< 1 Qorontos 14 >
1 Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa.
Ku dafkaci kauna kuma ku himmatu domin baye bayen ruhaniya, musamman domin kuyi anabci.
2 Namni afaan haaraan dubbatu kam iyyuu Waaqatti malee namootatti hin dubbatuutii. Dhugumaan namni tokko iyyuu isa hin hubatu; inni Hafuuraan icciitii dubbata.
Domin wanda yake magana da harshe bada mutane yake magana ba amma da Allah. domin babu mai fahimtarsa saboda yana zancen boyayyun abubuwa ciki Ruhu.
3 Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata.
Amma wanda yake anabci da mutane yake magana domin ya gina su, ya karfafa su, kuma ya ta'azantar dasu.
4 Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa.
Wanda yake magana da wani harshe, kansa yake ginawa, amma mai yin annabci kuwa, ikilisiya yake ginawa.
5 Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala.
To, fatana ace dukan ku kuna magana da harsuna. Amma fiye da hakama, fatana ace kuyi anabci. Wanda yake anabci yafi wanda yake magana da harsuna ( sai dai idan wani ya fassara domin ikilisiya ta ginu).
6 Egaa yaa obboloota, ani yoon mulʼata yookaan beekumsa yookaan raajii yookaan barsiisa tokko tokko isinitti hime malee yoon afaan haaraa qofa dubbachaa gara keessan dhufe maal isin fayyada?
Amma yanzu, 'yan'uwa, in na zo wurin ku ina magana da harsuna, ta yaya zaku karu dani? ba zaya yiwu ba, sai idan nayi maku magana da wahayi, ko sani, ko anabci, ko koyarwa.
7 Kunis meeshaa lubbuu hin qabne kan akka ululleetii fi kiraaraa kanneen sagalee kennan biratti illee akkanuma; ululleen afuufamee yookaan kiraarri rukutamee yoo sagaleen isaa gargar baafame malee namni tokko akkamitti addaan baasee beekuu dandaʼa?
Idan kayan kida marasa rai suna fitar da sauti - kamar su sarewa da algaita - kuma basu fitar da amo daban daban, ta yaya wani zaya san irin amon da sarewar da algaitar suke kadawa?
8 Yoo sagaleen malakataa addaan baafamee beekame malees eenyutu lolaaf qophaaʼa?
Domin idan aka busa kaho da sauti marar ma'ana, ta yaya wani zaya san lokacin da ya dace ya shirya zuwa yaki?
9 Isinis akkasuma. Yoo afaan keessaniin dubbii hubatamaa dubbattan malee namni tokko akkamitti waan isin jettan sana beekuu dandaʼa? Qilleensatti dubbachuu keessaniitii.
Haka yake game da ku. Idan kuka furta zance marar ma'ana, ta yaya wani zaya fahimci abinda kukace? zaku yita magana, kuma babu wanda zaya fahimce ku.
10 Akka afaan gosa garaa garaa addunyaa irra jiran hin shakkamu. Garuu isaan keessaa kan hiikkaa hin qabne tokko iyyuu hin jiru.
Babu shakka akwai harsuna daban daban a duniya, kuma babu wanda baya da ma'ana.
11 Kanaafuu ani yoon hiikkaa waan namni tokko dubbatuu hubachuu baadhe ani namicha dubbatu sanatti alagaa dha. Namichi dubbatu sunis anatti alagaa dha.
Amma idan ban san ma'anar wani harshe ba, zan zama bare ga mai maganar, kuma mai maganar zaya zama bare a gareni.
12 Isinis akkasuma. Isin waan jabeessitanii kennaawwan Hafuuraa qabaachuu barbaaddaniif, kennaawwan waldaa kiristaanaa cimsan jabeessaatii barbaadaa.
haka yake gare ku. Tun da kuna da dokin bayyanuwar Ruhu, ku himmatu da habaka cikin gina ikilisiya.
13 Kanaaf namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waan dubbatu sana hiikuu dandaʼuuf kadhachuu qaba.
To wanda yake magana da harshe yayi addu'a domin ya iya fassarawa.
14 Yoo ani afaan haaraan kadhadhe hafuurri koo ni kadhataatii; qalbiin koo garuu hin hirmaatu.
Domin idan nayi addu'a da harshe, ruhuna yayi addu'a, amma fahimtata bata karu ba.
15 Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha.
To, me zan yi? Zan yi addu'a da ruhuna, in kuma yi addu'a da fahimtata. Zan yi raira waka da ruhuna, kuma in raira waka da fahimtata.
