데서 부활이 없다 하느냐
13 Erga duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jirre, Kiristoos iyyuu duʼaa hin kaafamne jechuudha kaa!
만일 죽은 자의 부활이 없으면 그리스도도 다시 살지 못하셨으리라
14 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin immoo lallabni keenya faayidaa hin qabu; amantiin keessanis faayidaa hin qabu.
그리스도께서 만일 다시 살지 못하셨으면 우리의 전파하는 것도 헛것이요 또 너희 믿음도 헛것이며
15 Kana malees Waaqni Kiristoosin duʼaa kaaseera jennee waaʼee Waaqaa waan dhugaa baaneef, nu waaʼee Waaqaa dhuga baatota sobaa taanee argamneerra. Garuu erga warri duʼan hin kaafamin inni Kiristoosin hin kaafne jechuu dha.
또 우리가 하나님의 거짓 증인으로 발견되리니 우리가 하나님이 그리스도를 다시 살리셨다고 증거하였음이라 만일 죽은 자가 다시 사는 것이 없으면 하나님이 그리스도를 다시 살리시지 아니하셨으리라
16 Yoo warri duʼan kaafamuu baatan, Kiristoosis duʼaa hin kaafamneetii.
만일 죽은 자가 다시 사는 것이 없으면 그리스도도 다시 사신 것이 없었을 터이요
17 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin amantiin keessan faayidaa hin qabu; isinis ammuma iyyuu cubbuu keessa jirtu.
그리스도께서 다시 사신 것이 없으면 너희의 믿음도 헛되고 너희가 여전히 죄 가운데 있을 것이요
18 Yoos warri utuu Kiristoositti jiranuu boqotan baduu isaanii ti.
또한 그리스도 안에서 잠자는 자도 망하였으리니
19 Yoo jireenya ammaa qofaaf Kiristoosin abdanne nu warra namni hundi naʼuuf taʼuu keenya.
만일 그리스도 안에서 우리의 바라는 것이 다만 이생뿐이면 모든 사람 가운데 우리가 더욱 불쌍한 자리라
20 Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
그러나 이제 그리스도께서 죽은 자 가운데서 다시 살아 잠자는 자들의 첫 열매가 되셨도다
21 Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.
사망이 사람으로 말미암았으니 죽은 자의 부활도 사람으로 말미암는도다
22 Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.
아담 안에서 모든 사람이 죽은 것 같이 그리스도 안에서 모든 사람이 삶을 얻으리라
23 Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan.
그러나 각각 자기 차례대로 되리니 먼저는 첫 열매인 그리스도요 다음에는 그리스도 강림하실 때에 그에게 붙은 자요
24 Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa.
그 후에는 나중이니 저가 모든 정사와 모든 권세와 능력을 멸하시고 나라를 아버지 하나님께 바칠 때라
25 Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
저가 모든 원수를 그 발 아래 둘 때까지 불가불 왕 노릇 하시리니
26 Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
맨 나중에 멸망 받을 원수는 사망이니라
27 Inni, “Waan hunda miilla isaa jala galcheeraatii.” Garuu “Wanni hundi” isa jala galfameera jechuun akka isa waan hunda isa jala galche sana hin dabalatin beekamaa dha.
만물을 저의 발 아래 두셨다 하셨으니 만물을 아래 둔다 말씀하실 때에 만물을 저의 아래 두신 이가 그 중에 들지 아니한 것이 분명하도다
28 Erga waan kana godhee booddee akka Waaqni waan hundumaan hundumaa taʼuuf Ilmi mataan isaa iyyuu isa waan hundumaa miilla isaa jala galche sanaaf ni bula.
만물을 저에게 복종하게 하신 때에는 아들 자신도 그 때에 만물을 자기에게 복종케 하신 이에게 복종케 되리니 이는 하나님이 만유의 주로서 만유 안에 계시려 하심이라
29 Yoo duʼaa kaʼuun jiraachuu baate namoonni warra duʼaniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti? Warri duʼanis yoo duʼaa hin kaafamin namoonni maaliif qooda isaanii cuuphamu ree?
만일 죽은 자들이 도무지 다시 살지 못하면 죽은 자들을 위하여 침례 받는 자들이 무엇을 하겠느냐 어찌하여 저희를 위하여 침례를 받느뇨
30 Nu maaliif saʼaatii hunda balaaf of saaxilla?
또 어찌하여 우리가 때마다 위험을 무릅쓰리요
31 Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha.
형제들아 내가 그리스도 예수 우리 주 안에서 가진 바 너희에게 대한 나의 자랑을 두고 단언하노니 나는 날마다 죽노라
32 Ani akka namaatti Efesoonitti bineensa wajjin wal loluun koo, erga warri duʼan hin kaafamnee, maal na fayyada? “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii.”
