< 1 Qorontos 11 >
1 Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa.
μιμηταί μου γίνεσθε, καθὼς κἀγὼ Χριστοῦ.
2 Ani sababii isin waan hundaan na yaadattanii fi waan duudhaa ani dabarsee isinitti kennes jabeessitanii qabattaniif isinin galateeffadha.
Ἐπαινῶ δὲ ὑμᾶς ὅτι πάντα μου μέμνησθε καὶ καθὼς παρέδωκα ὑμῖν τὰς παραδόσεις κατέχετε.
3 Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada.
Θέλω δὲ ὑμᾶς εἰδέναι ὅτι παντὸς ἀνδρὸς ἡ κεφαλὴ ὁ Χριστός ἐστιν, κεφαλὴ δὲ γυναικὸς ὁ ἀνήρ, κεφαλὴ δὲ τοῦ Χριστοῦ ὁ Θεός.
4 Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa.
πᾶς ἀνὴρ προσευχόμενος ἢ προφητεύων κατὰ κεφαλῆς ἔχων καταισχύνει τὴν κεφαλὴν αὐτοῦ.
5 Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii.
πᾶσα δὲ γυνὴ προσευχομένη ἢ προφητεύουσα ἀκατακαλύπτῳ τῇ κεφαλῇ καταισχύνει τὴν κεφαλὴν αὐτῆς· ἓν γάρ ἐστιν καὶ τὸ αὐτὸ τῇ ἐξυρημένῃ.
6 Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi.
εἰ γὰρ οὐ κατακαλύπτεται γυνή, καὶ κειράσθω· εἰ δὲ αἰσχρὸν γυναικὶ τὸ κείρασθαι ἢ ξυρᾶσθαι, κατακαλυπτέσθω.
7 Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti.
ἀνὴρ μὲν γὰρ οὐκ ὀφείλει κατακαλύπτεσθαι τὴν κεφαλήν, εἰκὼν καὶ δόξα Θεοῦ ὑπάρχων· ἡ γυνὴ δὲ δόξα ἀνδρός ἐστιν.
8 Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii;
οὐ γάρ ἐστιν ἀνὴρ ἐκ γυναικός, ἀλλὰ γυνὴ ἐξ ἀνδρός·
9 dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne.
καὶ γὰρ οὐκ ἐκτίσθη ἀνὴρ διὰ τὴν γυναῖκα, ἀλλὰ γυνὴ διὰ τὸν ἄνδρα.
10 Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi.
διὰ τοῦτο ὀφείλει ἡ γυνὴ ἐξουσίαν ἔχειν ἐπὶ τῆς κεφαλῆς διὰ τοὺς ἀγγέλους.
11 Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu.
πλὴν οὔτε γυνὴ χωρὶς ἀνδρὸς οὔτε ἀνὴρ χωρὶς γυναικὸς ἐν Κυρίῳ·
12 Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama.
ὥσπερ γὰρ ἡ γυνὴ ἐκ τοῦ ἀνδρός, οὕτως καὶ ὁ ἀνὴρ διὰ τῆς γυναικός· τὰ δὲ πάντα ἐκ τοῦ Θεοῦ.
13 Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa?
ἐν ὑμῖν αὐτοῖς κρίνατε· πρέπον ἐστὶν γυναῖκα ἀκατακάλυπτον τῷ Θεῷ προσεύχεσθαι;
14 Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu?
οὐδὲ ἡ φύσις αὐτὴ διδάσκει ὑμᾶς ὅτι ἀνὴρ μὲν ἐὰν κομᾷ, ἀτιμία αὐτῷ ἐστιν,
15 Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii.
γυνὴ δὲ ἐὰν κομᾷ, δόξα αὐτῇ ἐστιν; ὅτι ἡ κόμη ἀντὶ περιβολαίου δέδοται αὐτῇ.
16 Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.
Εἰ δέ τις δοκεῖ φιλόνεικος εἶναι, ἡμεῖς τοιαύτην συνήθειαν οὐκ ἔχομεν, οὐδὲ αἱ ἐκκλησίαι τοῦ Θεοῦ.
17 Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju.
Τοῦτο δὲ παραγγέλλων οὐκ ἐπαινῶ ὅτι οὐκ εἰς τὸ κρεῖσσον ἀλλὰ εἰς τὸ ἧσσον συνέρχεσθε.
18 Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana.
πρῶτον μὲν γὰρ συνερχομένων ὑμῶν ἐν ἐκκλησίᾳ ἀκούω σχίσματα ἐν ὑμῖν ὑπάρχειν, καὶ μέρος τι πιστεύω.
19 Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba.
δεῖ γὰρ καὶ αἱρέσεις ἐν ὑμῖν εἶναι, ἵνα καὶ οἱ δόκιμοι φανεροὶ γένωνται ἐν ὑμῖν.