16 Yoo kanaa achii utuu ati hafuura keetiin Waaqa galateeffachuutti jirtuu, namni iddoo warra hin baratinii taaʼe tokko waan ati dubbattu waan hin beekiniif akkamitti galata ati dhiʼeessitu sanaaf “Ameen” jechuu dandaʼaa?
In ba haka ba, idan ka yi yabon Allah da ruhu kawai, ta yaya wanda yake waje zai ce, “Amin” a kan godiyar da kake yi in bai san abin da kake fada ba?
17 Ati dhugumaan sirriitti galateeffata taʼa; namni kaan garuu ittiin hin jajjabeeffamu.
Babu shakka kayi godiya sosai, amma wanin baya ginu ba.
18 Ani waanan hunduma keessan caalaa afaan haaraan dubbadhuuf Waaqa nan galateeffadha.
Nagodewa Allah ina magana da harsuna fiye da ku duka.
19 Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada.
Duk da haka dai a taron ikilisiya na gwammace in yi magana da kalmomi biyar cikin fahimta saboda inganta wadansu fiye da dubu goma da harshe.
20 Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa.
'Yan'uwa, kada ku zama yara cikin tunani, sai dai a wajen aikin mugunta, ku yi halin jarirai, amma a tunaninku ku girma.
21 Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Ani afaan biraatiin, afaan alagootaatiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan, jedha Gooftaan.”
A rubuce yake a shari'a cewa, “zan yi magana da mutanen nan ta wurin mutane masu bakin harsuna, da kuma lebunan baki. Duk da haka kuwa ba za su saurare ni ba”, in ji Ubangiji.
22 Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti.
Amma harsuna alamu ne, ba ga masu bada gaskiya ba, sai dai ga marasa ba da gaskiya. Annabci kuwa alama ce ga masu ba da gaskiya, amma ba don marasa bangaskiya ba.
23 Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii?
Saboda haka, in dukan ikilisiya ta taru, kowa kuwa yana magana da wasu harsuna, wadansu na waje da kuma marasa ba da gaskiya suka shigo, ashe, ba sai su ce kun haukace ba ba?
24 Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama;
In kuwa kowa yana yin annabci, wani kuma marar ba da gaskiya ko wani daga waje ya shigo, maganar kuwa zata ratsa shi. Za a ma hukanta shi a kan maganar,
25 icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata.
asiran zuciyarsa kuma za su tonu. Sakamokon haka, sai ya fadi ya yi wa Allah sujada, zaya furta cewa lallai Allah yana tare da ku.
26 Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu.
Sai me kuma 'yan'uwa? idan kuka tattaru, wani yana da zabura, koyarwa, wahayi, harshe, ko fassara. Kuyi komai domin gina ikilisiya.
27 Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku.
Idan wani yayi magana da harshe, bari a sami mutum biyu ko uku a yawansu, kuma kowa yayi daya bayan daya. Sai wani ya fassara abinda aka fada.
28 Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu.
Amma idan babu wanda zaya fassara, bari dukansu suyi shiru a ikilisiya. Bari kowa yayi wa kansa maganar a gida shi kadai da kuma Allah.
29 Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan.
Bari annabawa biyu ko uku suyi magana, bari sauran su saurara tare da bambance abinda ake fada.
30 Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu.
Idan kuma anba wani fahimta wanda yana zaune a cikin sujadar, bari wanda yake ta magana kafin yanzu yayi shiru.
31 Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii.
Dukanku kuna iya yin annabci daya bayan daya, domin kowannen ku yayi koyi, a kuma samu karfafawa.
32 Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu.
Gama ruhohin annabawa suna karkashin annabawa,
33 Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.
domin Allah ba Allahn rudu ba ne, na salama ne. Haka yake kuwa a duk ikllisiyoyin masu bangaskiya.
34 Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii.
Mataye suyi shiru a ikilisiyoyi. Domin ba a basu dama ba suyi magana. A maimako, su zama masu sadaukar da kansu, kamar yadda doka ta ce.
35 Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii.
Idan akwai abinda suke so su koya, bari su tambayi mazajen su a gida. Domin abin kunya ne mace tayi magana a ikilisiya.
36 Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee?
Daga wurinku maganar Allah ta zo ne? ko kuwa a gare ku kadai ta iso?
37 Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku.
In wani yana zaton shi ma annabi ne, ko kuwa mai ruhaniya, to, sai ya fahimta, abin nan da nake rubuta maku umarni ne daga wurin Ubangiji.
38 Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.
In kuwa wani ya ki kula da wannan, shi ma kada a kula da shi.
39 Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa.
Saboda haka, 'yan'uwa, ku yi marmarin yin annabci sosai, sa'an nan kada ku hana kow yin magana da harsuna.
40 Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba.
Sai dai a yi komai ta hanyar da ta dace bisa ga tsari.