내가 범인처럼 에베소에서 맹수로 더불어 싸웠으면 내게 무슨 유익이 있느뇨 죽은 자가 다시 살지 못할 것이면 내일 죽을 터이니 먹고 마시자 하리라
33 Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”
속지 말라 악한 동무들은 선한 행실을 더럽히나니
34 Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.
깨어 의를 행하고 죄를 짓지 말라 하나님을 알지 못하는 자가 있기로 내가 너희를 부끄럽게 하기 위하여 말하노라
35 Garuu namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaafamu? Dhagna akkamiitiin dhufu?” jedhee ni gaafata taʼa.
누가 묻기를 죽은 자들이 어떻게 다시 살며 어떠한 몸으로 오느냐 하리니
36 Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu.
어리석은 자여 너의 뿌리는 씨가 죽지 않으면 살아나지 못하겠고
37 Wanni ati facaaftu sanyiidhuma, jechuunis sanyii qamadii yookaan sanyii midhaan biraati malee dhagna midhaan biqilee guddachuuf jiru sanaa miti.
또 너의 뿌리는 것은 장래 형체를 뿌리는 것이 아니요 다만 밀이나 다른 것의 알갱이뿐이로되
38 Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna.
하나님이 그 뜻대로 저에게 형체를 주시되 각 종자에게 그 형체를 주시느니라
39 Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
육체는 다 같은 육체가 아니니 하나는 사람의 육체요 하나는 짐승의 육체요 하나는 새의 육체요 하나는 물고기의 육체라
40 Akkasuma immoo dhagnawwan samii irraa ni jiru; dhagnawwan lafa irraas ni jiru; garuu ulfinni dhagnawwan samii irraa gosa tokko; ulfinni dhagnawwan lafa irraa immoo gosa biraa ti.
하늘에 속한 형체도 있고 땅에 속한 형체도 있으나 하늘에 속한 자의 영광이 따로 있고 땅에 속한 자의 영광이 따로 있으니
41 Aduun ulfina gosa tokkoo qabdi; jiʼis ulfina gosa biraa, urjiiwwanis ulfina gosa biraa qabu; urjiin tokko ulfinaan urjii biraatiin addaatii.
해의 영광도 다르며 달의 영광도 다르며 별의 영광도 다른데 별과 별의 영광이 다르도다
42 Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama.
죽은 자의 부활도 이와 같으니 썩을 것으로 심고 썩지 아니할 것으로 다시 살며
43 Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama;
욕된 것으로 심고 영광스러운 것으로 다시 살며 약한 것으로 심고 강한 것으로 다시 살며
44 dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira.
육의 몸으로 심고 신령한 몸으로 다시 사나니 육의 몸이 있은즉 또 신령한 몸이 있느니라
45 Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe.
기록된 바 첫 사람 아담은 산 영이 되었다 함과 같이 마지막 아담은 살려주는 영이 되었나니
46 Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe.
그러나 먼저는 신령한 자가 아니요 육 있는 자요 그 다음에 신령한 자니라
47 Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe.
첫 사람은 땅에서 났으니 흙에 속한 자이거니와 둘째 사람은 하늘에서 나셨느니라
48 Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti.
무릇 흙에 속한 자는 저 흙에 속한 자들과 같고 무릇 하늘에 속한 자는 저 하늘에 속한 자들과 같으니
49 Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna.
우리가 흙에 속한 자의 형상을 입은 것 같이 또한 하늘에 속한 자의 형상을 입으리라
50 Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima.
형제들아 내가 이것을 말하노니 혈과 육은 하나님 나라를 유업으로 받을 수 없고 또한 썩은 것은 썩지 아니한 것을 유업으로 받지 못하느니라
51 Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna;
보라 내가 너희에게 비밀을 말하노니 우리가 다 잠잘 것이 아니요 마지막 나팔에 순식간에 홀연히 다 변화하리니
52 kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.
나팔 소리가 나매 죽은 자들이 썩지 아니할 것으로 다시 살고 우리도 변화하리라
53 Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii.
이 썩을 것이 불가불 썩지 아니할 것을 입겠고 이 죽을 것이 죽지 아니함을 입으리로다
54 Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas,
이 썩을 것이 썩지 아니함을 입고 이 죽을 것이 죽지 아니함을 입을 때에는 사망이 이김의 삼킨 바 되리라고 기록된 말씀이 응하리라
55 “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?” (Hadēs g86)
사망아 너의 이기는 것이 어디 있느냐 사망아 너의 쏘는 것이 어디 있느냐 (Hadēs g86)
56 Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
사망의 쏘는 것은 죄요 죄의 권능은 율법이라
57 Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
우리 주 예수 그리스도로 말미암아 우리에게 이김을 주시는 하나님께 감사하노니
58 Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.
그러므로 내 사랑하는 형제들아 견고하며 흔들리지 말며 항상 주의 일에 더욱 힘쓰는 자들이 되라 이는 너희 수고가 주 안에서 헛되지 않은 줄을 앎이니라

< 1 Qorontos 15 >