< 1 Qorontos 14 >

1 Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa.
sectamini caritatem aemulamini spiritalia magis autem ut prophetetis
2 Namni afaan haaraan dubbatu kam iyyuu Waaqatti malee namootatti hin dubbatuutii. Dhugumaan namni tokko iyyuu isa hin hubatu; inni Hafuuraan icciitii dubbata.
qui enim loquitur lingua non hominibus loquitur sed Deo nemo enim audit Spiritu autem loquitur mysteria
3 Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata.
nam qui prophetat hominibus loquitur aedificationem et exhortationem et consolationes
4 Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa.
qui loquitur lingua semet ipsum aedificat qui autem prophetat ecclesiam aedificat
5 Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala.
volo autem omnes vos loqui linguis magis autem prophetare nam maior est qui prophetat quam qui loquitur linguis nisi si forte ut interpretetur ut ecclesia aedificationem accipiat
6 Egaa yaa obboloota, ani yoon mulʼata yookaan beekumsa yookaan raajii yookaan barsiisa tokko tokko isinitti hime malee yoon afaan haaraa qofa dubbachaa gara keessan dhufe maal isin fayyada?
nunc autem fratres si venero ad vos linguis loquens quid vobis prodero nisi si vobis loquar aut in revelatione aut scientia aut prophetia aut in doctrina
7 Kunis meeshaa lubbuu hin qabne kan akka ululleetii fi kiraaraa kanneen sagalee kennan biratti illee akkanuma; ululleen afuufamee yookaan kiraarri rukutamee yoo sagaleen isaa gargar baafame malee namni tokko akkamitti addaan baasee beekuu dandaʼa?
tamen quae sine anima sunt vocem dantia sive tibia sive cithara nisi distinctionem sonituum dederint quomodo scietur quod canitur aut quod citharizatur
8 Yoo sagaleen malakataa addaan baafamee beekame malees eenyutu lolaaf qophaaʼa?
etenim si incertam vocem det tuba quis parabit se ad bellum
9 Isinis akkasuma. Yoo afaan keessaniin dubbii hubatamaa dubbattan malee namni tokko akkamitti waan isin jettan sana beekuu dandaʼa? Qilleensatti dubbachuu keessaniitii.
ita et vos per linguam nisi manifestum sermonem dederitis quomodo scietur id quod dicitur eritis enim in aera loquentes
10 Akka afaan gosa garaa garaa addunyaa irra jiran hin shakkamu. Garuu isaan keessaa kan hiikkaa hin qabne tokko iyyuu hin jiru.
tam multa ut puta genera linguarum sunt in mundo et nihil sine voce est
11 Kanaafuu ani yoon hiikkaa waan namni tokko dubbatuu hubachuu baadhe ani namicha dubbatu sanatti alagaa dha. Namichi dubbatu sunis anatti alagaa dha.
si ergo nesciero virtutem vocis ero ei cui loquor barbarus et qui loquitur mihi barbarus
12 Isinis akkasuma. Isin waan jabeessitanii kennaawwan Hafuuraa qabaachuu barbaaddaniif, kennaawwan waldaa kiristaanaa cimsan jabeessaatii barbaadaa.
sic et vos quoniam aemulatores estis spirituum ad aedificationem ecclesiae quaerite ut abundetis
13 Kanaaf namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waan dubbatu sana hiikuu dandaʼuuf kadhachuu qaba.
et ideo qui loquitur lingua oret ut interpretetur
14 Yoo ani afaan haaraan kadhadhe hafuurri koo ni kadhataatii; qalbiin koo garuu hin hirmaatu.
nam si orem lingua spiritus meus orat mens autem mea sine fructu est
15 Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha.
quid ergo est orabo spiritu orabo et mente psallam spiritu psallam et mente
16 Yoo kanaa achii utuu ati hafuura keetiin Waaqa galateeffachuutti jirtuu, namni iddoo warra hin baratinii taaʼe tokko waan ati dubbattu waan hin beekiniif akkamitti galata ati dhiʼeessitu sanaaf “Ameen” jechuu dandaʼaa?
ceterum si benedixeris spiritu qui supplet locum idiotae quomodo dicet amen super tuam benedictionem quoniam quid dicas nescit
17 Ati dhugumaan sirriitti galateeffata taʼa; namni kaan garuu ittiin hin jajjabeeffamu.
nam tu quidem bene gratias agis sed alter non aedificatur
18 Ani waanan hunduma keessan caalaa afaan haaraan dubbadhuuf Waaqa nan galateeffadha.
gratias ago Deo quod omnium vestrum lingua loquor
19 Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada.
sed in ecclesia volo quinque verba sensu meo loqui ut et alios instruam quam decem milia verborum in lingua
20 Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa.
fratres nolite pueri effici sensibus sed malitia parvuli estote sensibus autem perfecti estote
21 Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Ani afaan biraatiin, afaan alagootaatiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan, jedha Gooftaan.”
in lege scriptum est quoniam in aliis linguis et labiis aliis loquar populo huic et nec sic exaudient me dicit Dominus
22 Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti.
itaque linguae in signum sunt non fidelibus sed infidelibus prophetia autem non infidelibus sed fidelibus
23 Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii?
si ergo conveniat universa ecclesia in unum et omnes linguis loquantur intrent autem idiotae aut infideles nonne dicent quod insanitis
24 Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama;
si autem omnes prophetent intret autem quis infidelis vel idiota convincitur ab omnibus diiudicatur ab omnibus
25 icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata.
occulta cordis eius manifesta fiunt et ita cadens in faciem adorabit Deum pronuntians quod vere Deus in vobis est
26 Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu.
quid ergo est fratres cum convenitis unusquisque vestrum psalmum habet doctrinam habet apocalypsin habet linguam habet interpretationem habet omnia ad aedificationem fiant
27 Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku.
sive lingua quis loquitur secundum duos aut ut multum tres et per partes et unus interpretetur
28 Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu.
si autem non fuerit interpres taceat in ecclesia sibi autem loquatur et Deo
29 Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan.
prophetae duo aut tres dicant et ceteri diiudicent
30 Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu.
quod si alii revelatum fuerit sedenti prior taceat
31 Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii.
potestis enim omnes per singulos prophetare ut omnes discant et omnes exhortentur
32 Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu.
et spiritus prophetarum prophetis subiecti sunt
33 Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.
non enim est dissensionis Deus sed pacis sicut in omnibus ecclesiis sanctorum
34 Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii.
mulieres in ecclesiis taceant non enim permittitur eis loqui sed subditas esse sicut et lex dicit
35 Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii.
si quid autem volunt discere domi viros suos interrogent turpe est enim mulieri loqui in ecclesia
36 Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee?
an a vobis verbum Dei processit aut in vos solos pervenit
37 Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku.
si quis videtur propheta esse aut spiritalis cognoscat quae scribo vobis quia Domini sunt mandata
38 Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.
si quis autem ignorat ignorabitur
39 Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa.
itaque fratres aemulamini prophetare et loqui linguis nolite prohibere
40 Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba.
omnia autem honeste et secundum ordinem fiant

< 1 Qorontos 14 >