20 Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti;
Συνερχομένων οὖν ὑμῶν ἐπὶ τὸ αὐτὸ οὐκ ἔστιν κυριακὸν δεῖπνον φαγεῖν·
21 yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa.
ἕκαστος γὰρ τὸ ἴδιον δεῖπνον προλαμβάνει ἐν τῷ φαγεῖν, καὶ ὃς μὲν πεινᾷ, ὃς δὲ μεθύει.
22 Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju!
μὴ γὰρ οἰκίας οὐκ ἔχετε εἰς τὸ ἐσθίειν καὶ πίνειν; ἢ τῆς ἐκκλησίας τοῦ Θεοῦ καταφρονεῖτε, καὶ καταισχύνετε τοὺς μὴ ἔχοντας; τί εἴπω ὑμῖν; ἐπαινέσω ὑμᾶς; ἐν τούτῳ οὐκ ἐπαινῶ.
23 Ani waanan dabarsee isinitti kenne kana Gooftaa irraa fudhadheeraatii; Gooftaa Yesuus halkan dabarfamee kenname sana buddeena fuudhee,
ἐγὼ γὰρ παρέλαβον ἀπὸ τοῦ Κυρίου, ὃ καὶ παρέδωκα ὑμῖν, ὅτι ὁ Κύριος Ἰησοῦς ἐν τῇ νυκτὶ ᾗ παρεδίδετο ἔλαβεν ἄρτον
24 galata galche; buddeena sanas caccabsee, “Kun foon koo kan isiniif taʼuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedhe.
καὶ εὐχαριστήσας ἔκλασεν καὶ εἶπεν Τοῦτό μού ἐστιν τὸ σῶμα τὸ ὑπὲρ ὑμῶν· τοῦτο ποιεῖτε εἰς τὴν ἐμὴν ἀνάμνησιν.
25 Akkasumas irbaata booddee xoofoo fuudhee, “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga kootiin taʼuu dha; yeroo isa dhugdan hunda na yaadachuuf godhadhaa” jedhe.
ὡσαύτως καὶ τὸ ποτήριον μετὰ τὸ δειπνῆσαι, λέγων Τοῦτο τὸ ποτήριον ἡ καινὴ διαθήκη ἐστὶν ἐν τῷ ἐμῷ αἵματι· τοῦτο ποιεῖτε, ὁσάκις ἐὰν πίνητε, εἰς τὴν ἐμὴν ἀνάμνησιν.
26 Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.
ὁσάκις γὰρ ἐὰν ἐσθίητε τὸν ἄρτον τοῦτον καὶ τὸ ποτήριον πίνητε, τὸν θάνατον τοῦ Κυρίου καταγγέλλετε, ἄχρι οὗ ἔλθῃ.
27 Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama.
ὥστε ὃς ἂν ἐσθίῃ τὸν ἄρτον ἢ πίνῃ τὸ ποτήριον τοῦ Κυρίου ἀναξίως, ἔνοχος ἔσται τοῦ σώματος καὶ τοῦ αἵματος τοῦ Κυρίου.
28 Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba.
δοκιμαζέτω δὲ ἄνθρωπος ἑαυτόν, καὶ οὕτως ἐκ τοῦ ἄρτου ἐσθιέτω καὶ ἐκ τοῦ ποτηρίου πινέτω·
29 Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii.
ὁ γὰρ ἐσθίων καὶ πίνων κρίμα ἑαυτῷ ἐσθίει καὶ πίνει μὴ διακρίνων τὸ σῶμα.
30 Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru.
διὰ τοῦτο ἐν ὑμῖν πολλοὶ ἀσθενεῖς καὶ ἄρρωστοι καὶ κοιμῶνται ἱκανοί.
31 Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture.
εἰ δὲ ἑαυτοὺς διεκρίνομεν, οὐκ ἂν ἐκρινόμεθα·
32 Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba.
κρινόμενοι δὲ ὑπὸ τοῦ Κυρίου παιδευόμεθα, ἵνα μὴ σὺν τῷ κόσμῳ κατακριθῶμεν.
33 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin yommuu nyaachuuf walitti qabamtan wal eegaa.
ὥστε, ἀδελφοί μου, συνερχόμενοι εἰς τὸ φαγεῖν ἀλλήλους ἐκδέχεσθε.
34 Akka walitti qabamuun keessan murtii isinitti hin fidneef eenyu iyyuu yoo beelaʼe mana isaatti haa nyaatu! Waan hafe irratti immoo ani yommuun dhufutti qajeelcha nan kenna.
εἴ τις πεινᾷ, ἐν οἴκῳ ἐσθιέτω, ἵνα μὴ εἰς κρίμα συνέρχησθε. Τὰ δὲ λοιπὰ ὡς ἂν ἔλθω διατάξομαι.